Pular para o conteúdo
Publicidade

Motivação

Por Bíblia Online

Motivação verdadeira vem de Deus. A Bíblia nos inspira a correr a carreira da fé com perseverança, sabendo que o Senhor fortalece, guia e recompensa os fiéis.

Força do alto

Tudo posso naquele que me fortalece. Deus dá poder aos fracos e renova a força dos cansados — Ele é a fonte de toda motivação.

Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.

Inni worra laafeef

jabeenna hin kenna;

worra dadhabeef hunna hin ede’a.

Ijoolleen hin dadhaddi; hin laattille’e;

dargaggootille gufattee hin jiddi.

Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

Ani Mootii Waan Maraatiin guddoo gammada;

lubbuun tiyyalle Waaqa kiyyaan firinxiixxi.

Akkuma waajibichi akka hayyu’uu marata mata’atti maratu,

akkuma waajibittiin dooqaan ifi seefattu,

inni woyaa fayyinnaa

natti uffiseera;

bullukkoo balchumma’aalle itti dabalee natti uffiseera.

sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa.

Correr para o alvo

Prossigo para o alvo, para o prêmio da soberana vocação de Deus em Cristo Jesus. A corrida da fé exige disciplina e foco.

Obboleeyyan tiyya! Ani ammalle akka waan harka keessa galfadheetitti hin laakkowu. Te’uu malee ani waan tokko hin godha; waan duubatti hafe lakkisee, gara waan na dura jiruutitti hiixadha. Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubbaaa na waamee naaf kennu.

Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa’a. Worri doggommo’oof qophowu mara leenjii jadduu leenji’a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona. Tanaaf ani akka nama yaada hin qannee toluma hin rukkisu; ani akka nama qilleensa tuntummu’uun dhowuu nama toluma aggatuu moti. Worra dhibi’iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi’iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.

Waaqi Abbaa Keenna

Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala keenna naannessane kana mara waan qannuuf, kowa’a waan ba’aa nu irratti te’e maraa fi cubbuu nu’utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna. Nuuti jalqaba’aa fi muummessaa dhugeeffannaa teennaa ka te’e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du’iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du’a fanno’oo ossatee midda barcumaa mootumma’aa ka Waaqaatitti tee’e.

Yoona akka hifattanee addii hin kutanne, mormii cubbaaleyyi’ii tana mara ka ossate Yesuus ilaala’a.

Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te’in, akka waan Gootta’aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha’a.

Propósito e missão

Deus tem planos de esperança para nós. Cada dia é oportunidade de fazer a sua vontade e avançar com confiança na missão.

Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.

Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha. Waan mara maqaa kiyyaan yoo na gaafattane, ani hin godha» jedhe.

Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema’aatii maqaa Abba’aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha’a. Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa’a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha’a; jajjabaadha’a; isaan hin sodaatina’a yookiin hin bararaqina’a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.

Addee worri du’e jiru, ta ati dhaqiisaaf jirtu san hujiin yookiin itti yaadanee wo qopheeffatiis yookiin beekkumsi yookiin qarummaan waan hin jirreef, waan harki keeti hujiisa beeku mara hunna teeti guutu’uun huji!

Kum tokko cinaa teetitti,

kum kudhan midda keetitti hin jigan;

ammoo si hin tuqanu.

«Tanaaf Maan nyaanna? Maan unna?jedhaa yaadaan hin rakkatina’a. Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubbaaa hin beeka.

Nuuti yennaa isin bira jirru, «Nami hujiisa jibbu hin nyaatin» jennee ajaja isiniif kennineerra.

Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee’u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu. Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle’e.

Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo waan dansaa hujiisa hin dadhabina’a.

Seja o primeiro