Publicidade

Louvor e adoração

Por Bíblia Online

O louvor e a adoração são o propósito supremo da vida cristã. A Bíblia está repleta de exortações a louvar o Senhor — com cânticos, instrumentos, danças e com todo o nosso ser.

Louvai ao Senhor!

Todo ser que respira louve ao Senhor! O louvor é o sacrifício agradável que oferecemos continuamente a Deus.

Wonni hafuura baafatu martinuu

Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Addee Woyyittii isaa keessatti,

Waaqa leellisa’a!

Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti,

isa leellisa’a!

Hujii jadduu inni godheef isa leellisa’a.

Guddinna isaa,

ka waan mara caaluuf isa leellisa’a.

Tultulla’aan isa leellisa’a.

Kiraara guddichaa fi

maseenqo’oon isa leellisa’a.

Dibbe’ee fi shubbisiisaan isa leellisa’a.

Kiraaraa fi suusulle’een isa leellisa’a.

Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun,

isa leellisa’a.

Sibiila wolitti dhowamee,

akka malee qilillisuun isa leellisa’a.

Wonni hafuura baafatu martinuu

Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Dibbe’ee fi shubbisiisaan isa leellisa’a.

Kiraaraa fi suusulle’een isa leellisa’a.

Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti;

dibbe’ee fi kiraara guddichaan

isaaf faarsanuu ti.

Mootii Waan Maraa leellisa’a;

faaruu haareya

Mootii Waan Maraatiif faarsa’a!

Wolde’a kolbaa isaa keessatti

isa leellisa’a.

Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti;

dibbe’ee fi kiraara guddichaan

isaaf faarsanuu ti.

Mootiin Waan Maraa

kolbaa ifiitiin waan gammaduuf,

worra gad ifi qabu,

akka injifatanu godhee ulfinna kennaaf.

Kolbaan isaa,

ulfinna kanaan firinxiixanuu ti;

taqee ifii irralle’etti,

ililleetti’iin faarfatanuu ti.

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Ol-gubbaa keessaa

Mootii Waan Maraa leellisa’a;

gubbaa olii keessatti isa leellisa’a.

Ergantooti isaa marti,

loltooti isaa ta ol-gubba’aa marti isa leellisa’a.

Ji’aa fi aduun isa leellisa’a;

isin urjooti ifa kennitanu marti isa leellisa’a.

Isin ol-gubbaan ol gubbootaa,

isin bisaan ol-gubba’aalle isa leellisa’a.

Isaan ajaja isaatiin waan dadamaneef,

maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti.

Inni haga bara baraa

addee isaaniititti jabeessee isaan dhaabe;

seera hin jijjiiranne isaanii kenne.

Bineensoti gugurdaan abbaayaa guddittii keessaa,

qileen abbaayaa gudditti’ii martinuu,

lafa irraa Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Isin balaqqeetti’ii fi dhakaan roobaa,

qorrii fi hurriin,

hobonbolattiin ajaja isaa muummessitanu,

Gaarotii fi kooboti martinuu,

mukooti midhaan buusuu fi

birbirsooti martinuu,

bineensaa fi horiin martinuu,

bineensoti lafa irra lootanuu fi

koolaan kaatanu martinuu,

Mootii Waan Maraa leellisa’a.

Moototi lafaatii fi

gosi biyya adda addaa martinuu,

qondaaltotii fi bulchitooti lafaa martinuu,

dargaggeeyyiin dhiiraatii fi durraa,

jaarsole’ee fi ijoolleen,

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Maqaan isaa callaan

ka saadame waan te’eef,

ulfinni isaa lafaa fi

ol-gubbaa irra waan jiruuf,

isaan maqaa Mootii Waan Maraa

leellisanuu ti.

Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa’a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu.

Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa’a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu.

Louvor como estilo de vida

Bendirei ao Senhor em todo tempo; o seu louvor estará sempre nos meus lábios. O louvor não depende de circunstâncias.

Ani yennaa mara Mootii Waan Maraa hin leellisa;

isa saadiisille yennaa mara afaan kiyyaa hin bu’u.

Ani yennaa mara Mootii Waan Maraa hin leellisa;

isa saadiisille yennaa mara afaan kiyyaa hin bu’u.

Ani yennaa mara Mootii Waan Maraa hin leellisa;

isa saadiisille yennaa mara afaan kiyyaa hin bu’u.

Ani Mootii Waan Maraatiin ifi jaja;

worri cunqurfame dhage’ee gammaduu ti.

Na woliin guddinna Mootii Waan Maraa odeessa’a;

maqaa isaa tokkumma’aan leellinnuu ti.

Ani yennaa mara addii si godhadha;

ittuma ede’ee, ede’ee si leellisa.

Gadhaa haadha tiyyaa keessaa

akka dhaladhu sittuu godhe;

dhaloota kiyyaa jalqabee sitti irkadheera;

ani yennaa mara si leellisa.

Guyyaa guutuu leellisii fi ulfinni keeti

afaan kiyya guuteera.

Guyyaa guutuu leellisii fi ulfinni keeti

afaan kiyya guuteera.

Yennaa ani faaruu leellisaa si’iif faarsu,

afaan kiyya, lubbuun tiyya ta ati wodattelle

si’iif hin ilillisan.

Baya adu’uutii jalqabee haga seensa adu’uutitti,

maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.

waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha’a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.

Adoração em espírito e verdade

Os verdadeiros adoradores adorarão ao Pai em espírito e em verdade. Deus busca os que o adoram com coração sincero.

Yennaan worri dhuga’aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga’aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga’aan isa waaqonfatanu barbaada.

Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga’aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.

Kowa’a, Mootii Waan Maraatiif,

ilillisaa faarfannaa!

Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa!

Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;

faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.

Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda’a;

waaqota mara irratti mooti’i.

Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti;

qacceen gaaraalle tama isaa ti.

Inni waan isii dadeef,

abbaayaan ta isaa ti;

lafa godduulle harkuma isaatitti dade.

Kowa’a, gad jennee isa waaqonfannaa!

Mootii Waan Maraa

ka nu dade duratti jilbiiffannaa!

Kolbaan lafa irraa marti,

Mootii Waan Maraatiif ilillisa’a.

Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila’a;

gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha’a.

Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila’a;

gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha’a.

Galateeffataa gara karra isaa,

leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena’a;

isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa’a.

Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa’a;

Kolbaan lafa irraa marti

Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa’a.

Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa’a;

maqaa isaa leellisa’a.

Guyyuma guyya’aan fayyisiisa isaa lassa’a.

Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa,

kolbaa maratti hujii isaa ta maade’ee lassa’a.

Mootiin Waan Maraa guddaa waan te’eef,

guddifamee leellifamuu male;

waaqota mara caalaa sodaatamuu male;

waaqoti gosa biyya adda addaa marti

waaqota dharaa ti;

Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade.

Ulfinnii fi arnyi fuula isaa dura,

jabeennii fi dansummaan

addee woyyittii isaa keessa jiran.

Maatiin gosa biyya adda addaa

Mootii Waan Maraa leellisa’a;

ulfinnaa fi jabeenna Mootii Waan Maraa leellisa’a.

Ulfinna maqaa isaatiif te’u

Mootii Waan Maraatiif dhikeessa’a;

kennansa fida’aatii gara badhinna mana isaa kowa’a.

Dansummaa woyyummaa isaatiif

Mootii Waan Maraa waaqonfadha’a;

nami lafa irraa marti fuula isaa duratti holladha’a.

A grandeza de Deus

Grande é o Senhor e mui digno de louvor! Sua grandeza é insondável. Os céus declaram sua glória e toda a criação o adora.

Mootiin Waan Maraa gudda’a;

guddoo leellifamuu male;

guddinni isaa

qorqoramee bira hin geyamu.

Te’uu malee ati Waaqa woyyicha.

Leellisi worra Israa’elii

barcumaa mootumma’aa keeti marsa.

Ani guddinna maqaa keetii kolbaa tiyyatti hin hima;

wolde’a gumii isaanii keessatti ani si hin leellisa.

Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,

isa leellisa’a!

Isin sanyiin Yaaqoobii marti,

isa ulfeessa’a!

Isin kolbaan Israa’elii marti,

isa saadadha’a!

Inni nama rakkate hin tuffanne;

inni fuula ifiille isa irraa hin deebifanne;

ammoo yennaa inni gara isaa iyye isaaf dhage’e.

Mootii Waan Maraa leellisa’a;

Waaqa keenna fuuru’uun leellisiis

attam attam dansa’a!

Isa leellisiis nama gammachiisa;

dansaalle’e.

Mootiin Waan Maraa

dansaa waan te’eef,

isa leellisa’a!

Maqaan isaa gammachiisaa waan te’eef,

faaru’uun leellisa’a!

Mootiin Waan Maraa mooti’i!

Latti gammadduu ti;

isin worri oddoola abbaaya’aa

keessa jirtanulle gammada’a.

Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada’a;

maqaa isaa woyyicha leellisa’a.

«Ani Mootii Waan Maraa ti;

maqaan kiyya isuma kana;

ani ulfinna kiyya waaqota dhibi’iif,

leellisa kiyyalle waaqota dharaatiif hin kennu.

Cânticos e instrumentos

Cantai ao Senhor um cântico novo! Louvai com salmos, hinos e cânticos espirituais, fazendo melodia no coração ao Senhor.

Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.

Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.

Faaru’uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille’een woliin dudubbadha’a; faaru’uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha’a. Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba’aaf galata galcha’a.

Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada’a.

Worri qajeelaan isa leellisuu barbaachisa.

Maasinqo’oon Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Kiraara guddicha ribuu kudhaniitiin isaaf faarsa’a.

Faaruu haareya isaaf faarsa’a;

kiraara guddicha akka dansaa dhowa’a;

gammadaan, «Ilili!» jedha’a.

Daawitii fi Israa’elooti marti hunna ifii maraan Waaqa duratti weeddu’uun, kiraara guddichaan, maseenqo’oon, dibbe’een, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuu fi tultulla’aan jilifatane.

Isa faarfadha’a; isa leellifadha’a

hujii isaa ta maade’ee hima’a.

Inni faaruu haareya

leellisa Waaqa keennaa afaan kiyya keessa keye.

Worri hedduun tana dhagganee isa sodaatanee,

Mootii Waan Maraatitti addatan.

Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun

Ee Waaqa Ol Aana’a,

maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa’a.

Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi

marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha;

ee Mootii Waan Maraa

faaruu leellisaa sii hin faarsa.

Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi

marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha;

ee Mootii Waan Maraa

faaruu leellisaa sii hin faarsa.

Louvor nas lutas

Paulo e Silas louvaram na prisão e houve terremoto. O louvor é arma espiritual que transforma circunstâncias e derrota o inimigo.

Gara halkan wodhakka’aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna’aa fi faaru’uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu.

Gara halkan wodhakka’aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna’aa fi faaru’uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu.

Inni kolbaa woliin mari’atee faarfattoota loltoota dura deemaa, «Mootii Waan Maraa galateessa’a; jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhaa faarfataa woyyummaa Mootii Waan Maraa leellisanu filee dhaabe.

Yennaa isaan faarfataa leellisiisa jalqabane, Mootiin Waan Maraa worra Yihudaa loliisa dhufane worra Amoonii, worra Mo’aabiitii fi worra gaara Se’iiriititti riphee lolu itti fidee akka isaan injifatamanu godhe.

Achiin duuba Iyoob ol ka’ee gaddaan woyaa ifii tarsaasee, mataa haadatee, lafatti gad gombifamee sagadee, «Ani qullaa gadhaa haadha tiyyaatii dhaladhe. Yoo du’ulle qullaa tiyya deebi’ee deema. Mootiin Waan Maraa kenne; inninuu fudhate. Maqaan isaa leellifamuu ti!» jedhe.

Isin worri isaaf addatantane,

Mootii Waan Maraa faaru’uun leellisa’a;

maqaa isaa woyyichalle,

galateessa’a.

Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;

tolli isaa ammoo bara jiru’uu mara.

Halkan bowaa yoo bulane,

ganama ammoo ililleessi hin te’a.

Ati gadda kiyya gara sirbaatitti jijjiirte;

woyaa gaddaa na irraa fuutee,

gammada natti uffitte.

Yoona, ani hin cadhisu;

faaru’uun si leellisa.

Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ani haga bara baraa si galateessa.

Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?

Na keessatti maaf jeeqanta?

Ani deebi’ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,

Waaqa keetitti addii godhadhu.

Nahimiyaan, «Dhaqa’aatii sagalee filante nyaadha’a; untoo mi’oottuulle una’a! Worra hin qannelle’eef irraa qooda’a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te’eef, hin gaddina’a!» jedhe.

Gratidão e louvor

Em tudo dai graças. O louvor nasce da gratidão por quem Deus é e pelo que Ele faz. Cada bênção é motivo de adoração.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

waan dansaa inni godhe mara hin dedhin.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

waan dansaa inni godhe mara hin dedhin.

Ka cubbuu teeti mara si’iif araaramu,

ka dhukkuba keeti mara fayyisu,

ka jiruu teeti awwaalamuu irraa wodu,

ka jaalala bara baraatii fi marartii sii kennu,

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

waan dansaa inni godhe mara hin dedhin.

Jaalala isaa ka bara baraatiif,

waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatiif godheef,

isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.

Inni worra dheebote dheebuu baasa;

worra beelotelle waan dansa’aan quussa.

Mootii Waan Maraa galateeffadha’a;

maqaa isaa waammadha’a;

waan inni huje

gosa biyya adda addaa oddu’utti beessisa’a.

Yennaa san isin,

«Mootii Waan Maraa galateeffadha’a;

maqaa isaalle waammadha’a!

Gosa biyya adda addaa keessatti

hujii isaa beessisa’a;

guddinna maqaa isaalle lallaba’a.

Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa kiyya;

ani si hin jajadha; maqaa keetille hin leellifadha;

waan maade’ee ka dur yaadde

addatamumma’aan muummessiteerta.

Ee Waaqa abbootii tiyyaa,

ati qarumma’aa fi hunna

waan naaf kenniteef,

waan nuuti si gaafannelle

waan natti beessitteef,

waan mootichi beekiisaaf rakkatelle

natti waan beessitteef,

ani si galateeffadha; si leellifadhalle’e» jedhe.

A majestade do Rei

Ao nome de Jesus todo joelho se dobrará. A adoração culminará na eternidade, onde os redimidos louvarão ao Cordeiro para sempre.

Isaan qoonqoo guddo’oon,

«Hoolichi qalame sun,

baallii, durummaa, qarummaa, hunna,

ulfinna, guddinnaa fi

galata fudhatu’uu male» jedhanee faarsane.

Achiin duuba dadi ol-gubba’aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti,

«Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin,

ka barcumaa mootumma’aa irra tee’eeruu fi Hoolichaaf,

bara baraa haga bara baraa te’u» jedhaa faarfatanuun dhage’e.

Inni qoonqoo guddo’oon, «Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha’a, ulfinnalle kenna’aaf! Ka ol-gubba’aa fi lafa, abbaaya’aa fi madda bisaanii dadeef sagada’a!» jedhe.

Qoonqoon takka barcumaa mootumma’aa biraa baatee, «Isin tajaajiltooti isaa marti, isin worri isa sodaattanu, diqqa’aa fi guddaan, Waaqa keenna leellisa’a!» jette.

Qoonqoon takka barcumaa mootumma’aa biraa baatee, «Isin tajaajiltooti isaa marti, isin worri isa sodaattanu, diqqa’aa fi guddaan, Waaqa keenna leellisa’a!» jette.

Sababille Barreeffam Woyyichi,

«‹Dhugumaan Ani Waaqa jiraata’a! Nami marti na duratti hin jilbiiffata;

arrabi martinuu akka ani Waaqa te’e dhugaa baasee hin dubbata› jedha Goottaan» jedha.

Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa’aa fi waan galateeffachiisuun guuta’a: waan dhugaa te’e, waan ulfinnaa, waan sirrii te’e, waan qulluu te’e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha’a!

Vida de louvor

O louvor transforma, fortalece a fé e nos conecta com o céu. Quem louva a Deus em toda circunstância experimenta sua presença real.

Sodaa guddo’oon Mootii Waan Maraa tajaajila’a.

Rommiisaan isaaf ajajama’a.

Sababa balchummaa isaatiif,

ani Mootii Waan Maraa hin galateessa;

maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana’aatiif

faaruu leellisaa hin faarsa.

Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa;

baasa ati goote mara hin odeessa.

Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa;

baasa ati goote mara hin odeessa.

Ani sitti gammadee hin burraaqa;

Waaqa Ol Aana’a,

ani faaruu leellisaa maqaa keetiif hin faarsa.

Iyya tiyya waan dhage’eef,

Mootiin Waan Maraa leellifamu.

Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;

wontee tiyyalle’e;

ani isatti addadha.

Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,

ani faaru’uun isa hin galateessa.

Nami ciincaa galataa naaf dhikeessu na ulfeessa;

nama karaa qajeelaa deemuuf,

fayyisiisa kiyya itti mudhisa» jedha.

Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha;

ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu;

nami foonii maan na godhuu dande’a?

Ee Waaqa, ati gollaa kiyya,

Waaqa na jaalatu,

ee jabeenna kiyya,

faaruu leellisaa sii dhikeessa.

Jaalalli keeti ka bara baraa

jiruu waan caaluuf,

arrabi kiyya si leellisa.

Ani haga jiru si leellifadha;

harka kiyya ol qabadhee,

maqaa keeti waammadha.

Ee Waaqa, Xiyoon keessatti

si leellisuu,

waadaa si’iif gallelle muummessuu qanna.

Ee ka daadimata namaa dhageettu,

nami marti gara keeti hin dhufa.

Cubbuun nu moote;

ati ammoo yakkaa teenna nuu araarante.

Ani guddisee gara isaa iyye;

arraba kiyyaan isa saade.

Daadimata kiyya waan hin tuffatiniif,

yookiin jaalala ifii ka bara baraa

waan na irraa hin fudhatiniif,

Waaqi leellifamuu ti.

Worri balchooleen gammadanuu ti;

isaan Waaqa duratti ilillisanuu ti;

gammadaan firinxiixanuu ti.

Waaqaaf faarfadha’a;

faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha’a;

ka duumensa irra deemu saada’a;

maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti;

isa duratti ilillisa’a!

Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;

ijoollee abbaa hin qanneef abba’a;

haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura’aa ti.

Waaqaaf faarfadha’a;

faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha’a;

ka duumensa irra deemu saada’a;

maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti;

isa duratti ilillisa’a!

Goottaan, Waaqi fayyisaan keenna,

ka guyyaa mara ba’aa teenna ba’atu,

leellifamuu ti.

Ee Mootii Waan Maraa,

Kolbaan ilillisaa si leellittu,

ta ifa fuula keeti duraa keessa ideentu gammadduu ti.

Nu’uufii moti, ee Mootii Waan Maraa,

nu’uufii moti,

sababa jaalalaa fi

addatamummaa teetiitiif jedhii,

maqaa keeti ulfeessi!

Gosi biyya adda addaa martinuu

Mootii Waan Maraa leellisa’a;

kolbaan martinuu isa saada’a.

Jaalalli isaa ka bara baraa

ka inni nu’uuf qabu guddaa waan te’eef,

addatamummaan isaa haga bara baraa ti.

Mootii Waan Maraa leellisa’a.

Muraa haqaa teeti yennaa baradhe,

ani gadhaa qajeela’aan si leellisa.

Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;

gadaamessa haadha tiyyaa keessatti

sittuu na dade.

Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,

ani si leellisa;

hujiin teeti waan maade’ee ti;

anille tana miidhassee beeka.

Rassaan kiyya,

ka harka kiyya lolaaf,

quba kiyya woraanaaf leenjisu,

Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Ee lubbuu tiyya

Mootii Waan Maraa leellisi!

Ani bara le’ii tiyyaa mara

Mootii Waan Maraa leellisa;

haga jiru mara Waaqa kiyyaaf

faaruu leellisaa hin faarfadha.

Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkumsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddowaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te’uu ti.

karaa Yesuus Kiristoosiitiin ijoollee ifii akka nu godhatuuf Waaqi akka fedhaa fi halchaa ifii dansa’aatitti duruu murteesseera. Badhaadhi isaa ulfaataan, ka inni Ilma ifii jaalatama’aan tola nuuf kenne, akka galateeffamuuf tana godhe.

Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha.

Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti’ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame.

Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti’ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame. Tanaan qara isin kolbaa Waaqaatii moti; amma ammoo kolbaa isaa ti; tanaan qara isin marartii Waaqaa hin dhagganne, amma ammoo marartii isaa dhaggattaneertan.

Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa

hin waammadha;

innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.

Tanaaf, Mootii Waan Maraa,

gosa biyya adda addaa oddu’utti si leellisa;

faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha.

Inni ka ati leellifattu; Waaqa keeti ka adoo ati ila teetiin dhaggituu waan gugurdo’oo fi maade’ee ta sodaachittu ka si’iif godhe.

«Ee, kolbaa Israa’elii dhage’a’a! Adha isin diina keessan loliisaaf, bira geettaneertan; hin corisina’a; hin sodaatina’a; hin sheephisina’a; hin bararaqinaalle’e.

Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te’uu hin malle.

Maarre Pheexroos, ani sitti hima, ati rassa’a; rassaa kana irratti wolde’a kiristaanaa kiyya hin ijaara; hunna du’aalle wolde’a kiristaanaa kana hin injifattu.

Akka loltuu dansaa Yesuus Kiristoosiititti, rakkoo nu woliin fudhadhu.

Nami hujii loltumma’aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi’iin ifi hin hidhu.

Lola dansaa dhugeeffanna’aa loli. Jiruu bara baraa ta yennaa gara isaa waammante dhugaa baatota hedduu duratti dhugaa baate qabadhu.

Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti’i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.

Jaalota tiyya! Marroo fayyinna woliin qoodannuu isiniif barreessiisaaf ani guddoo barbaadeeraayyu; amma ammoo marroo dhugeeffannaa yennaa takka’atti yennaa maraaf Waaqi kolbaa ifiitiif kennee, jabaattanee akka falmattanu isin gorsiisaaf barreessuun, barbaachisaa te’ee natti dhage’ameera.

Guyyaa guyya’aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle’etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu’uun areerrataa, Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya’aan worra fayyanu isaanitti dabale.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-