Pular para o conteúdo
Publicidade

Legalidades

Por Bíblia Online

A Bíblia reconhece a necessidade de leis e governo civil. Os cristãos são chamados a obedecer às autoridades estabelecidas por Deus, enquanto mantêm a lealdade suprema a Cristo.

Submissão às autoridades

Toda autoridade é instituída por Deus. O cristão é chamado a respeitar as leis, pagar tributos e honrar quem governa.

Worra Baallii Qabuuf Ajajamiisa

Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatiin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame. Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida. Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta. Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si’iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma shallaagaa hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu. Tanaaf nami adabbii Waaqaa qofaaf adoo hin te’in, sababa wodana’aatiif jedhee worra baallii qabuuf ajajamuu qaba. Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira. Waan isaan isin irraa dhaggachu’uuf malane, kenna’aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna’a.

Wol Jaalatuu

Beenyaa eennuulle hin qabaatina’a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te’uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera.

Worri Yihudoota hin te’in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka’atti amala dansa’aan le’aa.

Gootta’aaf jedha’aatii lafa tanatti worra baallii qabu maraaf: mootii moototaa ka baallii ol aantuu qabuuf, yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama’a.

Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma’aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!» jedhaneen.

Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin kijiboole’e! Maaf haga na ilaaltan? Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa’a?» jedhe. Isaanille beesee san takka itti fidane. Achiin duuba inni, «Fakki’ii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate.

Isaan deebisanee, «Ka mootii mootota biyya Rooma’aa ti» jedhaneen.

Achiin duuba inni, «Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna’a» isaaniin jedhe.

Obrigações legais

Jesus cumpriu obrigações legais, pagou impostos e orientou seus seguidores a obedecer à lei sem comprometer a fé.

Kaffala Gibira Galma Waaqaa

Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Qifirnaahoom geyane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, «Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?» jedhaneen.

Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, «Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi’ii irraa guuran?» jedhee isa gaafate.

Pheexroos deebisee, «Nama biyya dhibi’ii irraa guuran» jedheen.

Yesuus deebisee, «Nami biyya isaanii bilisa ree! Te’uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya’aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaan isi’ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii naaf, ifille’eef kaffali!» jedheen.

«Nama si himate tokko woliin gara mura’aa adoo ideentuu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali. Achi geettee jennaan, abbaan mura’aa ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhu mana hidha’aatitti si galcha. Ani dhugumaan sitti hima, waan sitti murame keessaa saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe.

Sababa kiyyaaf akka isinitti muranu gara bulchitootaa fi moototaa waan geeffantanuuf, isaanii fi worra Yihudoota hin te’in duratti dhugaa baatota tiyya hin teetan. Yennaa isaan dabarsanee isin kennanu ammoo, maan akka jettanu yookiin attam akka dubbattanu hin yaadina’a; yennuma san wonni dubbattanu isiniif hin kennanti.

Dhaloota Yesuusii

Yennaa san worri mootummaa worra Rooma’aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugusxoos ajaja baase. Laakkossi kolba’aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya’aa te’eerutti te’e. Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe. Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te’eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda’aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe. Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe.

Perspectiva divina

As nações são como uma gota no balde diante de Deus. Ele abre portas que nenhuma lei pode fechar.

Gosi biyya adda addaatuu

akka copha bisaanii ka sakkeelloo keessaa ti;

isaan akka bukuu madaala irraa ti;

kunoo, inni oddoolota akka bukuun kaatu hin kaasa.

Gosi biyya adda addaa

isa duratti womaa moti;

isaan isa duratti

waan tokkolle’etti hin laakkowamanu.

Balbalti badhoon bu’aa qabeettiin naaf bananteerti. Worri ana mormu ammoo heddu’u.

Philaaxoos, «Ati natti hin hintuu? Akka ani si hiikiisaa fi si fannisiisaafille baallii qabu hin beettuu?» isaan jedhe.

Yesuus deebisee, «Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii na irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cubbuu caaltee ti» jedhe.

Seja o primeiro

Este artigo te tocou? Faça uma oração!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.