Materialismo
O materialismo é uma armadilha espiritual. A Bíblia alerta que o amor ao dinheiro é raiz de todos os males e nos chama a buscar tesouros no céu, não na terra.
O perigo das riquezas
Que aproveita ao homem ganhar o mundo inteiro e perder a sua alma? O materialismo engana e afasta do que realmente importa.
Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu’uu dande’a ree?
Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati?
Worri durummaa barbaadu ataabe’etti jigee, tiyyoo gowwummaa heddu’uutii fi halchaa isaan miituutiin, ta isaan balleessituu fi dhidhinsituun qabaman.
Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. Ammoo woya’aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti.
Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. Ammoo woya’aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti.
Tesouros no céu
Ajuntai tesouros no céu, onde traça e ferrugem não consomem. O bom nome vale mais que muitas riquezas, e a sabedoria supera o ouro.
Karra Ol-gubba’aa
Yesuus dabalee, «Addee qooqqanna’aa fi ciillayiisi balleessutti, hattuulle cassitee seentee hattutti, as lafa tana irratti karra teessan hin kuufatina’a. Ammoo addee qooqqanna’aa fi ciillayiisi dande’ee hin balleessine, hattuulle cassitee seentee hatuu hin dandeenne, ol-gubba’atti karra teessan kuufadha’a.
Yennaa mara addee karri teessan jirtu gadhaan keessanille jira» jedhe.
Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te’uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi’iif kenni; ol-gubba’atti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen.
Durummaa guddo’oo mannaa, maqaa dansaa woyya;
meeti’ii fi worqii caalaa
fudhatama qabaachuu woyya.
Worqii dhaggatiisa irra qarummaa dhaggatiis,
meetii caalaa hubantii filatiis
attam attam caalti!
Qabeenna guddaa hogaa qabuu mannaa,
qabeenna diqqaa qabaatanee
Mootii Waan Maraa sodaataa le’iisa woyya.
Contentamento e generosidade
Grande ganho é a piedade com contentamento. A cobiça é idolatria, mas a generosidade traz alegria e bênção.
Dhugeeffannaan, nama waan qabuun dande’ee le’u biratti bu’aa guddaa qaddi.
Worri amma biyya lafaa tanatti dureeyyii te’ane akka hin koorre, yookiin addii isaanii karra hin addachiinne irratti adoo hin te’in, akka ittiin gammannuuf Waaqa waan duuchii fakkansee nu’uuf kennutti akka addii godhatanu isaan ajaji.
Jaalala beese’ee irraa if qusadha’a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera.
Tanaaf halchaa le’ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu’uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te’e joljoluu ijjeesa’a.
Itti aansee inni isaan maraanuu, «Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha’a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha’a» jedhe.
Nami beesee jaalatu ijjumaa beesee hin quufu; nami durummaa jaalatulle ijjumaa bu’aa hin quufu; tunille bu’aa hin qaddu.
Nami qullaa ifii gadaamessa haadha ifii keessaa dhalata; akkuma dhalate san deebi’ee hin deema; waan itti elowe keessaa tokkolle harkatti qabatee hin deemu.
O invisível acima do visível
As coisas que se veem são temporais; as que não se veem são eternas. Devemos fixar os olhos no que é permanente e verdadeiro.
Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna’aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti.
Qabeenni dureeyyi’ii isaaniif
akka qachaa dalleya dhaka’aa jabaa qabuu ti;
isaan akka dalleya dheera’aatitti
isa hedatan.
Guyyaa mura’aa durummaan bu’aa hin qaddu;
balchummaan ammoo du’a irraa si hamburti.
Durummaan akka risaa koolaan ka’uu,
haga lipheettii ilaatitti,
nama duraa baduu hin dandeetti.
Inni guyyaa guutuu kajeela;
nami balchaan ammoo
harka keessa adoo hin qabatin kenna.
Sobaa fi dhara dubbatiisa na irraa fageessi;
sagalee guyyuma guyya’aan naa barbaachittu naaf kenni malee,
durumma’aa fi hiyyummaalle naa hin kennin.
Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi’iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo’oo uffatiisa adoo hin te’in, ifi qabattee woyaa isi’iif malte akka uffattu barbaada. Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa’aan ifi seefattuuti.
Dhugeeffattooti martinuu yaadaa fi gadhaa tokkoon jiraniiyyu. Isaan keessaa nami tokkolle, «Kun kiyya» waan jedhu hin qabuuyyu; isaan waan qabanu mara wolumaan qabaniiyyu.