Publicidade

Gentileza

Por Bíblia Online

A gentileza é fruto do Espírito e marca do cristão maduro. Palavras suaves, gestos de bondade e amor ao próximo — a Bíblia nos chama a tratar todos com graça e compaixão.

Seja gentil

A vossa gentileza seja conhecida de todos. A palavra branda desvia a ira, e a boa conduta atrai os que estão distantes.

Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera.

Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti;

jechi jabaan aarii kakkaasa.

Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti;

namatti mi’ootti;

lafee namaatiifille fayyinna kenniti.

Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le’a. Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi’awu te’uu ti.

Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma’aa fi ossata uffadha’a.

Gentileza como fruto

O fruto do Espírito inclui bondade e amabilidade. Amem uns aos outros com afeição fraternal e tratem bem a todos.

Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, qajeelumma’aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.

Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti.

Tajaajila Waaqa Gammachiisu

Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaaladha’a! Keessummaa fudhattanee keessummeessiisa hin dedhina’a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeessaneeran.

Worra Dhibii Hin Gufachiisin

Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu’utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha’a.

« Ati gadhaa keeti keessatti obboleessa keeti hin jibbin; Yakkaa isaatiif gorsa isaaf kenni malee, sababa isaatiif yakkaamessa hin te’in. Ani Mootii Waan Maraa ti; ati akka ifi jaalattu nama jaaladhu malee, haluu hin bayin, quuqaalle itti hin qabatin.

«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Muraa dhuga’aa mura’a; woli woliif arjooma’a; wolille’eef marara’a. Haadhotii hiyyeessaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne, orma, yookiin hiyyeeyyii hin miicina’a. Gadhaa keessan keessatti hantuu woliif hin yaadatina’ajedha» jedhe.

Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu na fudhata; nami na fudhatulle ka na erge fudhata» isaaniin jedhe.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-