Mal
A existência do mal é realidade que a Bíblia confronta diretamente. Deus não é autor do mal, mas nos dá armas para vencê-lo e promete que o bem sempre prevalecerá.
Separar-se do mal
O temor do Senhor é aborrecer o mal. A Bíblia nos exorta a odiar o pecado, guardar os pés do mal e fugir de toda aparência maligna.
Mootii Waan Maraa sodaatiis
waan hantuu jibbiisa;
ani kooraa fi bondhooriisa,
karaa hama’aa fi dubbii micciirantuu jibba.
Worri Mootii Waan Maraa jaalatu,
waan hantuu jibbuu ti;
inni lubbuu worra addatama’aa waan eeguuf,
harka worra hamaaleyyi’ii jalaa isaan hin baasa.
Waan hantuu irraa fagaadhuutii,
waan dansaa godhi;
nageya barbaadiitii,
gula deemi.
Akka jecha keetiititti
ideensa kiyya sooressi;
cubbuun akka na mootu hin lakkisin.
Dhiqadha’aatii ifi qulqulleessa’a; hujii teessan hantuu, ila tiyya duraa kaasa’a; hantuu hujiisa lakkisa’a.
«Ani qaro’o!» ifiin hin jedhin;
Mootii Waan Maraa sodaadhu;
waan hantuu irraa fagaadhu.
Kun nafa keetiif fayyaa,
lafee teetiifille jabeenna hin te’a.
Vencer o mal com o bem
Não te deixes vencer do mal, mas vence o mal com o bem. A luz brilha nas trevas, e as trevas não prevalecem contra ela.
Hantuu dansa’aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin.
Jaalalli keessan dhugaamessa te’uu ti. Waan hantuu jibba’a; waan dansaa jabeessa’aa qabadha’a;
Gorsa Gara Dhumaarratti Kenname
Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba’aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqoodamiisaa te’u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha’a!
Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu.
Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi’iif dansaa godhiisaaf yaadadha’a malee, nami tokkolle waan hantu’uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha’a.
ammoo waan maraa qorqora’aa ilaala’a; waan dansaa qabadha’a; waan hantuu duudii irraa fagaadha’a.
Proteção contra o mal
Deus nos livra do mal e guarda nossos passos. Devemos nos revestir da armadura de Deus para resistir às forças das trevas.
Hamaalessa irraa nu eegi malee,
ataabe’etti nu hin galchin.
[Mootummaan, hunni, ulfinnille
baruma baraan keetuma. Ameen]› jedha’a.
Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu.
Mootiin Waan Maraa
Waan hantuu mara irraa si eega;
inni jiruu teeti hin eega.
Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti
ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.
Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba’aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te’u! Ameen.
Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha’a.
Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te’in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te’ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba’aatiin mormiisa.
Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. Seexanaafille karaa hin kennina’a.
Deus transforma o mal em bem
O que o mal pretendeu contra nós, Deus transformou em bem. Ele tira pureza da aflição e confessa a restauração dos arrependidos.
Isin hantuu na godhiisaaf mala dhoottane; Waaqi ammoo gara waan dansa’aa jijjiire; inni lubbuu namoota heddu’uu ka ammaa fayyisiisaaf tana godhe.
Tanaaf battumma’aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa’a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma’aan fudhadha’a.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa. Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu, gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru’uu fi gowwu’u. Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.
Jibbi lola kaasa;
jaalalli ammoo yakkaa mara golla.
«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muraa dhuga’aa mura’a; woli woliif arjooma’a; wolille’eef marara’a. Haadhotii hiyyeessaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne, orma, yookiin hiyyeeyyii hin miicina’a. Gadhaa keessan keessatti hantuu woliif hin yaadatina’a› jedha» jedhe.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.