Publicidade

Incentivo

Por Bíblia Online

A Bíblia é fonte inesgotável de incentivo. Em cada página, Deus nos encoraja a não temer, a perseverar e a confiar que Ele está conosco e é maior que qualquer adversidade.

Deus é por nós

Se Deus é por nós, quem será contra nós? O Senhor fortalece, sustenta e guia seus filhos em cada batalha e desafio.

Jaalala Waaqaa

Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande’a?

Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!

Ani Waaqa keeti waan te’eef hin rifatin!

Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;

harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.

Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha’a; jajjabaadha’a; isaan hin sodaatina’a yookiin hin bararaqina’a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.

Ayyaanni Waaqi nu’uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu’uuti malee, Ayyaana soda’aatii moti.

Esperança e perseverança

A tribulação produz perseverança, a perseverança produz caráter, e o caráter produz esperança que não decepciona.

Tana qofaan adoo hin te’in, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu’uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle’een ifi jajna. Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida. Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu.

Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina’a!

Rakkinna sitti dhufaaru hin sodaatin. Kunoo, Seexanni isin haga ilaaliisaaf, isin keessaa garii mana hidha’aatitti hin galcha; guyyaa kudhan hin rakkatan. Haga du’aatitti ka addatante te’i; anille kallacha jiru’uu si’iif hin kenna.

Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.

Dhugeeffanna’aan Jiraatuu

Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama. Rakkoon teenna diqqo’oo fi ta haga yenna’aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti. Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna’aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti.

Yesuus, «Maaf Yoo dandeettejetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande’anti» jedhee deebise.

Deus cuida de nós

Entrega o teu caminho ao Senhor. Lança sobre Ele as tuas ansiedades, porque Ele tem cuidado de nós diariamente.

Karaa keeti Mootii Waan Maraatitti kennadhu;

isa addadhu; innille si’iif hin milkeessa.

Mootiin Waan Maraa

karaa namaatitti yennaa gammade,

karaa isaaf akeekee, ijjata isaa jabeessa.

Mootiin Waan Maraa harka ifiitiin isa waan qabuuf,

yoo gufatelle hin jigu.

Ba’aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;

inni si utuba;

inni worra balchoolee

ijjumaa akka raafamanu hin godhu.

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Ittiin ol bayanu

Rakkinna kiyya keessatti

ani gara Mootii Waan Maraa iyye;

innille deebii naaf kenne.

Ani loltoota kuma hedduu

ka na marsaneeranu

hin sodaadhu.

Futuro e promessas

Eu sei os planos que tenho para vocês — planos de paz e não de mal, para dar-lhes futuro e esperança.

Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;

hunni isaa injifannoo sii kenniti;

inni guddoo sitti hin gammada;

jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;

inni faaru’uun si’itti hin gammada» hin jedhan.

Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande’antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande’anti» jedhe.

Teetuu malee Barreeffam Woyyichi,

«Waan ilti namaa hin dhaggin,

Waan gurri namaa hin dhage’in,

Waan gadhaan namaa hin yaadatin

Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesseera» jedha.

Shamaan garuu fichuma san keessa dhaabbatee, Filisxeemota ijjeesee fichaa irraa deebise; guyyaa san Mootiin Waan Maraa injifachaa guddaa isaaf kenne.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-