Milagres de Jesus
Os Evangelhos registram dezenas de milagres realizados por Jesus — curas, ressurreições, domínio sobre a natureza e libertações. Cada milagre revelava sua divindade e compaixão.
Curas de cegos e surdos
Jesus devolveu a visão aos cegos e a audição aos surdos, manifestando seu poder sobre toda enfermidade e deficiência.
Yesuus Namoota Ballaa Lama Fayyise
Yesuus achii ka’ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, «Ilma Daawitii, nu marari!» jedhaa iyyane. Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande’u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Ee, Gootta’a!» jedhaneen.
Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, «Akkuma dhugeeffannaa teessanii isinii teetuu ti!» jedhe; ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadha’a, waan kana nama tokkolle’etti hin himina’a» jedhee jabeessee isaan ajaje.
Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane.
Yesuus Ballaa Lamaan Fayyise
Yesuusii fi barattooti isaa Yeriko’oo bayanee deemanuun, gumiin guddoon Yesuus hordotte. Namooti ballaan lamaan achi karaa cinaa tetee’anee jiraniiyyu. Akka Yesuus karaa san dabariisatti jiru yennaa dhage’ane, iyyanee, «Gootta’a, Ilma Daawitii, nuu marari!» jedhaa iyyane.
Gumiin akka isaan cadhisanu xixxe; isaan ammoo ittuma caalchisanee qoonqoo guddo’oon, «Gootta’a, Ilma Daawitii, nuu marari!» jedhaa iyyane.
Yesuus dhaabbatee isaan waamee, «Maan akka ani isiniif godhu barbaaddan?» jedheen.
Isaan deebisanee, «Gootta’a, ilti teenna akka banantu barbaanna» jedhaneen.
Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane.
Yesuus Beetisayida’atti Nama Ballaa Tokko Fayyise
Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida’aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte. Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, «Wo dhaggitaa?» jedhee gaafate. Namichi midhatee ilaalee, «Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu natti fakkaatan» jedhe.
Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge. Kanaan duuba Yesuus, «Olla’atti hin deebi’in» jedhee namicha gara mana isaa galche.
Yesuus Namicha Gurra Duuda’aa Fayyise
Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiiroosiitii ka’ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila’aa dhaqe. Jarri takka, namicha gurra duuda’aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte.
Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe; gara ol-gubba’aa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, «Efaataa» isaan jedhe. Akkas jechuun, «Banami!» jechu’u. Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate.
Yesuus waan kana nama tokkolle’etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane. Worri dhage’ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa’a! Worri gurra duude akka dhage’u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane.
Yesuus Barxiimewoosii Ila Balla’aa Fayyise
Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo’oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla’aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee’eera. Inni Yesuus nama biyya Naaziretii akka te’e yennaa dhage’e, «Yesuus! Ilma Daawitii naaf nayi!» jedhee iyye.
Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo’oon, «Ilma Daawitii, naaf nayi» jedhee iyye.
Yesuus dhaabbatee, «Isa as waama’a!» jedhe. Jennaan isaan namicha waamanee, «Inni si waamiisatti jira, jabaadhu! Ka’i!» jedhaneen.
Maarre inni geelaa ifi irraa gatee, utaalee ka’ee, gara Yesuusii dhufe.
Yesuus, «Maan akka ani si’iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan deebisee, «Barsiisa’a! Ani dhaggiisaaf barbaada» jedheen.
Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe.
Yesuus Kadhatticha Ballaa Tokko Fayyise
Yesuus Yeriko’otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee’ee kadhatiisatti jiraayyu. Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage’ee, waan te’iisatti jiru gaafate. Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane. Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawitii na marari!» jedhee iyye. Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawitii, na marari!» jedhee iyye.
Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate, Yesuus «Maan akka ani si’iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate.
Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe.
Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen. Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.
Yesuus Namicha Ballaa Te’ee Dhalate Tokko Fayyise
Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te’ee dhalateeru tokko dhagge. Barattooti isaa, «Barsiisa’a, akka namichi kun ballaa te’ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo’o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te’e. Adoo guyya’aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe. Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, «Dhaqiitii haroo Siilo’aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo’aam» jechuun ka ergame jechu’u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi’ee dhufe.
Curas de paralíticos e enfermos
Paralíticos caminharam, leprosos ficaram limpos e todo tipo de doença foi curada pelo toque e pela palavra de Jesus.
Namichi dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Gootta’a, yoo fedha keeti te’e na fayyisuu dandeetta» jedhe. Yesuus harka ifii diriirsee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle’etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te’u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!» isaan jedhe.
Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse’ee gariin, «Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan? ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii deem› jechuu irra kamittuu kaso’o? Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka’i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe.
Namichille ol ka’ee gara mana ifii deeme.
namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?» jettee isa gaafatte. Yesuus deebisee, «Isin keessaa nami hoolee takkaa qabu, guyyaa Sanbataatiin yoo isiin boolla buute, achi keessaa fuudhee alatti hin baasuu? Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma» jedhe. Achiin duuba Yesuus namicha harka laashoween, «Harka keeti diriirsi» jedheen. Namichille yennaa harka diriirfate, harki fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii te’e.
Yennaa inni achi gewu haat-sodda’aa ta Simoonii dhukkuba nafa o’isuun dhibantee irkatteerti; yoosuma dhibee isi’ii tana isatti himane. Yesuus itti dhikaatee, harka isi’ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o’isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte.
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
Namichi dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, «Yoo fedha keeti te’e na fayyisuu hin dandeetta» jedhee isa gaafate.
Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» isaan jedhe.
Yennuma san dhukkubi goga’aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye.
jarri takka nama afur te’anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba’atanee gara Yesuusii fidanee dhufane. Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba’aan heellichoo manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane. Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
Barsiisoti Seera Muuse’ee ka achi tetee’aneeranu tokko tokko, «Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande’a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba’aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan? Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu’utti kaso’o? Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween, «Ani si’iin jedha, ol ka’i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka’ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.
Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise
Achiin duuba Yesuus deebi’ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu. Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu. Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka’iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe. Achiin duuba jaralle’een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansaa moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane. Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari’iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi’ee fayye.
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa adoo jiruu, namichi dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru ka achi jiru tokko, yennaa isa dhagge, Yesuus duratti gad jigee, «Ee Goottaa, yoo fedha keeti te’e na fayyisi» jedhee kadhate. Yesuus harka ifii diriirfatee, isa qabee, «Hin fedha fayyi» jedhe. Yennuma san dhukkubi goga’aa farrisiisaan namicha lakkise.
Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare’een ba’atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane. Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare’eenuu woliin kolbaa oddu’utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane. Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, «Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe. Barsiisoti Seera Muuse’eetii fi Fariisaayoti, «Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande’a?» jedhaa yaadatane. Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan? ‹Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii ideem› jechu’utti kaso’o? Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka’i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!» jedhe. Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka’ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme.
Yesuus Namicha Harka Laashoweeru Tokko Fayyise
Guyyaa Sanbata dhibi’ii Yesuus gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira. Barsiisoti Seera Muuse’eetii fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane. Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, «Ol ka’i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!» jedhe. Jennaan namichi ol ka’ee achi dhaabbate. Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?» jedhe. Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, «Namichaan harka keeti diriirfadhu» jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi’ee fayye.
Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise
Yesuus waan san mara kolba’aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme. Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma’aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du’iisaaf dhikaateeraayyu. Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage’e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge. Isaan gara Yesuusii dhufanee, «Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba. Inni kolbaa teenna jaalata, Mana Waaqonfannaa Yihudootaalle nu’uuf ijaareera» jedhaa jabeessanee kadhatane. Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin; maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla’aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi’iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle’een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe. Yesuus tana yennaa dhage’e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa’el keessalle’etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe. Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi’anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane.
Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguussiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne. Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, «Dubarti’i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta» jedhe. Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte.
Yesuus Namicha Dhibameeru Tokko Fayyise
Guyyaa Sanbataa tokko, Yesuus sagalee nyaatiisaaf, gara mana sooreyyii Fariisaayota keessaa tokkochaa dhaqe; worri achi jiranu isa gaadiisatti jiraniiyyu. Namichi nafi isaa iitoweeru tokko fuula isaa dura jiraayyu. Yesuus, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisuun seeraa moo seera moti?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota gaafate. Isaan ammoo cadhisane. Yesuus namicha qabee fayyisee galche.
Yesuus Nama Kudhan Fayyise
Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya’aatii fi Galiila’aatiin dabare. Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee, qoonqoo guddo’oon, «Yesuus! Gootta’a! Nuu nayi!» jedhaneen. Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa’aatii hayyootatti ifi mudhisa’a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane. Isaan keessaa tokkochi akka fayye yennaa dhagge, qoonqoo guddo’oon Waaqa galateessaa, deebi’ee dhufe. Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya’aa ti. Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meet ree? Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi’e hin jiruu?» jedhee gaafate. Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka’ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe.
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe. Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin «Betzataa» jedhanti. Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole’ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho’iisa bisaanii eegatiisatti jiraniiyyu. Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu’ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho’eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu’e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.] Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu. Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedhee isa gaafate.
Namichi dhibamaan sun, «Gootta’a, bisaan yennaa tacho’u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena» jedhee deebise.
Yesuus, «Ka’i, itillee teeti fudhadhuu, deemi» jedheen. Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme.
Guyyaan wonni sun teete sanbata.
Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni’ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessaa, deebi’ee dhaqe. Qondaalli mootumma’aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu. Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila’aa akka dhufeeru yennaa dhage’e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du’iisa geyeeru fayyisuuf isa gaafate. Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen.
Qondaaltichi mootumma’aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du’in maganne’ee koy!» jedheen.
Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen.
Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme. Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane. Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o’ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane. Achiin duuba abbaan muca’aa saatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane. Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila’aa deebi’ee dhufee, lammeessoo huje.
A mulher com fluxo de sangue
Uma mulher que sofria há doze anos tocou a orla do manto de Jesus e foi curada instantaneamente pela sua fé.
Dubartiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi’ii dhaabbatuu didee rakkataa turte takka isa duubaan dhuttee handaara woyaa Yesuusii tuxxe. Isiin gadhaa ifiititti, «Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadatte. Yesuus garagalee isii dhaggee, «Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite.
Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi’ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu. Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne. Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe. Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte. Yennuma san dhiigi isi’ii lola’uu lakkisee, dhibee ifii irralle’ee akka fayyite itti dhage’ame.
Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi’itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu’uuf hin dandeenne. Isiin duuba Yesuusiitiin dhuttee handaara woyaa isaa tuxxee, dhiigi isi’ii ka jigu yoosuma dhaabbate. Yesuus, «Ka ana tuqe eennu?» jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, «Barsiisa’a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti» jedhe. Yesuus ammoo, «Hunni fayyittu na keessaa akka baate ani waan beekuuf, nami tokko na tuqeera» jedhe. Dubartittiin akka dhokattee hafaa hin jirre dhaggitee, rorommaa dhuttee miila Yesuusiititti jidde. Achiin duuba maaf akka isa tuxxee fi yoosuma attam akka fayyite kolbaa duratti itti hinte. Yesuus isi’iin, «Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.
Ressurreições
Jesus ressuscitou mortos — a filha de Jairo, o filho da viúva de Naim e Lázaro. Ele é Senhor sobre a morte.
Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartii Woyaa Yesuusii Tuxxe
Yesuus adoo tana isaanitti dubbatiisatti jiruu, bulchaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Intalti tiyya ammuma na duraa duute; ati ammoo koyiitii harka keeti isii irra keyi; isiille deebitee hin jiraatti» jedhe. Yesuus ka’ee barattoota ifii woliin isa faana dhaqe.
Achiin Yesuus gara mana bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa yennaa dhaqe, worra suusullee gaddaa afuufuu fi gumii caakkittee boottu dhaggee, «Asii gad baya’a! Intalti rafiisatti jirti malee hin duune» jedhe. Isaan ammoo itti kollane. Gumiin gad baateen duuba, Yesuus gara addee intalti jirtuu seenee harka isi’ii qabe; intaltille ol kaate.
Bulchitoota Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee, «Intalti tiyya diqqayyittiin dhukkuffattee du’iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne’ee koyiitii harka keeti isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate.
Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane.
Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi bowaa wiiccifatanu dhagge. Inni mana seenee, «Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» isaaniin jedhe.
Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene. Harka isi’ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen; akkas jechuun «Intala diqqayyoo! Ol ka’i!» jechu’u.
Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane.
Yesuus itti dabalee, «Kolbaa bara kanaa tana maaniin wol fakkeessa? Isaan maan fakkaatan? Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‹Suusullee isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne› jedhaa wolitti woccu fakkaatan. Yohaannisiin cuuphaan adoo sagalee hin nyaatin, daadhii woyni’iille hin unin dhufee jennaan, ‹Inni durriisa ifi keessaa qaba› jettane. Ilmi Namaa ammoo, nyaataa unaa dhufee jennaan, ‹Nama kana ilaala’a! Inni gadhitoo, machowaa, jaala worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi’ii ti› jettane. Te’uu malee, qaruun Waaqaa worra isii fudhatu maraan dhugaa akka teete mirkanootteerti» jedhe.
Dubartiin Takka Yesuus Fiqiree Issite
Fariisaayichi tokko Yesuus akka isa woliin nyaatuuf waamee, Yesuus mana isaa dhaqee nyaatiisaaf tee’e. Qachaa san keessa dubartii cubbaalettii takkatti jira. Maarre isiin akka inni mana Fariisaayichaatitti nyaatiisatti jiru dhageettee, fiqiree duloo albaasaaxarii irraa hojjatante guutuu fiddee,
Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqonfannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate. Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du’iisa geetteertiiyyu.
Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte.
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin» jedhe. Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage’e Yaayiroosiin, «Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti» jedhe. Yesuus mana Yaayiroosii bira yennaa geye, Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, abba’aa fi haadha intalaa malee eennulle isa woliin akka seenuuf hin eeyyanne. Namooti achi jiranu martinuu intalaaf bowanee wiiccifatane. Yesuus ammoo, «Hin bowina’a; intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» jedhe. Isaan akka intalti duuteertu waan beekanuuf, marti isaaniituu itti kollane. Yesuus ammoo harka isi’ii qabee, «Intala, ka’i!» jedhee waame. Lubbuun isi’ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi’iif kennanu isaan ajaje. Worri isi’ii maalalfatane; Yesuus ammoo waan te’e kana eennulle’etti akka hin hinne isaan ajaje.
Du’a Alaazarii
Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le’u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi’ii Maartaan le’anu. Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta’aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi’ii ti. Obboleettoti Alaazarii: «Gootta’a, nami ati jaalattu dhibameera» jedhanee Yesuusitti ergane.
Yesuus yennaa tana dhage’e, «Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du’ee akka hafuufii moti» jedhe.
Yesuus Maartaa, obboleettii isi’ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu. Akka Alaazar dhibame dhage’ulle, addee jiru san guyyaa lama oole. Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda’aa deebinee dhandha» jedhe.
Barattooti isaan, «Barsiisa’a, dhikoo tana Yihudooti dhaka’aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?» jedhaneen.
Yesuus deebisee, «Guyyaan tokko saatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya’aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu. Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata» jedhe. Yesuus tana jedheen duuba dabalee, «Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa» jedhe.
Barattooti isaa deebisanee, «Gootta’a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya» jedhane.
Yesuus akka Alaazar du’eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane. Maarre Yesuus ifa tolchee, «Alaazar du’eera;
Domínio sobre a natureza
Jesus acalmou a tempestade, andou sobre as águas e multiplicou pães. A natureza obedece à voz do seu Criador.
Yesuus Bubbee Cadhisiise
Yennaa Yesuus hoboloo takka yaabe, barattooti isaalle isa woliin deemane. Dedhuma bubbeen hantuun abbaayaa gubbaa kaatee, hoboloolle danbali’iin lixiisa geette; Yesuus ammoo rafeeraayyu. Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Gootta’a, nu fayyisi! Dhumataarraa!» jedhaneen.
Yesuus deebisee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo, maaf sodaattan?» jedheen. Achiin duuba inni ol ka’ee bubbe’ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te’e.
Isaan baaseffatanee, «Kun nama attamii ti? Bubbe’ee fi danbaliille hin ajajamaniif!» jedhane.
Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen. Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna’aaf!» jedhe. Isaan deebisanee, «Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna» jedhane. Yesuus, «Sanuma gara kiyya as fida’a!» jedhe. Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxumii lama fuudhee, gara ol-gubba’aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi’iif kennane. Isaan martinuu nyaatanee quufane; hambaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane. Worri nyaate dubarti’ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.
Halkan gara iyya lukku’uu ta lammeesso’ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe.
Yesuus Nama Kuma Afur Areere
Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef nayeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu» jedheen.
Barattooti, «Lafa goomole’ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. Yesuus, «Xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafate. Isaan, «Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna» jedhaneen.
Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje. Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba’aaf kennane. Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane. Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur.
Kaffala Gibira Galma Waaqaa
Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Qifirnaahoom geyane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, «Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?» jedhaneen.
Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, «Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi’ii irraa guuran?» jedhee isa gaafate.
Pheexroos deebisee, «Nama biyya dhibi’ii irraa guuran» jedheen.
Yesuus deebisee, «Nami biyya isaanii bilisa ree! Te’uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya’aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaan isi’ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii naaf, ifille’eef kaffali!» jedheen.
Yesuus Muka Harru’uu Tokko Abaare
Yesuus barii ganama, yennaa gara qacha’aa deebi’u beelote. Muka harru’uu tokko karaa cina’atti dhaggee, yennaa itti gore baala malee womaa irratti hin dhaggine. Achiin duuba inni harru’uun, «Ijjumaa deebi’ee midhaan si irraa hin dhaggamin» jedheen. Yoosuma muki harru’uu sun goge. Barattooti yennaa muka harru’uu san dhaggane, baaseffatanee, «Yoosuma muki harru’uu attam goge?» jedhane. Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru’uu irratti te’e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle’een, ‹Asii ka’ii abbaaya’atti darbami› yoo jettanneeyyuu, hin teeti. Dhugeeffanna’aan daadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan» isaaniin jedhe.
Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin bisaanii hobolo’otti dhangalaatee guutiisa geette. Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa’a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane.
Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille’een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te’e. Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe.
Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe’ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane.
Yennaa latti galgalootte barattooti isaa gara isaa dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiitteerti. Gumiin tun gara olla’aa fi oorruu as aananuu kana dhaqanee, waan nyaatanu akka bitatanuuf gad lakkisi!» jedhane.
Yesuus deebisee, «Isin waan nyaatanu isaaniif kenna’a!» jedhe. Isaan ammoo, «Dhandhee mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun daabboo binnee isaanii kenninaa ree?» jedhanee gaafatane.
Jennaan inni, «Daabboo meeqa qaddan? Dhaqa’aatii ilaala’a!» isaaniin jedhe. Isaan meeqa akka teete beekaneen duuba, «Daabboo xaltaa lama» jedhaneen. Yesuus akka isaan namoota maraa cinna cinnaan marra bisilee irra teessisanu barattoota ifiititti hime. Isaanille cinna dhibba dhibbaan, shantama shantamaan tee’ane.
Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara ol-gubba’aa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo’oo san caccassee, kolba’aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute. Nami maraayyuu nyaatee quufe. Barattooti isaa hambaa daabbo’ootii fi qurxummi’ii kollonjoo kudhanii lama mijuu fuudhane. Kolbaan sagalee san nyaatte dhiirti callaanuu kuma shan.
Bubbeen gara isaanii waan bubbitteef, shaffisa’aan bisaan gurduummataa rakkataa akka turane dhagge. Halkan gara iyya lukku’uu ta lammeesso’ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara isaanii dhufee, cinaa isaanii akka dabaruu te’e.
Yesuus bisaan gubbaa ideemuun barattooti yennaa dhaggane, ekeraa seyanee iyyane. Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha’a! Wonni Ana; hin sodaatina’a!» isaaniin jedhe. Inni hoboloo isaanii yaabee jennaan, bubbeen cadhitte. Barattooti akka malee baaseffatane.
Yesuus Nama Kuma Afur Areere
Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin na woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin naya. Isaan keessaa lafa fago’ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala’aa yoo jedhe, kara’atti hin gaggaban» jedhe.
Barattooti isaa deebisanee, «Lafa goomole’ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. Yesuus, «Daabboo xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafannaan, isaan, «Xaltaa torba» jedhaneen.
Inni gumiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane. Isaan qurxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime. Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hambaa hatte kollonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen,
Yesuus Muka Harru’uu Tokko Abaare
Guyyaa lammeesso’oo yennaa isaan Bitaaniya’aa deebi’anu Yesuus beelaye. Inni harruu urruuba takka fago’otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te’uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe. Maarre Yesuus harruu saniin, «Eennulle ijjumaa deebi’ee midhaan si irraa hin nyaatin!» jedhe. Barattooti isaalle waan inni jedhe kana dhage’ane.
Gogiisa Muka Harru’uu
Guyyaa lammeesso’oo ganama, adoo karaa san dabaranuu, harruun hidda isi’ii mara woliin goddeertuun dhaggane. Pheexroos waan Yesuus harru’uun jedheeru qaabatee, «Barsiisa’a, ilaali! Harruun ati abaarte goddeerti» Yesuusiin jedhe.
Yesuusille deebisee, «Waaqatti dhugeeffadha’a. Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‹Asii ka’iitii, gara abbaaya’aa ifi darbi!› yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti. Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha’a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama.
«Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama’a. [
Yesuus Barattoota Jalqabaa Waame
Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage’iisaaf gara isaa wol dadarbite. Inni hoboloota lamaan qarqara abbaaya’aatitti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu. Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti’ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee’ee gumii barsiise. Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, «Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa’a» jedhe. Simoonille, «Barsiisa’a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa» jedheen. Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa’iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane. Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi’iin akka malee guutane. Simoon Pheexroos waan te’e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, «Goottaa kiyya ani cubbichaa, natti hin dhikaatin!» jedhe. Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane. Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te’ane, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, «Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta» jedhe. Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane.
Yesuus Bubbee Cadhisiise
Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, «Ka’aa gara abbaaya’aan gamaa buunaa» jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka’ane. Adoo isaan hobolo’oon bu’iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya’aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu’ane. Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!» jedhaneen.
Inni dammaqee bubbe’ee fi danbalii xixe; bubbe’ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te’e. Achiin duuba inni barattootaan, «Dhugeeffannaan teessan meet?» jedheen.
Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, «Nami kun eennu? Inni bubbe’ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!» jedhane.
Yesuus Bubbee Cadhisiise
Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, «Ka’aa gara abbaaya’aan gamaa buunaa» jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka’ane. Adoo isaan hobolo’oon bu’iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya’aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu’ane. Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!» jedhaneen.
Inni dammaqee bubbe’ee fi danbalii xixe; bubbe’ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te’e. Achiin duuba inni barattootaan, «Dhugeeffannaan teessan meet?» jedheen.
Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, «Nami kun eennu? Inni bubbe’ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!» jedhane.
Yesuus Namicha Durriisaan Qabameeru Tokko Fayyise
Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila’aatiin gama, gara biyya Gergeesa’aa hobolo’oon bu’ane.
Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, «Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla’aa fi oorruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli’ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi» jedhane. Yesuus ammoo, «Isinuu waan isaan nyaatanu kenna’aaf» isaaniin jedhe.
Isaan ammoo, «Yoo dhandhee sagalee kolbaa tana duudi’iif geettu binne malee, nuuti daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa qanna» jedhane. Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu.
Yesuus barattoota ifiitiin, «Akka namooti cinna shantama shantamaan tee’anu tolcha’a» jedhe.
Barattooti akkuma inni jedhe nama maraa teessisane. Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba’aa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba’aaf akka qoodanu barattootatti kekenne. Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane.
Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana’aa
Guyyaa sadeesso’oo qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu. Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran. Yennaa daadhiin woyni’ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni’ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.
Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu’uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.
Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha’a» jettee tajaajiltootatti hinte.
Yihudooti aadaa dhugeeffanna’aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande’an. Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta’a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane. Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa’aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa’a» jedhe. Isaanille isaaf geessane. Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni’ii te’e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni’ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee, «Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen. Yesuus qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane.
Inni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu.
Filiphoos, «Daabboon mindaa ji’a saddeetiille diqquma diqqoolle’een isaan mara hin geettu» jedhe.
Barattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii, «Mucaan tokko ka daabboo garbu’uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu» jedheen.
Yesuus isaaniin, «Kolbaa teessisa’a» jedhe. Marra gudda’atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette. Yesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galateeffatee, kolbaa achi tee’iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche. Isaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, «Hambaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba’a» jedhe. Maarre isaan xaltaa daabboo garbu’uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hambaa hatte wolitti qabanee kollonjoo kudhanii lama guutane.
Haga kiiloomeetira shanii yookiin jaa shaffisa’aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo’oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane. Yesuus ammoo, «Wonni anaa, hin bararaqina’a!» isaaniin jedhe. Achiin duuba isaan gara hobolo’oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette.
Yesuus Barattoota Torbatti Mudhate
Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas: Simoon Pheexroos, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, Naataanaa’el nami qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhibiin lamaan woliin jiraniiyyu. Simoon Pheexroos, «Ani qurxummii guuriisa dhaqaara» isaaniin jedhe.
Isaanille, «Nuutille si woliin dhandhaa» jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne. Yennaa aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te’e hin beenne. Achiin duuba inni isaaniin, «Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaan, «Waawwo’o» jedhanee deebisane.
Inni isaaniin, «Hobolo’oon gara middaatitti caccoo teessan buusa’a, hin guurattan» jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.
Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, «Gootta’aa be!» jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te’e yennaa dhage’e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya’aa utaale. Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa callaa lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee’anee, gara qarqara abbaaya’aa dhufane. Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo’oo fi qurxummii kashila cile’ee irra jirtu achitti dhaggane. Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Qurxummuma amma qabattane irraa fida’a» jedhe.
Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane.
Libertações
Jesus expulsou demônios com autoridade. Os espíritos impuros não resistiam à sua palavra e saíam imediatamente.
Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise
Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahoomii seene, ajajaan dhibba tokko dhufee isa kadhatee, «Gootta’a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira» jedhe.
Yesuus, «Ani dhufee isa hin fayyisa» jedhe.
Ajajaan dhibbaa ammoo, «Gootta’a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla’aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‹Deemi!› yoo jedheen, innille hin deema; kaanille’een, ‹Koy!› yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‹Kana huji!› yoo jedheen, innille hin huja» jedhe.
Yesuus yennaa tana dhage’e, baaseffatee worra isa hordofuun, «Ani isinitti hima, Israa’el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine. Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaq woliin hin nyaatan; worri mootummaa Waaqaa keessa te’uu male ammoo addee itti bowanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman» jedhe. Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si’iif teetuu» jedhe.
Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle saatuma san fayye.
Yesuus Worra Durriisaan Qabame Fayyise
Yesuus abbaaya’aan gamatti bu’ee biyya Gadara’aa yennaa dhufe, namooti durriisi keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane. Isaan dedhuma, «Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhuttee?» jedhaa iyyane.
Diqquma isaan irraa fago’otti booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti, «Ati yoo gad nu baache, booyyota sanitti nu ergi» jedhanee Yesuus kadhatane.
Yesuus, «Dhaqa’a!» isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante.
Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te’e maraa fi waan namoota durriisi qabeeru irratti te’e achitti odeessane. Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.
Yesuus Namicha Afaan Duuda’aa Fayyise
Namooti ilti babbananteef akkuma achii bayaneen, jarri takka namicha afaan duudeeru ka durriisi qabeeru tokko gara Yesuusii fadane. Durriisi yennaa keessaa baafame, namichi afaan duudee ture dubbate; kolbaalle baaseffattee, «Waan akkasii kana Israa’el keessatti nuuti ijjumaa dhagginee hin beennu!» jette.
Yesuusii Fi Bi’el Zebul
Achiin duuba namicha ballaa dubbatee hin dandeenne ka ayyaanni hamaan qabeeru tokko gara Yesuusii fidane; Yesuus isa fayyise, maarre namichi dubbatiisaa fi dhaggiisa dande’e.
Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa
Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqe. Achiin duuba dubartiin biyya Kana’aanii takka adaala sanii dhuttee, «Ilma Daawitii, Gootta’a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marari» jedhaa iyyite. Inni ammoo womaa isi’iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, «Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!» jedhaa isa kadhatane.
Yesuus deebisee, «Ani worra akka hoole’ee bade kolbaa Israa’elii qofaaf ergame» jedheen.
Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, «Gootta’a, na gargaar» jetteen. Yesuus deebisee, «Sagalee ijoolle’ee fuudhanee sare’eef qolaansuun sirri’ii moti» jedheen.
Isiin deebittee, «Ee, Gootta’a, te’uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca’u nyaatti» jette.
Achiin duuba Yesuus deebisee, «Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo’o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu» jedheen. Intalti isi’iille yoosuma fayyite.
Yesuus Mucaa Ayyaana Hama’aan Qabame Fayyise
Yennaa Yesuusii fi barattooti isaa sadiin gara gumi’ii deebi’ane, namichi tokko dhufee, Yesuus duratti jilbiiffatee, «Gootta’a, mucaa kiyya mararfadhu, inni dhukkuba gaggaddu’uu waan qabuuf guddoo rakkatiisatti jira; inni yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti jiga. Ani gara barattoota teetii isa fidee, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne» jedhe. Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin dhugeeffannee fi dabaalessa! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida’a!» jedhe. Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye.
Yennuma san namichi ayyaana hama’aan qabameeru tokko Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee, «Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu teeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!» jedhe iyye.
Yesuus ayyaana hama’aan «Cadhisi! Keessalle’ee bayi» jedhee xixe.
Ayyaanni hamaan sun namicha gajassiisee, qoonqoo guddo’oon iyyee keessaa baye.
Yesuus Ayyaana Hamaa Namicha Tokko Keessaa Baase
Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila’aatiin gama, gara biyya Gergeesa’aa dhufane. Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu’een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe. Namichi kun irreensota odduu le’eera; eennulle wodaroo sibiilaatiille’een isa hidhuu hin dandeenne. Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukkutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne. Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu irreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle’een ifi duguugaa ture.
Inni fago’otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee, iyyee lallabee, «E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana’aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!» jedhe. Yesuus isaan, «Ati ayyaana hama’a, namicha kana keessaa bayi!» waan jedheeruuf, inni akkana jedhe.
Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafate.
Innille, «Maqaan kiyya duula; nuuti baca’a» jedhee deebise. Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate.
Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre ayyaanoti hamooti sun, «Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!» jedhanee Yesuus kadhatane. Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante.
Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te’e kana ilaalu’uuf dhufane.
Isin ammoo nami abba’aa fi haadha ifii gargaaru’uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te’eera› akkas jechuun Waaqaaf kennameera yoo jedhe, duuba inni deebi’ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu. Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu’uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe.
Waan Nama Batteessu
Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, «Isin martinuu waan ani jedhu caqasa’aatii hubadha’a! Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa. [
Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa
Yesuus achii deemee gara biyya Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barbaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne. Dubartiin takka, ta intalti isi’ii ayyaana hama’aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde. Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiqee jedhantu ta biyya Sooriya’aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi’ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte. Yesuus ammoo, «Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle’ee fuudhanee sare’eef qolaansuun dansa’aa moti» isi’iin jedhe.
Isiin ammoo deebittee, «Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle’ee keessaa harcaate nyaatti» jetteen.
Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi’iin jedhe. Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi’ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite.
Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisa’a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera. Yennaa durriisi itti ka’u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne» jedhe. Yesuus deebisee, «E! Isin dhaloota hin dhugeeffanne! Haga yoomii isin bira jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida’a!» isaaniin jedhe. Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajassiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise. Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana te’a?» jedhee abbaa muca’aa gaafate. Abbaan muca’aa deebisee, «Ijoolluma’aan jalqabee ti. Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne’ee nu’uuf nayiitii nu gargaar» jedhe.
Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande’anti» jedhee deebise.
Yennuma san abbaan muca’aa, «Ani dhugeeffannaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen. Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama’aan, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda’aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi’in» jedhee isa xixe.
Ayyaanni mucaa iyyisiisee, gajassiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa teenaan, namooti hedduun, «Du’eera» jedhane. Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; innille ol ka’ee dhaabbate.
Yesuus Worra Dhibamaa Hedduu Fayyise
Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda’aa ta Simoonii dhukkuba nafa o’isu jaba’aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane. Maarre Yesuus itti dhikaatee cinaa isi’ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o’isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte.
Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu’een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le’u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le’a. Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana’aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe. Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka’uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama’aatiin gara goomole’ee oofamaa ture. Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafannaan, durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, «Maqaan kiyya duula» jedhe. Durriisoti gara bowwaa qile’ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane. Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame. Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante. Worri booyyee tissanu yennaa waan te’e kana dhaggane, baqatanee worra qacha’aatii fi biyya saniititti odeessane. Kolbaan waan te’e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee’eeruun dhaggite martinuu sodaatte.
Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du’in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran» jedhe.
Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii
Yesuus waan kana dubbatee, gara guyyaa saddeetiitiin duuba Pheexroos, Yohaannisii fi Yaaqoob fudhatee daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. Adoo inni daadimatiisatti jiruu bifi fuula isaa jijjiiramee woyaan isaalle adii calalaxxu teete. Dedhuma namooti lamaan Muuse’ee fi Eliyaas isa woliin dubbatiisatti jiranuun dhaggane. Isaan ulfinna ol-gubba’aatiin mudhatanee marroo waan Yesuus du’iisaan Yerusaalemitti muummessu’uu jiruu dubbatiisatti jiraniiyyu.
Pheexroosii fi worri isa woliin jiranu dunquuqquu hirriiba irra jiran; yennaa dammaqane ammoo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan ka isa woliin dhaabbatiisatti jiranu dhaggane. Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa’a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa’a; gosee sadiin, takkattii si’iif, takkattii Muuse’eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra» jedhe; Pheexroos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne.
Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo’oon, «Barsiisa’a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha. Ayyaanni hamaan dedhuma itti ka’aa iyyisiisa, lafatti isa dhowee wixirachiisee, afaan isa hoomacheessa; miidhaa tureen duuba farra jaddu’uun gad lakkisa. Ani akka barattooti teeti baasanuuf kadhadhe; isaan ammoo hin dandeenne» jedhe. Yesuus deebisee, «Isin dhaloota dhugeeffannaa hin qannee fi jalliyyee kana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Me mucaa keeti as fidi» jedhe.
Adoo mucaan gara Yesuusii dhufiisatti jiruu, ayyaanni hamaan lafatti isa dhowee wixirachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa san xixee, mucaa fayyisee, abbaa isaatiif deebisee kenne. Kolbaan marti guddinna hunna Waaqaa baaseffatte.
Yesuus Ammalle Marroo Du’aa Fi Du’aa Ka’a Ifii Dubbate
Kolbaan martinuu waan Yesuus hojjate maraa adoo maalalfattuu, inni barattoota ifiitiin,
Yesuusii Fi Bi’el Zebul
Yesuus durriisa duudaa tokko baase. Yennaa durriisi baye, namichi dubbatiisa jalqabe; namootille baaseffatane.
Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda’aa dhowee, gurra middaa irraa kute. Yesuus ammoo, «Lakkisa’a! Tun hin dabalamin» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi’itti dubbatiisa jalqabee: «Maan ilaaliisaaf gara goomole’ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman. Natti hima’a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga’a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane. Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‹Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si’iin dura erga› jedheera. Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala» jedhe.
Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage’ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane. Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha’aatitti cuuphamuu didatane.