Esperar no Senhor
Esperar no Senhor é ato de fé e confiança. A Bíblia promete que os que esperam em Deus renovam as forças, recebem direção e experimentam a fidelidade divina no tempo certo.
Renovar as forças
Os que esperam no Senhor renovam as forças. Sobem como águias, correm e não se cansam, caminham e não se fatigam.
Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,
hunna ifii hin haareffatan.
Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;
hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.
Mootiin Waan Maraa ammalle isin marariisaaf hin ossata; inni isiniif nayiisaaf hin ka’a; Mootiin Waan Maraa Waaqa haqaa ti; tanaaf worri isatti addatu duudiin gammaduu ti.
Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.
Lafa worra jiraata’aa keessatti
dansummaa Mootii Waan Maraa
akka dhaggu hin addadha.
Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.
Daadimata Waaqatti Addatiisaa
Faaruu Daawitii.
Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
Worri hamaaleyyiin foon kiyya nyaatiisaaf
yennaa natti dhufanu,
diinoti kiyyaa fi nyaapholeen tiyya
yennaa na lolanu,
isaanuu gufatanee hin jigan.
Loltooti duudiin na marsanulle,
ani hin sodaadhu;
lolli yoo natti ka’elle,
ani Mootuma Waan Maraa addadha.
Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;
isiille dhaggatuu barbaada:
bara jiruu tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa akka le’u,
dansummaa isaa akka dhaggu,
Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti
akka isa barbaadadhu.
Inni guyyaa rakkinnaa
mana ifii keessatti na hin eega;
Dunkaanii Woyyittii ifii keessatti na hin dhossa;
rassaa irratti ol na hin baasa.
Achiin duuba diinota na marsaneeranu irratti
mataan kiyya ol hin jedha;
gammadaa ilillisaa addee dunkaanii isaatitti,
ciincaa isaaf hin dhikeessa;
faarfataa, Mootii Waan Maraa hin leellisa.
Ee Mootii Waan Maraa,
ani yennaa si waamu,
naa dhage’i;
naa marariitii,
daadimata kiyya naa dhage’i.
Gadhaan kiyya,
«Fuula isaa barbaadi» naan jedhe;
ee Mootii Waan Maraa,
ani fuula keeti barbaada.
Fuula keeti na hin dhossin.
Ati aari’iin ana tajaajilaa keeti
ifi irraa hin fageessin;
ati qarqaarsa naaf teeteerta.
Ee Waaqa fayyisaa kiyya,
na hin gatin; na hin lakkisin!
Abbaan kiyyaa fi haati tiyya
yoo na lakkisanelle
Mootiin Waan Maraa kiyya na hin fudhata.
Ee Mootii Waan Maraa,
karaa keeti na barsiisi;
ani diinota hedduu waan qabuuf,
daandii qajeelaa irra na sooressi.
Dhugaa baatoti dharaa
hunnaan waan na irratti ka’aneef,
fedhii diinota kiyyaatiif
dabarsitee na hin kennin.
Lafa worra jiraata’aa keessatti
dansummaa Mootii Waan Maraa
akka dhaggu hin addadha.
Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.
Espera paciente
Esperei com paciência no Senhor e Ele se inclinou para mim. Confie nele e descanse — Ele agirá no tempo certo.
Faaruu Leellisaa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
Ani ossaan Mootii Waan Maraa eegadhe;
innille gara kiyya deebi’ee iyya tiyya dhage’e.
Inni boolla caffa’aa,
linxixxoo dhoqqe’ee keessaa na baase.
Inni miila kiyya rassaa irra dhaabbachiisee,
addee jadduu ani ideemu naa kenne.
Inni faaruu haareya
leellisa Waaqa keennaa afaan kiyya keessa keye.
Worri hedduun tana dhagganee isa sodaatanee,
Mootii Waan Maraatitti addatan.
Nami Mootii Waan Maraatitti addatu,
gara worra koorameeyyi’iitii fi,
dharaameyyi’ii deebi’iisaan ka itti hin addanne,
ka gammade.
Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,
baasa hedduu nuu gooteerta;
ka akka keetii hin jiru!
Ati waan baasaa nuu yaadatteerta.
Laakkossi waan kanaa guddoo baca’a;
ani ijjumaa odeessee fixee hin dande’u.
Ati ciinca’aa fi kennansa hin barbaaddu;
horiin addee ciinca’aa irratti akka ciinceffamu,
yookiin ciincaa araara cubbu’uu hin barbaaddu.
Tanaa manna, gurra sii dhage’u naaf kenniteerta.
Tanaaf anille, «Marroo tiyyaaf
kitaaba maramaa keessatti akkuma barreeffante,
kunoo, ani dhufeera;
Waaqa kiyya,
ani fedhii teeti muummessuu halcha;
seerri keeti gadhaa kiyya keessa jira» jedhe.
Ani wolde’a guddicha keessatti,
balchummaa teeti odeessa.
Ee Mootii Waan Maraa,
akkuma ati beettu ani odeessuu ijjumaa hin lakkisu.
Ani balchummaa teeti gadhaa kiyya keessatti
hin dhossine;
ani addatamummaa teetii fi
fayyisiisa keeti odeesseera.
Wolde’a keeti guddicha duraa
jaala keeti ka bara baraatii fi
addatamummaa teeti hin dhossine.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati marartii teeti na hin dhooggatin;
jaalalli keeti ka bara baraatii fi addatamummaan teeti
yennaa mara na eeganuu ti.
Rakkoon hedduun haga hin qanne na marsiteerti;
haga ani woy dhagguu dadhabutti,
cubbuun tiyya na liqinsiteerti;
cubbuun tun rifeensa mataa kiyyaa caalti;
anille jajjabaatiisa dadhabeera.
Ee Mootii Waan Maraa, maganne’ee na baasi;
na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
Worri na ijjeesiisa barbaadu marti
fokkifatanee qaanowanuu ti.
Worri miidhama kiyya halchu marti
salphinnaan gara duuba deebi’anuu ti.
Lubbuun teenna addi’iin Mootii Waan Maraa eegatti;
inni qarqaaraa keenna; wontee teennalle’e.
Maqaa isaa woyyichatti waan addannuuf,
gadhaan keenna isatti gammada.
Ee Mootii Waan Maraa,
akkuma nuuti addii si godhane,
jaalalli keeti ka bara baraa nu irratti te’uu ti.
Ani Mootii Waan Maraa eegadha;
Lubbuun tiyyalle hin eegatti;
addi’iin jecha isaa eegadha.
Eeddota bari’iisa eegatanu caalaa,
ee, eeddota bari’iisa eegatanu caalaa,
lubbuun tiyya Goottaa eegatti.
Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti;
addiin tiyya isa irraa naa dhutti.
Mootii Waan Maraa addi’iin eegadhu;
karaa isaalle eegadhu;
inni lafa si dhaalchisiisaaf ulfinna si’iif hin kenna;
badii worra hamaaleyyi’iille hin dhaggita.
Confiança e perseverança
Confie no Senhor de todo o coração. Sede pacientes na tribulação — o Senhor é fiel e cumprirá todas as suas promessas.
Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;
hubantii teetitti hin irkatin.
Karaa keeti maraan isa beeki;
inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.
Tana qofaan adoo hin te’in, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu’uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle’een ifi jajna. Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida.
Goottaan hunna ifii ulfaata’aan, jabeenna isiniif kennu; waan mara ossaan dande’iisaafille ka gammaddanu isin godhu.
Rakkinna Keessatti Ossatuu
Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi’ee dhufutti ossadha’a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege’ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala’a. Isinille akkasuma ossadha’a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha’a.
Worra ciniinnatee ossaa ture san, nuuti akka worra badhaadheetitti isaan ilaalla. Iyoob attam akka ciniinnatee osse dhageettaneertan; muummee irratti waan Goottaan godhe dhaggitaneertan; sababille Goottaan marara’aa fi gadhi-laafessa.
Isin dhuga’aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jaalala dhuga’aatiin jaalattaneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa’aa wol jaaladha’a. Isin karaa jecha Waaqaa jiraata’aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te’in sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan. Sababille Barreeffam Woyyichi
«Nami foon uffate duudiin akka marraa ti;
ulfinni isaalle akka daraaraa badda’aa ti;
marri hin qoora; daraaraalle hin harca’a.
Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le’a.
Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana» hin jedha.
Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi’uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
Mammaassa Durroota Kudhanii
Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubba’aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. Durroota san keessaa shanan gowwoole’e, shanan qaroole’e. Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa’atti naqatanu hin qabanne. Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote’etti qabatane. Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.
«Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo’oon, ‹Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya’a!› waamichi jedhu dhage’ame. Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimmidhaaffatte. Durri gowwooleen sun worra qaroole’een, ‹Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna’a› jedhaneen. Durri qarooleen deebisanee, ‹Waawwo’o! Nu’uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa’aatii bitadha’a› jedhaneen. Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophootteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.
«Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‹Gootta’a, Gootta’a! Nuu bani!› jedhaneen. Inni ammoo deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku› jedheen. Tanaaf, guyyaa san yookiin saatii waan hin beenneef dammaqa’aa eegadha’a!» jedhe.