Orgulho
O orgulho é um dos pecados mais condenados na Bíblia. Deus resiste aos soberbos, mas dá graça aos humildes. A humildade é o caminho da honra verdadeira.
Deus resiste ao soberbo
A soberba precede a ruína e o orgulho antecede a queda. Deus abomina o coração altivo e promete humilhar quem se exalta.
Ifi jajuun badiisatti,
koorri jigiisatti nama geessa.
Mootiin Waan Maraa worra kooru hin jibba;
isaan ijjumaa adabbii jalaa hin bayanu.
Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira;
dhuma irratti ammoo gara du'aa geessa.
Mootii Waan Maraa sodaatiis
waan hantuu jibbiisa;
ani kooraa fi bondhooriisa,
karaa hama'aa fi dubbii micciirantuu jibba.
Koorri yennaa dhufu,
salphinni hin dhufa;
gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti.
Koorri yennaa dhufu,
salphinni hin dhufa;
gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti.
Nami ol ifi qabu salphinna ifitti fida;
nami gad ifi qabu ammoo ulfinna dhaggata.
Nami ol ifi qabu salphinna ifitti fida;
nami gad ifi qabu ammoo ulfinna dhaggata.
Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;
ulfinnaan dura ammoo
gad ifi qabiisatti dhufa.
Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;
ulfinnaan dura ammoo
gad ifi qabiisatti dhufa.
Mootiin Waan Maraa mana worra kooruu hin diiga;
meessaa haadha hiyyeessaa ammoo hin eega.
Humildade como caminho
Humilhai-vos diante do Senhor e Ele vos exaltará. A grandeza no Reino vem pelo serviço humilde, não pela autopromoção.
Waaqi ammoo badhaadha irra caalu hin kenna; tanaaf Barreeffam Woyyichi,
«Waaqi worra kooru hin morma,
worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna» jedha.
Goottaa duratti gad ifi qaba'a, innille ol isin hin qaba.
Obboleessi gad aanaan, waan Waaqaan ol qabamuuf ifi jajuu ti! Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti!
Akkasuma isin dargaggooti jaarsole'eef ajajama'a. Isin martinuu ifi gad qabiisa akka woya'aa uffadha'aatii wol tajaajila'a. Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma; worra gad ifi qabuuf ammoo badhaadha hin kenna» jedha. Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba'a. Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata'a.
Nami ifi guddisu maraa hin diqqaata, nami ifi diqqeessu maraa hin guddata» jedhe.
Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa'aatii ilaala'a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina'a! Nami martinuu bu'aa worra dhibi'iille ilaaluutii malee, bu'aa ifii callaa hin ilaalin! Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha'a:
Os perigos do orgulho
O orgulho cega, gera contendas e afasta de Deus. A Escritura adverte contra a soberba da vida e a vã glória mundana.
Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.
Tanaaf nami ani dhaabbadheera jedhee yaadatu, akka hin jinne ifi eegatuu ti.
Waan qabu mara hiyyeeyyi'iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu.
Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa'a jedhamee ilaallamu akka hin jirre godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittuu hin laakkowanne fowate. Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe.
Ammoo akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Ka ifi jajuu Gootta'aan ifi jajuu ti». Sababille nama Goottaan saadutti fudhatama qaba malee, nami ifi saadu fudhatama hin qabu.
Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa. Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu, gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru'uu fi gowwu'u. Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.
Ifi jajiis lola qofa kaasa;
qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.
Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis
karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.
Worri amma biyya lafaa tanatti dureeyyii te'ane akka hin koorre, yookiin addii isaanii karra hin addachiinne irratti adoo hin te'in, akka ittiin gammannuuf Waaqa waan duuchii fakkansee nu'uuf kennutti akka addii godhatanu isaan ajaji.
O olhar de Deus
O Senhor não olha como o homem. Ele vê o coração e se agrada dos quebrantados de espírito e dos que tremem diante da sua Palavra.
Mootiin Waan Maraa ammoo Saamu'eliin, «Ani waan isa tuffadheef bifa isaa yookiin dheerinna hojjaa isaa hin ilaalin; Mootiin Waan Maraa akka nami ilaalu hin ilaalu; nami fuula ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo qalbii ilaala» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Waaqa beekaa
nama mara madaalu waan te'eef
hin koorina'a!
Ifi jajiisaan hin dubbatina'a!
Tana mara harka kiyyattuu huje; wonni martinuu tiyya. Ani gara worra gad ifi qabuu, gara worra mataa hin jabaanneetii fi gara worra jecha kiyya sodaatuu hin ilaala.
«Hujiin Mooticha ol-gubba'aa sirrii, karaan isaa qajeelaa waan te'eef, worra kooraa ideemulle, waan gad deebisuuf, ani mootichi Nebukadnezaar isa hin leellifadha; ulfinnaa fi guddinnalle isaaf hin kenna» jedhe.
Mootichi Israa'elii Ahaabii deebisee, «Mooticha Ben-Haadaadiin, ‹Loltuun dhuga'aa lolee galee ifi jaja malee, adoo lola dhaqiisatti jiruu ifi hin jaju› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.
Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a.
Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, qajeelumma'aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.