Morte
A morte é a realidade que todos enfrentam, mas para o cristão ela não é o fim. A Bíblia ensina que Cristo venceu a morte e nos dá a esperança da ressurreição e da vida eterna.
Cristo venceu a morte
Onde está, ó morte, o teu aguilhão? Cristo destruiu o poder da morte e nos deu a vitória pela ressurreição.
akkasuma,
«Du’a! Injifannaan teeti meet?
Du’a! Hunni ati namaan miitu meet?»
jedhu hin muummowa. Hunni ilkattii du’aa cubbu’u; hunni cubbu’uulle seera. Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu’uu kennuuf galanni te’u!
Diinni injifatamee muummee irratti badu du’a.
Duuti karaa nama tokkootiin akkuma dhutte, du’aa ka’iis worra du’eelle karaa nama tokkootiin dhutte.
Nami marti akkuma Addaamiin du’u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata.
Dubbiin,
«Isa woliin yoo duune,
isa wolille’een jiraanna.
Worri du’aa ka’a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu’u. Duuti lammeesso’oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te’an; isa wolille’een woggaa kuma tokkoof mowan.
A esperança da vida eterna
Jesus disse: 'Eu sou a ressurreição e a vida.' Quem crê nele não está morto, mas apenas adormecido — e um dia despertará para a glória.
Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a; Ka jiru’uun le’uu fi natti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.
Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a; Ka jiru’uun le’uu fi natti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.
Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan. Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande’u.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Dhufa Gootta’aa
Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du’ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna. Yesuus du’ee, du’a keessaa akka ka’e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du’e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna.
Qoonqoo ajaja gudda’aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du’e, dursee hin ka’a; achiin duuba nuuti worri adoo hin du’in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta’aan wolde’iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.
Não temas a morte
Não temas os que matam o corpo. Para o cristão, viver é Cristo e morrer é lucro. O vale da sombra da morte não assusta quem caminha com o Pastor.
Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina’a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande’u Waaqa sodaadha’a.
Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata.
Maarre jiruu jechuun naaf Kiristoosiin le’iisa, duutille bu’aa tiyya.
Waan lamaan kanaan rakkadheera: ani le’ii tana lakkisee, Kiristoos woliin le’uu fedha; kun waan mara caalaa naaf woyya. Te’uu malee fooniin jiraachuun kiyya isiniif caalaa barbaachisa’a.
Nuuti ammoo nama biyya ol-gubba’aa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra’aan eeganna. Inni hunna ittiin waan mara baallii ifii jala godhuun, nafi keenna salphataan kun, nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.
Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Yoo jiraanne, Gootta’aaf jiraanna; yoo duunelle, Gootta’aaf duuna; tanaaf, duunulle yookiin jiraannulle, nuuti ka Gootta’aa ti.
A eternidade nos aguarda
Deus enxugará toda lágrima. A morte será o último inimigo destruído. Para os salvos, a morte é a porta de entrada na presença eterna de Deus.
Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage’e; isiin barcumaa mootumma’aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba’aa jira; kolbaa wolille’een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te’an. Waaqinuu isaan woliin le’a; Waaqa isaaniille te’a. Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
Nami mara akka du’uu fi achiin duuba mura’aaf akka dhikaatu murtayeera.
Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubba’aa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.
Nama addee nama balcha’a du’u dhaggatiis guddoo rakkisa’a; te’ulle nami addee nama dansa’a du’iisaaf fedhu dhaggamuu fa dande’a. Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.
Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala’ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le’aa mowan.
Gatiin cubbu’uu du’a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.
A morte na perspectiva bíblica
Há tempo de nascer e tempo de morrer. A morte é realidade humana, mas Deus é Senhor tanto dos vivos quanto dos mortos.
Qarummaa
Fiqiree dansa’aa mannaa, maqaa dansaa woyya; guyyaa dhalootaatii mannaa guyyaa du’aa woyya.
Worri qajeelumma’aan ideemu nageya hin qabaatan; yennaa du’anulle hin foorfatan.
Kolbaan dukkana keessa leete,
ifa guddaa dhaggite;
worra lafa gaaddisa du’aa keessa le’eefille
ifi baye.
midhaan muka nyaatanee hantu’uu fi dansaa ittiin beekanu san irraa ammoo hin nyaatin. Gaafa isa irraa nyaatte ammoo dhuguma hin duuta» jedhe.
Nami ijjumaa hin du’in le’uu dande’u eennu?
Awwaala jalaa ka miliquu dande’u eennu?
Ayyaana keeti duraa eessa deemuu dande’a?
Fuula keeti duraa eessa baqatuu dande’a?
Gara ol-gubba’aa yoo ol baye, ati achi jiraata;
addee worri du’e jiru keessa yoo irkadhelle,
ati achi jirta.
Akka chaappa’aatitti gadhaa keeti keessatti,
irree teeti irralle’etti na mallatteeffadhu.
Jaalalli akka du’aa jabaata;
hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti.
Bobeenni isi’ii akka bobe’a ibiddaa,
ka tallisuu ti.
«Amma yennaan ani du’u geetteerti; isin keessaa tokko tokkonuu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa gale mara tokkolle adoo hin hafin akka isiniif kenne, gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti’iin hin beeka.
Ani du’a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi’a’aatii jiru’uun jiraadha’a› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
Yesuus qoonqoo guddo’oon, «Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!» jedhe. Inni kana jedhee du’e.
Inni qilee keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago’otti Abrahaam dhagge; Alaazarille cinaa isaatitti dhagge. Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe’a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne’ee naa ergi› jedhee waammate.
Achiin duuba, halchaan sun yennaa ulfootte, cubbuu dhalti; cubbuun sunille, yennaa guddattee geette, du’a dhalti.