Morte de Jesus
A morte de Jesus é o sacrifício supremo do amor de Deus. Na cruz, o Cordeiro de Deus carregou os pecados do mundo, satisfez a justiça divina e abriu o caminho da salvação para todos.
O sacrifício na cruz
Jesus disse: 'Está consumado!' Na cruz, Ele cumpriu toda a lei, pagou o preço do pecado e reconciliou a humanidade com Deus.
Yesuus amma wonni marti hobba’iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, «Ani dheebodhe» jedhe.
Qoriin daadhiin woyni’ii dhangaggoottu’uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii daadhii woyni’ii dhangaggoottuu xuuxachiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane. Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, «Hobbaate!» jedhe.
Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne.
Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba’aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu. Loltooti, «Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buufannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!» woliin jedhane. Barreeffam Woyyichi,
«Woyaa tiyya qoodamane,
ruufa kiyyatti hixaa buufatane» jedhu akka muummowuuf kun te’e. Loltootille kanuma godhane.
Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha’aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu. Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaalattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, «Haadha tiyya, inni ilma keeti» jedheen.
Achiin duuba barattichaan, «Isiin haadha teeti» jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate.
Addee «Buqqii Mata’aa» jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaameyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane. Yesuus ammoo, «Abba’a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane. Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, «Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te’e ifi fayyisuu ti!» jedhane. Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni’ii dhangaggoottuu isaaf kennanee, «Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!» jedhane. Barreeffam, «Kun Mootii Yihudootaa ti» jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu. Yakkaameyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, «Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!» jedhee isa arrasse. Yakkaamessi kuun ammoo, «Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?» jedhee isa xixe. Achiin duuba, «Nuuti waan hunyeef waan dhaggatiisaaf malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!» jedheen. Achiin duuba Yesuusiin, «Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabadhu!» jedhe.
Yesuus deebisee, «Dhugumaan ani sitti hima, adhuma na woliin addee gammadaa keessa hin jiraatta» jedheen.
Orraa saatii jaan jalqabee, haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte. Saatii sagalitti Yesuus, «Elo’ii, Elo’ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo’oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf na lakkittee?» jechu’u.
Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba’aa haga gadii addee lamatti tarsa’e. Latti tachoote, rassaalle dadayya’e. Irreensotille banamanee, kolbaan Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka’ane. Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du’aa ka’een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu’utti mudhatane.
Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho’a lafaatii fi waan te’e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane.
Inni ammoo, sababa cubbuu teennaatiif woraaname;
sababa yakkaa teennaatiifille butute.
Nuuti adabamiisa isaatiin nageya dhagganne;
madaa isaatille’een nuuti fayyine.
Nuuti marti akka hoole’ee karaa irraa bannee,
tokko tokkoon keennaayyuu
karaa karaa keennatti gorre;
Mootiin Waan Maraa ammoo,
yakkaa teenna mara isa irra keye.
«Inni cunqurfamee, farre;
te’uu malee, waan tokkolle hin dubbanne;
akka ilmayyoo hoole’ee ka qalmaaf oofamuutii fi
akkuma hooleen worra rifeensa isi’ii haadu duratti cadhittu,
inni cadhise malee, womaa hin dubbanne.
Worri akka sare’ee na marse;
goliin worra hantuu hujuu na naannessanee,
harka kiyyaa fi miila kiyya woraananee fullaasane.
Ani huqqadhee lafeen tiyya mudhatte;
diinoti kiyya ila natti qabanee na ilaalane.
Woyaa tiyya qoqoodamanee,
ruufa kiyyatti hixaa buufatane.
Ka na dhaggu marti natti murga;
isaan arraba baasanee mataa natti raasaa,
«Inni Mootii Waan Maraatitti addateeraa,
inni isa hamburuu ti me!
Inni waan isa jaalatuuf,
isa baasuu ti me!» naan jedhan.
O amor que se entrega
Ninguém tem maior amor do que aquele que dá a vida pelos amigos. Deus prova seu amor em que Cristo morreu por nós quando ainda éramos pecadores.
Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Nuuti diinota Waaqaa ti; inni ammoo karaa du’a Ilma ifiitiin jaalota ifii nu godhe. Amma eega jaalota Waaqaa teene, karaa jiruu Kiristoosiitiin irra caalaa hin fayyina.
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi’iif malee, cubbuu teenna calla’aaf moti.
Ifi gad qabee,
haga du’aatitti,
haga fannifamee du’ulle’etti, ka ajajamu te’e.
Morte e ressurreição
Jesus morreu e ressuscitou, e a morte não mais tem domínio sobre Ele. Pelo batismo, participamos de sua morte e ressurreição.
Kiristoos waan du’aa ka’eef, deebi’ee akka hin duunee fi duutille isa irratti baallii akka hin qanne hin beenna. Inni yennaa du’e akka cubbuun isa irratti hunna hin qabaanneef, takkumaan yennaa maraaf du’e; ammalle yennaa jiru’uun le’u, Waaqaaf le’a.
Nu worri Yesuus Kiristoos woliin tokko te’iisaaf cuuphanne maraa, du’a isaalle qoodamiisaaf akka cuuphanne hin beettanuu ree? Yennaa cuuphamaan isa woliin awwaalanne, worra du’a isaalle qoodamu teeneerra; tanaaf akkuma Kiristoos ulfinna Abba’aatiin du’aa ka’e, nuutille jiruu haareyaan hin jiraanna.
Nami mara akka du’uu fi achiin duuba mura’aaf akka dhikaatu murtayeera. Kiristoos cubbuu nama heddu’uu ba’atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba’atiisaaf adoo hin te’in, worra dharra’aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.
«Worra Israa’elii dubbii tana dhage’a’a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti. Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi’iitiin fannifamee du’u gootane. Waaqi ammoo hunna du’aa jalaa bilisa baasee, du’aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne.
Yesuus, «Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna.
Isin yennaa xaltaa daabbo’oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi’ee dhufutti du’a isaa lalladdan.