Marido e mulher
O casamento é aliança sagrada entre marido e mulher, instituída por Deus desde o Éden. A Bíblia define papéis complementares fundados em amor, respeito e fidelidade mútua.
Instituição divina
Deus criou homem e mulher e os uniu em uma só carne. O casamento é projeto divino que reflete o amor de Cristo pela Igreja.
Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te’uun dansa’aa moti; ani waa’ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Yesuus deebisee, «Waaqi jalqaba, ‹dhiiraa fi dubartii› tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?» jedhe. Itti dabaleelle, «Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te’an. Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle’een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha’a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina’a.
Papéis no casamento
O marido ama e a mulher respeita. Ambos se submetem voluntariamente a Deus e um ao outro, em parceria e unidade.
Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha’a. Inni wolde’a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe. Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde’a kiristaanaa gara ifii dhikeessa. Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.
Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti. Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif mataa te’e, abbaan manaa haadha manaatiif mata’a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde’a kiristaanaatiifille fayyisa’a. Wolde’i kiristaanaa Kiristoosiif akkuma ajajamu haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif waan maraan ajajamanuu ti.
Te’uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha’a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.
Seera Le’ii Maatii Kiristaanaa
Haadhotii manaa! Goottaa duratti waan male waan te’eef abbootii manaa keessaniif ajajama’a.
Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaaladha’a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te’ina’a.
Haadhotii Manaatii Fi Abbootii Manaa
Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji’amanee dhugeeffatan fa’a te’a, isaaniif ajajama’a. Sababille isaan qulqullumma’aa fi amala dansaa keessan yennaa dhaggane tana godhan.
Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu’uu isi’iif beeka’aatii woliin le’a’a; ulfinna isaaniif kenna’a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru’uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te’aa hin jiraattu.
Fidelidade e união
O casamento é honroso e deve ser preservado com fidelidade. O cordão de três dobras não se rompe facilmente.
Eloo ifiitiif bu’aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te’uu irra lama te’uu woyya. Tokko yoo jige, kuun ol kaasa; yoo jige, ka ol isa kaasu, nama hin qanneef ammoo aanne’e. Nami lama yoo woliin rafe, wol hin o’isa; nami tokko attam qofuu ifi o’isuu dande’a ree? Nami tokko nama qofuu jiru injifatulle, nami lama ifi irraa dhooggatuu dande’an. Wodaroon sadiin dhowante ariifattee hin cittu.
Niitii Amala Dansaa qaddu
Niitii qalbii qaddu eentu dhaggatuu dande’a?
Isiin dooqa diimaa caalti.
Dhirsi isi’ii gadhaa tokkochaan isii addata;
Inni waan tokkolle hin dhabu.
Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata;
Mootii Waan Maraa biralle’ee fudhatama dhaggata.
Manaa fi durummaa worra irraa dhaalan;
haati manaa qalbittiin ammoo
kennansa Mootii Waan Maraa ti.
Niitiin qalbeeffattuun dhirsa ifiitiif akka kallachaa ti;
ta isa qaanessitu ammoo
akka dhukkuba lafee nyaatuu ti.
Maddi keeti ka eebbifame te’uu ti;
niitii teeti ta qeedhumma’aan fuute woliin firinxiixi.
Isiin jaalatantuu akka gadansaa,
biifa qabeettii
akka jiliba’aa
sii teetuu ti.
Harmi isi’ii yennaa mara
dheebuu si baasuu ti;
jaalala isi’iitiin
yennaa mara machowi.
Permanecer juntos
O que Deus uniu, o homem não separe. A Bíblia protege o casamento e orienta sobre convivência, perdão e perseverança conjugal.
Gaaffii Marroo Fuudhaa fi Heeruma Kiristaanaa
Marroo gaaffii gara kiyya barreessitanee dhiirti dubartii adoo fuudhuu dhaddee dansa’a. Sagaagala irraa ifi eegatiisaaf ammoo, dhiirti tokko tokkoonuu niitii ifii qabaattuu ti; dubartiin tokko tokkoonuu dhirsa ifii qabaattuu ti. Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma’aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma’aa hin dhooggatin. Niitiin nafa ifii irratti baallii hin qaddu; nafa isi’ii irratti baallii ka qabu dhirsa isi’ii ti. Akkasuma dhirsille nafa ifii irratti baallii hin qabu; nafa isaa irratti baallii ta qaddu niitii isaa ti. Akka jabaattanee daadimattanuuf isin lamaanuu wolii galtanee yennaa murtootteef yoo teete malee, haqa dhirsaa fi niitumma’aa wol hin dhooggatin. Sababa kanaan ka ka’e ifi qabachuu dadhaddanee Seexanni akka isin hin ataanne, ammalle wolitti deebi’a’a.
Worra fuudheef ajaja kennu qaba; ajaji kunille ka Gootta’aa ti malee kiyyaa moti. Dubartiin heerumte dhirsa ifii irraa gargar hin bayin; yoo baate ammoo, adoo hin heerumin qofuu leetuu ti; yookiin dhirsa ifii woliin araarantuu ti. Akkasuma dhirsille niitii ifii hin lakkisin.
Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te’e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame. Ati dubartii tana, dhirsa dhugeeffataa hin te’in keeti, takki fayyittuu beettaa? Atille namicha kana, niitii dhugeeffattuu hin te’in teeti, takki fayyittuu beettaa?
Fakkeennaaf, dubartiin heerumte takka, haga dhirsi isi’ii jiru seeraan itti hidhanteerti; yoo inni du’e ammoo, seera ittiin hidhante san jalaa baateerti.
Nami reefuu fuudhe tokko, gara duulaa hin dhaqin yookiin hujiin dhibiille itti hin bacatin. Inni haga woggaa tokkoo mana ifiititti bilisa te’ee, niitii fuudhe san woliin gammaduu ti.