Milagres
Os milagres manifestam o poder soberano de Deus. Desde a criação até os sinais de Jesus e dos apóstolos, Deus intervém sobrenaturalmente na história para revelar sua glória e amor.
O Deus dos milagres
Para Deus nada é impossível. Ele abriu o mar, fez cair fogo do céu e ressuscitou mortos. Seu poder não tem limites.
Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande’antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande’anti» jedhe.
Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande’antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande’anti» jedhe.
Waaqaaf wonni hin dande’anne hin jirtu» jedhe.
«Ani Mootii Waan Maraa Waaqa nama maraa ti; wonni ani hin dandeenne jirtii ree?
Muuseelle harka ifii abbaayaa irra diriirse; Mootiin Waan Maraa ammoo halkan guutuu qilleensa jabaa gara aduun baatuu kaasee abbaayaa gara duubaa deebisee, bisaan gargar kutee, lafa godduu tolche. Israa’elootille bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka’aa te’ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane.
Ee Mootii Waan Maraa,
ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha;
bilbaasota ati dur goote hin qaabadha.
Ani marroo hujii teetii mara hin heda;
hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha.
Ati Waaqa bilbaasa huju;
ati gosa biyya adda addaa oddu’utti
hunna teeti mudhitteerta.
Milagres pela fé
Se tiverdes fé como um grão de mostarda, movereis montanhas. A fé é a chave que acessa o poder miraculoso de Deus.
Yesuus deebisee, «Waan dhugeeffannaan teessan diqqaatteef re! Ani dhugumaan isinitti hima, dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici’ii adoo qabaattanee, gaara kanaan, ‹Asii ka’ii achi deemi!› yoo jettane, innille hin deema; wonni isiniif hin dande’anne hin jirtu. [
Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru’uu irratti te’e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle’een, ‹Asii ka’ii abbaaya’atti darbami› yoo jettanneeyyuu, hin teeti.
Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande’anti» jedhee deebise.
Yesuus gara isaanii ilaalee, «Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande’antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande’anti» jedhe.
Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande’ane Waaqaaf hin dande’anti» jedhe.
Sababa dhugeeffatiisa dhaba isaaniitiif, inni bilbaasota hedduu achitti hin hunye.
Sinais e prodígios
Os apóstolos realizaram sinais e maravilhas em nome de Jesus. Os dons do Espírito incluem a operação de milagres e a fé sobrenatural.
«Worra Israa’elii dubbii tana dhage’a’a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti.
Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.
Ilmaan Iskoyaasii
Waaqi bilbaasa te’ee hin beenne karaa Phawuloosiitiin hujiisatti jiraayyu. Kanaaf woyaa nafa Phawuloosii tuxxee fi hoccuu inni danfaan haxowatu fuudhanee, worra dhibame yennaa tuqisiisane, worri dhibame fayye; ayyaanni hamaalle keessaa baye.
Ani yennaa odduu teessan jiru, hujiin ani ossaan huje, akka ani ergamaa dhuga’aa te’e hin mirkaneessiti. Kunille beessisa, baasaa fi bilbaasota.
Waaqi wolde’a kiristaanaa keessatti dursee ergantoota, itti aansee raagota, sadeessoo barsiisota, achiin duuba worra bilbaasa huju, isaanitti aansee worra kennansa dhibamaa fayyisiisaa qabu, worra kennansa namoota qarqaariisaa qabu, bulchitootaa fi worra afaan haareyaan dubbatanu kaaseera.
Ayyaanni Woyyichi tokkoof dandeettii qaroomaan dubbatiisaa hin kenna; ka dhibi’iif Ayyaanni sunuu dandeettii beekkumsaan dubbatiisaa hin kenna. Tokkoof Ayyaanni sunuu dhugeeffannaa hin kenna; ka dhibi’iif kennansa dhibee irraa fayyisiisaa hin kenna. Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi’iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama’aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi’iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatiin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna.
Yesuus ammoo, «Nami maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi’ee ammoo, dafee hantuu tiyya dubbatu waan hin jirreef, isa hin dhooggina’a. Nami nu’uun hin mormine golii teenna.
Milagres de cura e provisão
A oração da fé salvará o enfermo. Deus provê, cura e intervém quando clamamos a Ele com fé genuína.
Daadimannaan dhugeeffanna’aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf. Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha’a, woliifille daadimadha’a! Daadimannaan nama balcha’aa hunnaametti’ii fi bu’aa qabeetti’i.
Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji’a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne. Yennaa inni deebi’ee daadimate ammoo, gubbaan bokkeya kennitee, lattille midhaan baache.
Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba’aa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba’aaf akka qoodanu barattootatti kekenne. Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane.
Yesuus Guyyaa Sanbataa Dubartii Gugguutte Fayyise
Yesuus Guyyaa Sanbataa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisiisatti jiraayyu. Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguussiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne. Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, «Dubarti’i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta» jedhe. Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte. Sooressi mana Waaqonfannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba’aan, «Guyyooti huji’ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa’aatii fayyifama’a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti» jedhe. Goottaan deebisee, «Isin kijiboole’e, isin keessaa guyyaa Sanbataatiin qotiyyoo yookiin harree addee hidha’aatii hiikee geessee ka bisaan hin obaanne eennu? Amma dubartiin sanyii Abrahaamii teetu tun, ta woggaa kudhanii saddeeti Seexanaan hidhantee turte, guyyaa Sanbataatiin hiikamu’uu hin mallee ree?» jedheen. Dubbii tana yennaa inni dubbate, worri isa mormu mara qaanowe; kolbaan ammoo kancira inni huje maratti gammadde.
Yesuus qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane.
Kolbaan yennaa bilbaasa Yesuus huje kana dhaggite, «Kun dhugumaan raagicha gara biyya lafaa dhufu’uu jiruuyyu!» jette.
Yesuus isaan, «Waan na dhaggiteef dhugeeffattee? Worri adoo ana hin dhaggin dhugeeffatu ka badhaadhe!» jedhe.
Kaayoo Kitaaba Kanaa
Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera. Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te’ee fi Ilma Waaqaalle te’e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane.
Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate. Isaan Barreeffama Woyyicha, «Inni du’aa ka’uu qaba» jedhu haga ammaa hin hubanne.
Discernimento nos sinais
A Bíblia alerta contra falsos milagres e sinais enganosos. Devemos provar os espíritos e não seguir sinais que desviam de Deus.
Raagichi tokko yookiin nami oojju’uun moru tokko odduu teessanii ka’ee, bilbaasa yookiin maadee yoo isinitti hime, bilbaasii fi maadeen inni dubbate yoo teete, innille, «Kowa’a, waaqota dhibii hordonna; isaan waaqonfanna» jedhee waaqota dur isin hin beennetti yoo isin geesse, isin raagicha san yookiin nama oojju’uun moru san hin dhage’ina’a. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka isin gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti’iin isa jaalattanu haga isin ilaaliisatti jira. Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa’a; isa sodaadha’a; ajajoota isaa eegadha’a; isaaf ajajama’a; isa tajaajila’a; isatti maxxana’a.
Achiin duuba afaan jawwe’ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sad ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge. Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande’uutitti lola te’uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan.
Barsiisoti Beessisa Gaafatte
Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse’eetii fi Fariisaayoti gariin, «Barsiisa’a, nuuti akka ati beessisa nu dhaggisiittu barbaanna» jedhaneen. Yesuus ammoo deebisee, «Dhalooti hama’aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf. Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura.
Qachoota Hin Dhugeeffanne
Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le’anu, waan isaan cubbuu irraa deebi’uu didaneef komate. «Aanne’e si’iif, Koraaziin! Aanne’e si’iif, Betsayida’a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera’aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu. Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura’aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif irra kasoo teeti. Atille Qifirnaahoom, haga gubba’aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile’ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu. Maarre ani sitti hima, guyyaa mura’aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti» jedhe.
A criação como milagre
O próprio corpo humano é milagre de Deus. Toda a criação testifica do poder e da sabedoria do Criador.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Waaqa Muraa Haqaa Muruuf Galata Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Du’a ilmaa» jedhantee beekkantutti faarfatante.
Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa;
baasa ati goote mara hin odeessa.
Tanaaf Mootiin Waan Maraa ifiifuu beessisa isiniif hin kenna; kunoo, durri duudduun ulfoottee, ilma hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu’el› jettee hin waanti.
Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeru akka muummottuuf teete. Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu’el› jedhamee waamama;» «Amaanu’el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu’u.
Yesuus bisaan gubbaa ideemuun barattooti yennaa dhaggane, ekeraa seyanee iyyane. Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha’a! Wonni Ana; hin sodaatina’a!» isaaniin jedhe.
Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage’e Yaayiroosiin, «Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti» jedhe.
Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggite maraaf gammaddee, qoonqoo guddo’oon, «Mootiin maqaa Gootta’aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba’atti nageenni, olii ol-gubba’aatille ulfinni te’u!» jedhaa Waaqa galateeffatte.
Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba’aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.
Ani lafatti jigee qoonqoo, ‹Saa’ol, Saa’ol! Maaf na miita?› jettu dhage’e.
Balaa Saddeetesso’oo; Awwaannisa
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Ati gara mootichaa dhaqi. Ani bilbaasota kiyya kana odduu isaaniititti tolchiisaaf, mootichaa fi qondaaltota isaa mataa jabeesseera. Ati ammoo waan ani worra Gibxi’ii irratti tolche, bilbaasota ani isaan oddu’utti huje kana, dabarsitee ilmaan teetii fi ilmaan ilmaan teetiititti hin hinta. Isin akka ani Mootii Waan Maraa te’e tanaan hin beettan» jedhe.