Obediência aos pais
A obediência aos pais é mandamento divino com promessa de vida longa. A Bíblia valoriza a honra filial e ensina os filhos a respeitar e obedecer aos pais com amor.
Honrar pai e mãe
O quinto mandamento ordena honrar pai e mãe. É o primeiro mandamento com promessa: para que vá bem e vivas muito na terra.
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
«‹Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessa bara dheeraa akka leetu, wonni ati gootu marti akka sii toltu, akkuma ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
Waaqi, ‹Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du’uu qaba› jedhee ajajeera.
Ijoolle’ee Fi Worra Isaanii
Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
Obedecer e respeitar
Filhos, obedecei a vossos pais no Senhor. A obediência filial é expressão de amor e temor a Deus.
Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te’eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama’aatii, waan isaan jedhanu mara godha’a.
Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
Barsiisi isaanii,
mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti;
morma keetiifille,
akka meya seesaaf diramee ti.
Gaarayyeeffatiisa Irraa Ifi Eeggatiisa
Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.
Yennaa mara gadhaa keeti keessa keyadhu;
morma keetille’etti hidhadhu.
Isaan yennaa ati ideentu
si sooressan;
yennaa rattu si eegan;
yennaa ati dammaxxu
si’itti dubbatan.
Ajaji kun issa’a;
barsiisi kunille ifa;
qajeelfamaan sirreeffamiis
karaa jiru’uu ti.
Bu’aa Qarummaa Irraa Dhaggamu
Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa’a;
itti xiyyeeffadha’aatii,
hubantii dhaggadha’a.
Ani barsiisa kiyya dansaa isiniif kenna;
maarre isin barsiisa kiyya hin lakkisina’a.
Yennaa ani mana abbaa kiyyaatitti mucaa diqqa’aa,
haadha tiyyaaf ilma tokkochaa san,
abbaan kiyya na barsiisee,
«Jecha kiyya mara
gadhaa tokkochaan qabadhu;
hin leetaa,
ajaja kiyya eegadhu.
Qarummaa dhaggadhu;
hubantii qabaadhu;
jecha kiyya hin dedhin
yookiin irraa hin deebi’in.
Qarummaan gollaa sii teetii,
isii hin dedhin;
si eeddiitii,
isii jaaladhu.
Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;
ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage’u.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Disciplina e consequências
A vara e a repreensão dão sabedoria. A Bíblia adverte sobre as consequências sérias da rebeldia e desonra aos pais.
Ijoollee xixanee adabuun qarummaa kennitiif;
ijoolleen gad lakkifante ammoo haadha ifii qaanessiti.
Ka abbaa ifii saamu,
haadha ifiille ka manaa ari’u,
ilma fokko’oo fi salphinna fidu.
«Nama abbaa ifiititti murguu fi
ajaja haadha ifiille tuffatu,
harraaqessi gammoojji’ii ila isaa
isa keessaa hin fuudha;
rumichille isa hin nyaata.
«Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii dhaanu ijjeefamuu ti.
Ilma Finqilaa
Nami tokko ilma mataa jabaatu finqilaa ka yoo isa adabannelle, haadhaa fi abbaa ifiitiif hin ajajanne yoo qabaate, haati isaatii fi abbaan isaa isa qabatanee, gara jaarsolee karra dalleya qachaa inni keessa le’uutitti geessanuu ti. Isaan jaarsolee qachaa inni keessa le’u saniin, «Ilmi keenna kun ilma mataa jabaatu dida’a. Inni nu’uuf hin ajajamu. Inni gadhito’o; machowaalle’e» jedhanuu ti. Achiin duuba dhiirti qachaa sanii marti dhaka’aan isa tumanee ijjeesanuu ti; maarre isin akka kanaan hantuu odduu teessanii hin balleessitan. Israa’elooti marti tana dhage’anee hin sodaatan.
Nami abba’aa fi haadha ifii abaaru,
akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te’a.
Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi’ii ossadha’a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni?
Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba’aaf, akko’oo fi akaakoo ifiitille’eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji’iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti.