Publicidade

Nova aliança

Por Bíblia Online

A Nova Aliança é o pacto de graça que Deus estabeleceu através de Jesus Cristo. Diferente da antiga, ela é escrita no coração, mediada pelo sangue de Cristo e acessível a todos.

A profecia da Nova Aliança

Jeremias profetizou uma aliança nova em que Deus escreveria sua lei no coração do povo. Essa promessa se cumpriu em Cristo.

«Barri ani kolbaa Israa’eliitii fi Yihuda’aa woliin gondooroo haareya godhadhu hin dhufa. Gondooroon tun ta akka gondooroo yennaa abbootii isaanii biyya Gibxi’ii keessaa baasiisaaf, harka qabee isaan sooresseetii moti; ani abbaa manaa isaanii te’ulle isaan gondooroo tiyya waan diiganeef ani dudda isaanitti gale. Gondooroon ani bara san kolbaa Israa’elii woliin godhadhu ta asii gad jirtu tana: ani seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle’etti hin barreessa. Ani Waaqa isaanii hin te’a; isaanille kolbaa tiyya hin te’an. Ani yakkaa isaanii isaaniif hin araarama; cubbuu isaaniille deebi’ee isaanitti hin laakkowu; isaan marti diqqa’aa haga gudda’aatitti na waan beekanuuf, haganaa achi nami tokko ollaa ifii yookiin fira ifii, Mootii Waan Maraa beekijedhee hin barsiisu» jedha.

Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te’e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala’a.

Gondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso’oo sila hin barbaachittuuyyu.

Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu’u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.

Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu’uuf wobii te’eera.

Selada com sangue

Jesus instituiu a Nova Aliança na Última Ceia: 'Este cálice é a nova aliança no meu sangue.' Seu sacrifício é definitivo e perfeito.

Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala’een, gondooroo haareya.

Inni muduunuulle fuudhee, Waaqaaf galata galcheen duuba, isaaniif kennee, «Isin martinuu, itti una’a; kun dhiiga kiyya, ka Gondooroo haareyaa, ka araara cubbuu kolbaa heddu’uutiif dhangala’e.

dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du’atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree!

Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te’ee du’e.

Yoo dhaamati dhaalaa jiraate, du’a nama dhaamatuu san mirkaneeffatiis barbaachisa’a. Dhaamati dhaalaa gaafa namichi dhaala kenne sun du’e callaa hujii irra oola malee, adoo inni jiruu hujii irra ooluu hin dande’u. Tanaaf Gondooroon duraatuu dhiigaan malee hujii irra hin oolle. Muuseen ajaja Seeraa tokko tokkoon kolbaa maraaf himeen duuba, dhiiga dardaraatii fi re’eee bisaan woliin fuudhee, baala muka hisoophiitii fi rifeensa hoole’ee diima’aan, Kitaaba Seeraatii fi kolbaa maratti fiffixaa, «Dhiigi gondooro’oo ka akka eeggattanuuf Waaqi isin ajaje kana» jedhe.

Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu’u malee, akka akki isaa jiru ka dhuga’aatii moti; tanaaf wogguma wogga’aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande’u. Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande’ee jiraate, worri waaqonfatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage’anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu. Woreegi kun marti ammoo wogguma wogga’aan ka isaan cubbuu ittiin qaabatanu. Sababille dhiigi dardaraatii fi re’eee cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne.

Reconciliação e vida nova

Pela Nova Aliança somos reconciliados com Deus, trazidos para perto pelo sangue de Cristo e feitos embaixadores da reconciliação.

Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti. Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu’uu kenneen teete. Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu’u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu’ulleeef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.

Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu’oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama’a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba’atu godhe.

Nuuti karaa Kiristoosiitiin Waaqatti addii waan qannuuf tana jenna. Nuuti dandeettii teennaan tana goona waan jennu takkaalle hin qannu; dandeettiin teenna Waaqa irraa dhutti. Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu’uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube’een barreeffameetii moti. Seerri qube’een barreeffame du’a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna.

Karaa Kiristoosiitiin Tokko Te’uu

Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te’in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, «Haqanqabaa qabanneerra» ifiin jettuun, «Worra haqanqabaa hin qabatin» jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha’a. Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa’eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi’ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha’a. Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu’uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan.

Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma’aa akka te’uuf erge.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-