Intimidade com Deus
A intimidade com Deus é o maior privilégio do cristão. Ele nos convida a nos aproximar, a conhecê-lo profundamente e a desfrutar de comunhão diária com o Criador do universo.
Aproximar-se de Deus
Chegai-vos a Deus e Ele se chegará a vós. Deus deseja intimidade, não religiosidade. Ele busca os que o buscam de todo coração.
Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a.
Mootiin Waan Maraa, «Isin worri dheebottane marti,
gara bisaanii kowa'a!
Isin worri beesee hin qanne,
kowa'aatii, bitadha'aa nyaadha'a!
Kowa'aatii, beesee malee, gatii malee,
daadhii woyni'iitii fi aanan bitadha'a!
Waan sagalee hin te'initti
maaf beesee teessan baattan?
Waan isin hin quussinetti maaf eloottan?
Na caqasa'a, waan dansaa nyaadha'a;
sagalee dansa'atti gammada'a.
Gara kiyya kowa'a!
Gurra keessan gara kiyya deebifadha'a;
akka jiraattanuuf na dhage'a'a!
Jaalala kiyya ka bara baraa ka Daawitiif waadaa galeen,
gondooroo bara baraa isin woliin hin godha.
Kunoo, ani Daawiti
kolbaa heddu'uuf dhugaa-bayaa,
sooressaa fi ajajaa kolbaa heddu'uu godheera.
Kunoo, ani Mootiin Maan Maraa
Waaqi keeti Woyyichi Israa'elii
ulfinna waan sii kenneef,
ati gosa biyya adda addaa ta hin beenne hin waanta;
gosi biyya adda addaa ta si hin beennelle
ariiti'iin gara keeti hin dhufan» jedha.
Yennaa Mootiin Waan Maraa dhaggamu barbaadadha'a;
adoo dhikoo jiruulle isa waammadha'a.
Adoo isaan na hin waammatin, ani isaaniif hin owwaadha; adoo isaan dubbatiisatti jiranuu, ani isaaniif hin dhage'a.
inni, ‹Na waammadhu! Anille si'iif hin deebisa; waan guddoo ati hin beenne ta ati qorqortee bira hin geenne sitti hin hima› jedha.
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.
Sede de Deus
Como a corça deseja as correntes de água, assim a minha alma suspira por ti, ó Deus. A intimidade nasce do desejo profundo.
Akkuma gadansi bisaan yaa'u dharra'u,
Ee Waaqa, anille si dharra'a.
Lubbuun tiyya Waaqa,
Waaqa jiraataa dheebotti;
ani yoom dhaqee fuula isaa
dhagguu dande'a ree?
Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya;
ani si barbaada.
Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee,
lubbuun tiyya si dheebotti;
nafi kiyyalle si dharra'a.
Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessatti
si ilaalee,
hunnaa fi ulfinna keeti dhagge.
Jaalalli keeti ka bara baraa
jiruu waan caaluuf,
arrabi kiyya si leellisa.
Ani haga jiru si leellifadha;
harka kiyya ol qabadhee,
maqaa keeti waammadha.
Akka sagalee dansaa nyaatteetitti,
lubbuun tiyya quutte;
afaan kiyya arraba ililleetti'iitiin si leellisa.
Taqee tiyya irratti si qaabadha;
halkan duudii marroo teeti yaada.
Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef,
gaaddisa bobaa teetii jalatti,
gammadaan faarfadha.
Lubbuun tiyya sitti maxxanti;
harki keeti middichi ol na qaba.
Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu,
qilee lafa jalaatitti gad bu'a.
Isaan shallaagaa afaan bu'an;
jeedalaaf sagalee te'an.
Mootichi ammoo
Waaqaan hin gammada;
worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti
Waaqa hin leellisa;
afaan worra dharaameyyi'ii hin cufama.
Unidade com o Pai
Jesus orou pela unidade dos seus com o Pai. A intimidade com Deus inclui confissão, perdão e alegria na comunhão.
Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te'anuuf, ulfinnuma ati naaf kennite, anille isaaniif kenne. Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te'anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaalatte, isaanille akka jaalatte akka beettuuf daadimadha.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;
hunni isaa injifannoo sii kenniti;
inni guddoo sitti hin gammada;
jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;
inni faaru'uun si'itti hin gammada» hin jedhan.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama'aa fi qajeelaa waan te'eef cubbuu teenna nu'uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle'ee nu hin qulleessa.