Espírito
O espírito humano é a parte mais profunda do nosso ser — onde Deus habita, onde a fé se ancora e de onde brota a verdadeira adoração. A Bíblia nos chama a viver pelo Espírito.
A natureza do espírito
O espírito está pronto, mas a carne é fraca. A batalha entre carne e espírito é constante e exige vigilância.
Akka ataabe’etti hin gallelle daadimadha’a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba’a» jedheen.
«Worri le’ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te’ane itti dhage’antu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
Halchaan foonii halchaa Ayyaanaatiin mormiti; halchaan Ayyaanaalle halchaa fooniitiin mormiti; halchaan lamaan tun waan wol mormituuf, waan jaalattanu godhiisaaf hin dandeettanu.
Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan sooreffamaa le’aa malee, halchaa foonii hin muummessina’a!
Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, qajeelumma’aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.
Worra Ayyaanaan leenu yoo teene, Ayyaanaan sooreffannuu ti.
Yaada fooniitiin mowamuun du’a fida; yaada Ayyaanaatiin mowamuun ammoo jiru’uu fi nageya kenna.
O Espírito de Deus em nós
Vosso corpo é templo do Espírito Santo. Deus fortalece com poder no homem interior pelo seu Espírito.
Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te’e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti. Waaqi gati’iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa’a.
Nami Gootta’atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te’a.
Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru.
Maan godhuu qaba? Ani ayyaana kiyyaan hin daadimadha; qalbii tiyyaalle’een ammoo hin daadimadha; ayyaanaan hin faarsa; qalbii tiyyalle’een ammoo hin faarsa.
Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha. Karaa dhugeeffanna’aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha.
Abbaa ulfinnaa, Waaqa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, akka isin isa beettanu, Ayyaana qaroo isin godhuu fi ka Waaqa isinitti mudhisu, akka isinii kennuuf daadimadha.
Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba’a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda’aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne. Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya.
Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya.
Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba’a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda’aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne.
Yoo Kiristoos isin keessa jiraate, sababa cubbu’uutiif nafi keessan du’ulle, sababa balchumma’aatiif Ayyaanni jiruu isinii kenna.
Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti.
Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu qarqaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi’iin himantee hin dandeenneen nu’uuf daadimata.
Jabaadha’aa huja’a malee, gadhee hin te’ina’a. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila’a.
Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.
Vida no Espírito
Deus é Espírito e importa que os que o adoram o adorem em espírito e em verdade. O Espírito vivifica e transforma.
Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga’aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.
Yennaan worri dhuga’aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga’aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga’aan isa waaqonfatanu barbaada. Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga’aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.
Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw’iti’iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te’ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna.
Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu’uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa’a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa’a goona.
Ayyaanni Waaqi nu’uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu’uuti malee, Ayyaana soda’aatii moti.
Ayyaanni Waaqi nu’uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu’uuti malee, Ayyaana soda’aatii moti.
sababille daadimannaa keessanii fi qarqaarsa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin akka bilisa bawu hin beeka.
Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
Promessas do Espírito
Derramarei o meu Espírito sobre toda a carne. O Espírito revela, guia e capacita os filhos de Deus.
Isin xixicha kiyya yoo dhageettane,
ani silaa waan gadhaa kiyya keessa jiru,
yaada kiyya akka beettanu hin godhaayyu.
Nami akka ifiif ilaalutti
karaan isaa marti qulqulluu isatti fakkaata;
yaada gadhaa isaa ammoo
Mootiin Waan Maraa hin madaala.
Ifi jajuun badiisatti,
koorri jigiisatti nama geessa.
Worra kooru woliin boojuu qoodamiisaa mannaa,
worra hiyyeeyyii woliin gad ifi qabiisa woyya.
Nama hunnaamessaa mannaa,
nama ossataa woyya;
nama hunnaan qachaa tokko qabatuu mannaa,
nama ifi qabatu woyya.
Mootiin Waan Maraa qalbii namaa hin ilaala;
keessa namaalle hin qorqora.
Jechi Mootii Waan Maraa ka ergamaan Waaqaa akka ani Zarubaabelitti himuuf natti hime kana: «Ayyaana kiyyaan malee hunnaa fi jabeennaanii moti.
Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira;
akka ani oduu gammadaa
worra cunqurfameef lallabu,
na muudeera.
Worra gadhaan isaanii madaye
akka ani fayyisuuf,
worra booji’ame akka ani bilisa baasuuf,
worra hidhame akka ani hiikuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
Ani akka isaan ijjumaa naaf addatamanu gadhaa addatamumma’aa isaaniif hin kenna; qalbii haareyalle isaan keessa hin keya. Gadhaa isaanii ka akka dhaka’aa isaan keessaa baasee, gadhaa isaanii ka foonii isaaniif hin kenna. Achiin duuba isaan ajaja kiyya hin muummessan; seera kiyyalle hin eegatan; isaan kolbaa tiyya hin te’an; anille Waaqa isaanii hin te’a.
Goottaan Mootiin Waan Maraa, lafeelee tanaan: Kunoo, ani hafuura isinitti hin galcha; isin lubbu’uun hin jiraattan.
Cuidar do espírito
Cria em mim um coração puro e renova dentro de mim um espírito reto. O espírito quebrantado Deus não rejeita.
Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;
ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.
Fuula keeti duraa na hin fageessin;
Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.
Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san,
adde’etti naaf deebisi;
akka si’iif ajajamu na qarqaar.
Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe;
ee Waaqa, ati yaada gad jedhee,
cubbuu irraa deebi’u hin tuffattu.
Mootiin Waan Maraa
worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;
inni worra addii kutateeru hin baasa.
Worra isin baasuu hin dandeenne,
qondaaltota ilmaan namaa
itti hin addatina’a!
Isaan yennaa du’anu,
gara biyye’ee deebi’an;
guyyuma san karoorri isaanii hin bada.
Jechi Waaqaa jiraata’aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.
Nafi hafuura hin qanne ka du’e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute.
Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina’a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa’aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te’e qorqora’aatii ilaala’a.
Inni Ayyaana ifii irraa waan nu’uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna.
Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
Achiin duuba wonni bobe’a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba’atti bu’e. Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeessisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.
Waaqi jalqaba ol-gubba’aa fi lafa dade. Latti akka hin qadduuyyu; duwwaalle’e. Dukkanti qilee abbaaya’aa irra jirtiiyyu; Ayyaanni Waaqaalle bisaan irra tatacho’aa ture.
Ammoo ka nama keessa bulee hubantii namaaf kennu
ayyaana Waaqa waan mara dande’uu ti.
Jiruun teeti akka haachaba meeti’ii adoo hin citin yookiin akka qorii worqi’ii adoo hin cabin yookiin akka waan bisaaniin woraabbatanuu, madda biratti adoo hin bututin yookiin akka korboo bisaan boollaa ittiin woraabbatanuu, adoo hin cabin, biyyeen gara biyye’ee adoo hin deebi’in, hafuurrille gara Waaqa isa kennee adoo hin deebi’in ka si dade qaabadhu.
Ani bilbaasaa fi maadee ka Waaqi Ol-Aanaan naaf huje isinitti himuu fedha.
«Bilbaasi isaa attam attam gudda’a!
Maadeen isaa attam attam jaddu’u!
Mootummaan isaa ta bara baraa ti;
inni dhalootaa haga dhalootaatitti bulcha.