Mãe
A mãe é honrada na Bíblia como pilar da família. Seu amor incondicional, sua sabedoria e sua dedicação são celebrados como reflexo do próprio amor de Deus por seus filhos.
O amor de mãe
Pode uma mãe esquecer-se do filho do seu ventre? Ainda que ela se esquecesse, Deus nunca nos abandona. O amor materno reflete o divino.
Akkuma haati ijoollee ifii jajjabeessitu, anille isin hin jajjabeessa; isinille Yerusaalem keessatti hin jajjabaattan.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Gatii Nama Waaqaaf Ajajamuu
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,
ka karaa isaa ideemu ka gammade.
Waan harka keetiin eloottee
dhaggatte hin nyaatta;
ati hin gammadda; hin milkoottalle’e.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
Sabedoria e instrução
A mãe sábia instrui os filhos nos caminhos de Deus. Seu ensino é lei que guia e sua disciplina é expressão de amor verdadeiro.
Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
Barsiisi isaanii,
mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti;
morma keetiifille,
akka meya seesaaf diramee ti.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;
ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.
Ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;
nami gowwaan ammoo haadha ifii tuffata.
Waan ila teessaniin dhaggitane akka hin deene, bara jiruu teessanii mara gadhaa keessan keessaa akka hin bannelle ifi eegadha’a. Waan kana ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii barsiisa’a.
Honrar a mãe
Honra teu pai e tua mãe. A mulher virtuosa é digna de louvor — seus filhos se levantam e a chamam bem-aventurada.
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
Ijoolle’ee Fi Worra Isaanii
Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
Niitii Amala Dansaa qaddu
Niitii qalbii qaddu eentu dhaggatuu dande’a?
Isiin dooqa diimaa caalti.
Isiin hunnaa fi ulfinna akka woya’aa uffatti;
bara dhufaaru itti gammaddi.
Isiin qarumma’aan dubbatti;
afaan isi’ii keessa barsiisa dansa’atti jira.
Isiin jireenna maatii ifii akka dansaa eeddi;
isiin booseyaa moti.
Ijoolleen isi’ii lafaa kaatee,
«Gammadee» jettee isii waanti;
abbaan manaa isi’iille akkasuma jedhaa, isii leellisaa,
«Dubartooti hedduun waan dansaa hujaneeran;
ati ammoo isaan mara hin caalta» jedhaan.
Miidhagiis nama soba;
dansummaan hin baddi;
dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.