Namoro e sexo
Namoro e sexo são temas que a Bíblia trata com clareza e sem tabus. Deus criou o sexo como bênção dentro do casamento e nos chama à pureza fora dele.
Pureza sexual
A vontade de Deus é a santificação. Cada um saiba controlar seu próprio corpo em santidade e honra, não na paixão do desejo.
Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha. Nami duudiin haadha manaa woyyumma’aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. Akka worra Yihudoota hin te’inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin.
Nami dhibiin, «Sagaleen gadha’aaf, gadhaalle sagale’eef» jedhuu dande’a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu’uuf, Goottaalle nafa kunuunsu’uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu.
Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
Arrependimento e restauração
Bem-aventurado aquele cujo pecado é perdoado. Deus restaura os que se arrependem e cria neles um coração limpo e renovado.
Cubbuu faaci’atiisaa Fi Araara
Wolaloo Daawitii.
Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef,
ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade.
Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne,
ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade.
Ani yennaa cubbuu tiyya faaci’atuu dhabe,
guyyaa guutuu aada.
Ati halkanii fi guyyaa na adadde;
akka waan o’i bonaa gossee,
hunni tiyya na keessaa godde.
Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;
yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.
Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;
atille cubbuu tiyya naaf araarante.
Tanaaf, nami addatamaan marti
gara keeti daadimatuu ti.
Rakkinni akka lolaa jaba’aa yennaa dhufe,
isa hin dhaqqabu.
Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi;
cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi.
Ani yakkaa tiyya waan beekuuf,
yennaa mara cubbuun tiyya
fuula kiyya dura jirti.
Ani si irratti ka’ee, si qofa yakkee,
waan hantuu si duratti godhe.
Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga’a;
muraan ati natti murtelle haqa.
Baala hisoophiitiin fiffixiitii,
cubbuu irraa na qulqulleessi;
anille hin qulqullowa;
na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha.
Ililleetti’ii fi gammada na dhageessisi;
ati na caccassitee butuchitulle
ani deebi’ee hin gammada.
Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu;
yakkaa tiyya mara haxowii balleessi.
Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;
ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.
Fuula keeti duraa na hin fageessin;
Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.
Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san,
adde’etti naaf deebisi;
akka si’iif ajajamu na qarqaar.