O marido
A Bíblia define o papel do marido com clareza: amar a esposa como Cristo amou a Igreja, ser fiel, protetor e líder servo no lar.
Amar como Cristo amou
Maridos, amai vossas mulheres como Cristo amou a Igreja e se entregou por ela. O amor do marido deve ser sacrificial e incondicional.
Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha’a.
Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata.
Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.
Te’uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha’a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.
Maarre, yoona soba lakkisa’a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti. Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. Seexanaafille karaa hin kennina’a. Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata’aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti. Dubbii bu’aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage’uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin. Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina’a. Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma’aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagaattu. Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.
Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaaladha’a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te’ina’a.
Seera Le’ii Maatii Kiristaanaa
Haadhotii manaa! Goottaa duratti waan male waan te’eef abbootii manaa keessaniif ajajama’a.
Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaaladha’a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te’ina’a.
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.
Fidelidade conjugal
O casamento é honroso e o leito conjugal é santo. O marido deve ser fiel à esposa da sua juventude em pensamento e ação.
Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti.
Niitii teeti akkuma boolluma bisaanii keetii fi
baleessuma keetii, achuma keessaa uni.
Maddi keeti diidatti,
bisaan lagaa keeti
karaa keessatti dhangala’uu qabaa ree?
Isaan si qofaaf te’anuu ti;
alagaa woliin hin qoodamin.
Maddi keeti ka eebbifame te’uu ti;
niitii teeti ta qeedhumma’aan fuute woliin firinxiixi.
Isiin jaalatantuu akka gadansaa,
biifa qabeettii
akka jiliba’aa
sii teetuu ti.
Harmi isi’ii yennaa mara
dheebuu si baasuu ti;
jaalala isi’iitiin
yennaa mara machowi.
Ilma kiyya,
maaf dubartii gaarayyeeffattu’uun machootta?
Maaniif qoma dubartii nama dhibi’ii hanqafatta?
Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha’aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera.
Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata» jedhe.
Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma’aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma’aa hin dhooggatin. Niitiin nafa ifii irratti baallii hin qaddu; nafa isi’ii irratti baallii ka qabu dhirsa isi’ii ti. Akkasuma dhirsille nafa ifii irratti baallii hin qabu; nafa isaa irratti baallii ta qaddu niitii isaa ti.
Akka jabaattanee daadimattanuuf isin lamaanuu wolii galtanee yennaa murtootteef yoo teete malee, haqa dhirsaa fi niitumma’aa wol hin dhooggatin. Sababa kanaan ka ka’e ifi qabachuu dadhaddanee Seexanni akka isin hin ataanne, ammalle wolitti deebi’a’a.
Worra fuudheef ajaja kennu qaba; ajaji kunille ka Gootta’aa ti malee kiyyaa moti. Dubartiin heerumte dhirsa ifii irraa gargar hin bayin; yoo baate ammoo, adoo hin heerumin qofuu leetuu ti; yookiin dhirsa ifii woliin araarantuu ti. Akkasuma dhirsille niitii ifii hin lakkisin.
Worra dhibi’iin ammoo Goottaa adoo hin te’in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le’iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin.
Sagaagalummaa irraa fagaadha’a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja.
Convivência com sabedoria
O marido sábio vive com a esposa com entendimento, dando-lhe honra como co-herdeira da graça. A união conjugal reflete Cristo e a Igreja.
Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu’uu isi’iif beeka’aatii woliin le’a’a; ulfinna isaaniif kenna’a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru’uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te’aa hin jiraattu.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa’aatii ilaala’a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina’a! Nami martinuu bu’aa worra dhibi’iille ilaaluutii malee, bu’aa ifii callaa hin ilaalin!
Jiruu teetii fi biyya lafaa ta irratti eloottu keessatti tun hiree teeti waan teeteef, bara jiru’uu ka bu’aan hin qanne ka Waaqi si’iif kenne kana mara keessatti, niitii teeti ta jaalattu woliin gammadi!
Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata;
Mootii Waan Maraa biralle’ee fudhatama dhaggata.
Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi’iif dansaa godhiisaaf yaadadha’a malee, nami tokkolle waan hantu’uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha’a.
Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le’aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha’a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
Worra Hin Dhugeeffanne Woliin Hin Xaxamina’a
Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina’a. Balchumma’aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande’an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande’an?
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.