Pular para o conteúdo
Publicidade

Língua

Por Bíblia Online

A língua tem poder de vida e de morte. A Bíblia compara a língua ao leme de um navio e à faísca que incendeia uma floresta. Dominar a língua é prova de maturidade espiritual.

O poder da língua

A morte e a vida estão no poder da língua. Quem a domina é varão perfeito, capaz de controlar todo o corpo.

Arrabi hunna du’aa fi jiru’uu qaba;

worri isa jaalatu bu’aa isaa hin nyaata.

Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toowatuu dande’u, nama miju’u.

Fardi akka nu’uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina. Me hoboloo guddittii ilaala’a! Hoboloon guddoon adoo guddo’ootuu, qilleensa jabaalle’een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa. Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te’eeruu, waan gugurdo’oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha’a! Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu’utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le’ii teennaa duudii hin guba; ifille’eef ibidda qile’eetiin gubata.

Nami bineensota adda addaa, sinbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande’a; leenjiseeralle’e. Nami arraba leenjisuu dande’u ammoo hin jiru; inni hadhaa du’aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne.

Nuuti arrabaan Waaqa Abbaa keenna galateessina, isumaanuu namoota fakkeenna Waaqaatiin dadamane abaarra. Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te’uu hin malle. Maddi tokkochi bisaan mi’owuu fi hadhowu hin maddaa? Obboleeyyan tiyya! Muki harru’uu midhaan ejersaa, muki woyni’iille midhaan harru’uu buusuu hin dande’aa? Akkasuma maddi horaa bisaan nami unu madduu hin dande’u.

Palavras sábias

A língua branda quebra até ossos. A palavra certa no tempo certo é como maçãs de ouro em salvas de prata.

Nami ossa qabu

bulchaa biyyaa tokko gadhaa hin laaffifata;

arrabi dansaan nama mataa jabaatu laaffisa.

Dubbiin gar-maleen

akka shallaaga’aa nama woraanti;

arrabi nama qaro’oo ammoo nama fayyisa.

Afaan dhuga’aa haga bara baraa jiraata;

arrabi sobaa ammoo yennaa diqqoo qofa jiraata.

Jechoota bacaa keessaa,

cubbuun hin dhabantu;

nami arraba ifii eegatu ammoo qaro’o.

Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata;

afaan ifiille yoo qabate

akka hubata’aatitti ilaallama.

Disciplinar a fala

Quem guarda a boca e a língua guarda a sua alma de angústias. A religião sem controle da língua é vã.

Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu.

Jiruu Namaa Gabaadduu

Faaruu Daawitii, Sooressa faarfattootaa Yedutu’uuf.

Ani, «Arraba kiyyaan cubbuu akka hin dubbanne

lafa dhaqu maratti ifi hin eegadha;

haga nami hamaan na bira jiru,

ani womaa hin dubbadhu» jedheera.

Ka jiruu jaalatu,

waan dansaa dhaggiisaafille

bara hedduu ka halchu eennu?

Arraba keeti waan hantuu irraa,

hidhii teeti soba dubbatiisa irraa eegadhu.

Afaan nama balcha’aa qarummaa odeessa;

arrabi isaa haqa dubbata.

Seerri Waaqaa qalbii isaa keessa jira;

miilli isaalle hin fallaadu.

Arrabi kiyya balchummaa teetii dubbataa,

guyyaa guutuu si hin leellisa.

Adoo dubbiin afaan kiyyaa hin bayin,

ee Mootii Waan Maraa,

ati dubbii san maraayyuu hin beetta.

Ee Mootii Waan Maraa,

worra dhara dubbatuu fi

soba dubbatu jalaa na baasi.

Mootiin Waan Maraa

hidhii sossobaatii fi arraba koorameessaa kutuu ti.

Isaan, «Nuuti dubbannee

waan feene hin dhagganna;

waan feene hin dubbanna;

ka nu dhoogguu dande’u hin jiru» jedhan.

Ee Gootta’a, ani qachaa keessatti

hunnaan wolitti ka’iisaa fi

wol loliisa waan dhaggeef,

arrabi isaanii akka wol irraa miliqu godhi;

mala isaaniille balleessi.

Toda língua confessará

Ao nome de Jesus todo joelho se dobrará e toda língua confessará que Jesus Cristo é Senhor, para glória de Deus Pai.

Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee,

maqaa maqaa mara caalulle kenneef.

Tanaaf worri ol-gubbaa jiru,

worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu,

ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan.

Arrabi martinuu,

ulfinna Waaqa Abba’aatiif,

Yesuus Kiristoos Goottaa akka te’e,

dhugaa baasee hin dubbata.

Jaalala Dhugicha

Afaan namootaatii fi ergantoota Waaqaatille’een dubbadhee, jaalala qabaachuu yoo dhabe, ani akka bilbila iyyuu yookiin akka sibiila qilillisuu ti.

Ani isinitti hima, guyyaa mura’aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan; Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti» jedhe.

Mootiin Waan Maraa qacha’aa fi xelleephoo ilmaan namaa ijaarane san ilaaliisaaf gad bu’e. Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka’a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju’uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu. Kowa’a, gad buunee, akka isaan wolii hin galle, afaan isaanii wol keessa akka makamu goona» jedhe. Maarre Mootiin Waan Maraa lafa duudii irra isaan bittinneessee, qachaalle ijaariisa lakkisane. Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel» jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse.

Seja o primeiro

Este artigo te tocou? Faça uma oração!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.