Livramento
Deus é o grande Libertador. Através da Bíblia, vemos Deus livrando seu povo de inimigos, de perigos e da morte. Quem clama ao Senhor, Ele ouve e liberta.
Deus ouve e livra
Clamaram ao Senhor na sua tribulação, e Ele os livrou das suas angústias. O Senhor é refúgio e a salvação dos que nele confiam.
Yennaa balchooleen gara isaa iyyitu,
Mootiin Waan Maraa isaaniif hin dhage’a;
inni rakkinna isaanii mara keessaa
isaan hin baasa.
Inni na hin waammata;
anille deebii isaaf hin kenna;
yennaa inni rakkatu isa woliin hin jiraadha;
ani isa hin baasa; ulfinnalle isaaf hin kenna.
Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,
Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.
Waaqi tiyyoo nami si’iif afee fi
dhukkuba hamaa jalaa si hin baasa.
Waaqi keenna, Waaqa nu fayyisu;
Mootiin Waan Maraa Waaqi ka du’a jalaa nu baasu.
Ati lubbuu tiyya du’a irraa,
miila kiyyalle jigiisa irraa hamburteerta.
Tanaaf, ee Waaqa, ani fuula keeti dura
ifa jiru’uu keessa ideema.
Worra dadhaba’aa fi hiyyeeyyii hambura’a;
harka worra hamaaleyyi’ii keessaa isaan baasa’a.
Ee Mootii Waan Maraa, maganne’ee na baasi;
na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
Tanaaf, nami addatamaan marti
gara keeti daadimatuu ti.
Rakkinni akka lolaa jaba’aa yennaa dhufe,
isa hin dhaqqabu.
Livramento poderoso
Deus livrou Daniel dos leões, os jovens hebreus do fogo e Israel do Egito. Seu braço não é curto para salvar.
Ee mooticha, nuuti bobe’a ibiddaa keessatti yoo darbatanelle, Waaqi nuuti tajaajillu nu baasuu hin dande’a; harka keeti keessalle’ee nu hin baasa. Yoo nu baasuu dhabelle, nuuti waaqota keeti akka hin tajaajille, fakkii worqi’ii ta dhaaddelle akka hin waaqonfanne beeki» jedhane.
Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf,
inni diinota kiyya hunnaameyyii,
worra na jibbu jalaa na baase.
Daawitii fi Ele’azaar fichaa san keessatti waan addee qabataneeranuuf, worra Filisxeemotaa lolane; Mootiin Waan Maraa injifachaa guddoo isaaniif kenne.
Isin yoo isaan gad qaddanee isaan gara kiyya iyyane, dhugumaan ani iyya isaanii hin dhage’a.
Ani duruuyyuu Waaqa;
gara duraalle ka jiraatu anuma.
Eennulle harka kiyya keessaa bawuu hin dande’u;
waan ani huju eentu jijjiiruu dande’a?» jedhe.
Redenção e restauração
Todo aquele que invocar o nome do Senhor será salvo. Deus livra do pecado, da morte e de todo mal aqueles que se humilham diante dele.
Sababille Barreeffam Woyyichi, «Nami maqaa Gootta’aa waammatu mara hin fayya» jedha.
Amma maan eedda ree? Ol ka’iitii, maqaa isaa waamaa cuuphamiitii, cubbuu teeti dhiqadhu› anaan jedhe.
Akkasuma isaan Ilma isaa Yesuus, ka ol-gubbaa irraa dhufu, ka inni du’a keessaa kaase, ka mufii Waaqaa ta dhuttu jalaa nu baasu akka eegattanu hin himan.
kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage’a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa.
Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha. Waan mara maqaa kiyyaan yoo na gaafattane, ani hin godha» jedhe.
Marroo Ayyaana Woyyichaatiif Addii Kennante
Yesuus deebisee, «Isin yoo na jaalattane, ajaja kiyya hin eeggattan. Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna.
Waaqi cubbaaleyyi’iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage’a.
Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.
Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa gaafatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!
Inni Waaqa daadimata;
daadimata isaalle Waaqi hin dhage’a.
Inni fuula Waaqaa dhaggee hin ilillisa;
Waaqille gara addee balchummaa isaatitti
isa hin deebisa.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.