Pular para o conteúdo
Publicidade

Nascer de novo

Por Bíblia Online

Nascer de novo é a porta de entrada para a vida em Deus. Jesus ensinou que sem o novo nascimento espiritual, ninguém pode ver nem entrar no Reino de Deus.

A necessidade do novo nascimento

Jesus declarou a Nicodemos: 'Aquele que não nascer de novo não pode ver o Reino de Deus.' O novo nascimento é pelo Espírito.

Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande’u» jedhee deebise.

Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande’u» jedhee deebise.

Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande’a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande’aa?» jedhee Yesuus gaafate.

Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande’u. Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana. Waan ani, Lammeessoo dhalatuu qaddansi’iin jedheef hin masoonfatin. Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi’ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.

Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande’u. Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana. Waan ani, Lammeessoo dhalatuu qaddansi’iin jedheef hin masoonfatin.

Ani dhugumaan isinitti hima; eennulle mootummaa Waaqaa akka ijoolleen takka fudhattutti ka hin fudhanne, itti hin galu» jedhe.

Ka Caalu Eennu

Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?» jedhaneen. Inni daa’ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa’immaanii hin te’in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubbaaatitti hin galtanu. Eennulle ka akka daa’ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubbaaa keessatti mara ka caalu te’a.

Nova criação em Cristo

Quem está em Cristo é nova criação. Morremos e ressuscitamos com Ele para viver em novidade de vida, livres do velho homem.

Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.

Yennaa cuuphamaan isa woliin awwaalanne, worra du’a isaalle qoodamu teeneerra; tanaaf akkuma Kiristoos ulfinna Abba’aatiin du’aa ka’e, nuutille jiruu haareyaan hin jiraanna.

Du’a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du’aa ka’iisa isaatille’een isa woliin tokko hin teena. Le’iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu’uu te’iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna. Nami du’e hunna cubbu’uu jalaa bilisa bayeera.

Yennaa cuuphamaan isa woliin awwaalanne, worra du’a isaalle qoodamu teeneerra; tanaaf akkuma Kiristoos ulfinna Abba’aatiin du’aa ka’e, nuutille jiruu haareyaan hin jiraanna.

Isinille akka cubbuu jalaa duutanee, karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqaaf leetanuutitti ifi laakkowa’a.

Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le’a malee, ani ifiif hin le’u. Le’ii amma fooniin le’ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le’a.

Le’ii dullattii dur le’aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata’a. Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama’a. Jiruu haareya, balchumma’aa fi woyyummaa dhuga’aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha’a.

Namummaa dullacha hujii isaa woliin ifi irraa baattanee waan gattaneertanuuf, dhara wolitti hin dubbatina’a. Namummaa haareyalle uffattaneertan; isiille ta akka guutuma guutu’utti isa beettanuuf, Waaqi isii dade fakkeenna ifiititti haaressiisatti jiru. Akka kanaan worra Giriikootaatii fi worra Yihudootaa, worra haqanqabaa qabatee fi ka haqanqabaa hin qabatin, orma beekkichaa fi orma gowwicha, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qanne odduu garaa garummaan hin jirtu; Kiristoos ammoo duudi’i, duudii keessa jira.

Filhos de Deus

Nascemos de novo pela Palavra viva de Deus. Quem crê em Jesus recebe o direito de se tornar filho de Deus, nascido do Espírito.

Te’uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te’anuuf midda kenne. Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne.

Addii Jiraattuu

Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te’u! Inni marartii ifii guddo’oon du’a keessaa ka’iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera. Akkasuma inni karra guddoo hin banne, yookiin hin aloonne, yookiin hin dulloonne Ol-gubbaatti isiniif qopheesseera.

Isin karaa jecha Waaqaa jiraata’aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te’in sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan.

Akkuma daa’immaan reef dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin dharra’aa. Isin akka Goottaan arjaa te’e waan beettaneertanuuf tana hin gootan.

Ijoollee Waaqaa

Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu. Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.

Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi Ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule. Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe.

Ani akka isaan ijjumaa naaf addatamanu gadhaa addatamumma’aa isaaniif hin kenna; qalbii haareyalle isaan keessa hin keya. Gadhaa isaanii ka akka dhaka’aa isaan keessaa baasee, gadhaa isaanii ka foonii isaaniif hin kenna. Achiin duuba isaan ajaja kiyya hin muummessan; seera kiyyalle hin eegatan; isaan kolbaa tiyya hin te’an; anille Waaqa isaanii hin te’a.

Waaqi mararti’iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaalate irraa ka ka’e, yakkaa teennaan yennaa nuuti duuneerruuyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru’uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan.

Seja o primeiro