Publicidade

Mudança de vida

Por Bíblia Online

A mudança de vida é possível em Cristo. Não importa o passado, qual foi o erro ou quão fundo a queda — Deus renova, restaura e transforma completamente aquele que se volta para Ele.

Nova vida em Cristo

Se alguém está em Cristo, nova criação é. Deus nos dá coração novo, mente renovada e esperança para o futuro.

Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.

Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;

ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.

Fuula keeti duraa na hin fageessin;

Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.

Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san,

adde’etti naaf deebisi;

akka si’iif ajajamu na qarqaar.

Le’ii Waaqa Tajaajiliisaaf Malte

Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata’aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin isii tana. Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.

Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le’a malee, ani ifiif hin le’u. Le’ii amma fooniin le’ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le’a.

Passos para a transformação

A mudança começa com confissão, fé e decisão. Deus é fiel para perdoar e completar a boa obra que começou em nós.

Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.

Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.

Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a. Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha’aa fi qalbii teessan hin eega.

Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri’itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.

Coragem para mudar

Não temas, porque Deus está contigo. Ele nos fortalece para sermos sal da terra e nos dá palavras que edificam e transformam.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha’a; jajjabaadha’a; isaan hin sodaatina’a yookiin hin bararaqina’a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.

Sooddaa Fi Ifa

Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi’ee kuraawuu dande’a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu’aa hin qabu.

Dubbii bu’aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage’uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin.

Dhugeeffanna’aan Jiraatuu

Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama. Rakkoon teenna diqqo’oo fi ta haga yenna’aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti. Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna’aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-