A nova jerusalém
A Nova Jerusalém é a cidade de Deus que desce do céu, morada eterna dos redimidos. Nela não haverá mar, morte, choro nem dor — Deus habitará com seu povo para sempre.
A cidade celestial
João viu a santa cidade, a Nova Jerusalém, descendo do céu como noiva adornada para o esposo. Ali Deus morará com seu povo.
Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophoottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge. Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage’e; isiin barcumaa mootumma’aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba’aa jira; kolbaa wolille’een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te’an. Waaqinuu isaan woliin le’a; Waaqa isaaniille te’a. Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
Ayyaanalle’een gara gaara gudda’aa fi dheera’aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu’uun natti mudhise. Qachaan sun ulfinna Waaqaatiin ifiisatti jiraayyu; calalaqi isaalle akka dhakaa gatii guddo’oo, akka Yaasphisii, qulqulluu akka cabbi’ii ti. Dalleya dhaka’aa gudda’aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa’elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera. Karaa aduun baatuun karra sad, karaa oliitiin karra sad, karaa gadiitiin karra sad, karaa aduun seentuun karra saditti jira. Dalleenni dhaka’aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle’etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera.
Waaqi Goottaan waan mara dande’uu fi Hoolichi Galma Waaqaa ka qachaa sanii waan te’aneef, qachaa san keessatti Galma Waaqaa ani hin dhaggine. Ulfinni Waaqaa, qachaa saniif ifa waan kennuu fi Hoolichille ifa isaa waan te’eef, qachaa saniif aduun yookiin jiin akka issuuf hin barbaachisu.
Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru’uu, ka akka cabbi’ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa’uun natti mudhise. Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola’iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru’uu jira; muki kun wogga’atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji’uma ji’aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu. Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan. Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata. Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te’uuf, ifi issa’aa, yookiin ifi adu’uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mowan.
A pátria celestial
Os patriarcas aguardavam uma cidade que tem fundamentos, cujo arquiteto e construtor é Deus. Nosso lar eterno está além desta vida.
Amma ammoo, isaan biyya san caalu ka ol-gubbaa jirtu dharra’an; tanaaf Waaqi qachaa guddaa waan isaaniif qopheesseeruuf, «Waaqa isaanii» jedhamee waamamiisaaf hin fokkifanne.
Isin ammoo gara gaara Xiyoonii dhikaattaneertan; Xiyoon qachaa Waaqa jiraata’aa ka teete Yerusaalemii ol-gubba’aa ti; isin gara ergantoota Waaqaa ta kuma heddu’utti laakkowantuu, ta gammadaan wolitti qabanteertuu dhikaattaneertan. Gara Wolde’a worra maqaan isaanii ol-gubba’atti barreeffamee, ka angafoota ijoollee Waaqaa te’anee dhikaattaneertan. Gara Waaqa kolbaa duudi’itti muruutii fi lubbuu balchoole’ee ta guutuu teetee dhikaattaneertan. Gara Yesuusii wodhakkicha gondooroo haareyaa te’ee, gara ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuutii fi dhiiga isaa ka fixamee dhikaattaneertan.
Yerusaalemiin ol-gubba’aa ammoo bilisoontu’u; isiin haadha teenna.
Yesuus barattoota ifiitiin, «Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha’a; analle’etti dhugeeffadha’a! Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto’oo heddu’utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu. Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi’ee dhufee isin fudhadha.
A glória da Nova Jerusalém
Deus habitará no meio do seu povo. Sua presença será a luz da cidade, e o rio da vida fluirá do trono de Deus e do Cordeiro.
Lagi maddi isaa qachaa Waaqaa,
addee woyyittii Waaqi Ol Aanaan le’u
gammachiisu tokko jira.
Naannoon qacha’aa ciqilee kuma kudhanii saddeeti. Yennaa sanii jalqabee maqaan qacha’aa ‹Mootiin Waan Maraa achi jira› hin jedhama» jedhe.
Mootiin Waan Maraa, «Isin kolbaa Xiyoonii, kunoo ani dhufee odduu teessan waan le’uuf, ilillisa’aa gammada’a» jedha.
Guyyaa san gosi biyya adda addaa hedduun gara Mootii Waan Maraa dhufanee, gosa isaa hin te’an. Innille odduu isaanii hin le’a; akka Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan na erge hin beettan. Mootiin Waan Maraa lafa woyyittii keessaa Yihudaa lafa ifii hin godhata; ammalle Yerusaalem hin filata.
«Ani ariifadhee hin dhufa. Eennulle kallacha keeti akka hin fudhanne waan qaddu jabeessii qabadhu. Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba’aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa.
eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru’uutii fi qachaa woyyicha kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa.