Publicidade

Não temas

Por Bíblia Online

'Não temas' é uma das frases mais repetidas na Bíblia. Deus a pronuncia nos momentos de maior temor, lembrando que sua presença e poder são maiores que qualquer ameaça.

Deus está contigo

Não temas, porque eu sou contigo. Deus repete essa promessa em cada crise, guerra e desafio que seus filhos enfrentam.

Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!

Ani Waaqa keeti waan te’eef hin rifatin!

Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;

harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.

Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti,

ka harka keeti middicha qabee,

Hin sodaatin; ani si qarqaarajedhu.

Mootiin Waan Maraa keeti ka si wodu,

Woyyichi Israa’elii,

Ani waan si qarqaaruuf,

ee Yaaqoobii dadhabaa akka corroqaa,

Israa’elii kolbaa diqqoo tana, hin sodaatinjedheera.

Ee isin worri Xiyoonitti oduu gammadaa hintanu,

gaara dheera’atti ol baya’a.

Ee isin worri Yerusaalemitti oduu gammadaa hintanu,

qoonqoo teessan ol-qabadhaaatii iyya’a;

qoonqoo teessan ol qabadha’a, hin sodaatina’a!

Qachoota Yihuda’aatiin,

«Waaqi keessan kunoo ti!» jedha’a.

Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille’e!jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha’a; jajjabaadha’a; isaan hin sodaatina’a yookiin hin bararaqina’a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.

Gondooroo Waaqi Abraam Woliin Gondoore

Wonni kun teeteen duuba, jechi Mootiin Waan Maraa mudhi’iin gara Abraamii dhufee, «Abraam, hin sodaatin, ani wontee teeti; ani gatii guddoo si’iif hin kenna» jedhe.

Coragem diante do perigo

Não tenhas medo — o Senhor teu Deus está no meio de ti, poderoso para salvar. Ele luta por nós e dá forças aos medrosos.

Guyyaa sanitti namooti Yerusaalemiin,

«Ee Xiyoon hin sodaatin!

Harki keeti hin laashowin!

Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;

hunni isaa injifannoo sii kenniti;

inni guddoo sitti hin gammada;

jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;

inni faaru’uun si’itti hin gammada» hin jedhan.

Elsaa’ille, «Hin sodaatin; worra isaan woliin jiru caalaa worra nu woliin jirutti caala» jedheen. Achiin duuba Elsaa’i, «Ee Mootii Waan Maraa! Akka inni dhaggu ila isaa bani!» jedhee daadimate; Mootiin Waan Maraa ila tajaajilaa Elsaa’ii waan baneef, tajaajilaan sun fardoo ibiddaa heddu’uu fi garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaa hedduun kooba guuttee adaala Elsaa’ii mara jirtuun dhagge.

«Ee lafa, hin sodaatin.

ani Waaqi waan guddoo waan sii godheef,

gammadii firinxiix!

Mootii Waan Maraa ammoo anaan, «Gara ani si ergu mara dhaqiitii, waan ani si ajaju mara godhi malee, Ani ijoolle’ehin jedhin. Ani si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan hin sodaatin» jedhe.

Goottaan gaafa tokko oojju’uun Phawuloositti dubbatee, «Hin sodaatin; lallabuma lallabi malee, hin cadhisin. Ani si woliin jira; ani qachaa kana keessaa kolbaa hedduu waan qabuuf, eennulle si hubiisaaf hin dande’u» jedhe.

Atille ilma namaa! Isaanii fi jecha isaaniille hin sodaatin; qore’ee fi qumi’uuduu woliin jiraatanulle, makka irra yoo teettelle hin sodaatin. Isaan worra finqilaa waan te’aneef, ati waan isaan siin jedhanu hin sodaatin; isaan si hin rifachiisin. Isaan worra finqilaa waan te’aneef, yoo dhage’anelle yookiin yoo dhage’uu didanelle, ati jecha kiyya isaanitti dubbadhu.

Fé que vence o medo

O medo não vem de Deus. Jesus disse: não temas, crê somente! A fé dissipa o medo e nos conecta ao poder de Deus.

Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa saniin, «Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!» jedhe.

Rakkinna sitti dhufaaru hin sodaatin. Kunoo, Seexanni isin haga ilaaliisaaf, isin keessaa garii mana hidha’aatitti hin galcha; guyyaa kudhan hin rakkatan. Haga du’aatitti ka addatante te’i; anille kallacha jiru’uu si’iif hin kenna.

Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina’a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande’u Waaqa sodaadha’a.

Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju’uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin.

Ergantichi Waaqaa isi’iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera.

Simoon Pheexroos waan te’e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, «Goottaa kiyya ani cubbichaa, natti hin dhikaatin!» jedhe.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_21-26-40-