Pular para o conteúdo
Publicidade

Ouvir a voz de Deus

Por Bíblia Online

Ouvir a voz de Deus é o privilégio supremo do cristão. Ele fala por sua Palavra, pelo Espírito e em circunstâncias — e as ovelhas reconhecem a voz do bom Pastor.

As ovelhas ouvem a voz do Pastor

Jesus disse: minhas ovelhas ouvem minha voz, eu as conheço e elas me seguem. A relação com Deus é íntima e pessoal.

Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan.

Raagoleen, Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te’ajedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage’uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa.

Ka Waaqaa ka te’e, jecha Waaqaa hin dhage’a. Te’uu malee, isin ka Waaqaa waan hin te’iniif, hin dhageettanu» jedhe.

«Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage’u ka na ergelle’etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du’a irraa gara jiru’uu tareera; isatti hin murantu. Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du’ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage’anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage’u jiru’uun le’a.

Jecha Jiru’uu

Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu.

Jechi nama te’ee, badhaadhaa fi dhuga’aan guutamee, odduu teenna le’e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba’aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.

Deus fala pela Palavra

Toda Escritura é inspirada por Deus. A Bíblia é a voz confiável de Deus registrada para nos guiar em toda verdade.

Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.

Waan duudi’iin dura, dubbii raagaa ta Barreeffama Woyyicha keessa jirtu, eennulle yaada ifiitiin hiikiisaaf akka hin dandeenne hubatuu qaddan. Sababille dubbiin raagaa worra Ayyaana Woyyichaan sooreffameen Waaqa irraa dhutte malee, ijjumaa fedha namaatiin hin dhunne.

Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage’iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.

Jara Lamaan Mana Ijaartu

Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage’ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta. Bokkeenni roobee, lolaan lola’ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sun ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne.

Inni ammoo deebisee, «Worri jecha Waaqaa dhage’ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!» jedhe.

Buscar e ouvir

Deus promete: 'Clama a mim, e te responderei.' Quando buscamos sinceramente sua voz, encontramos direção e revelação.

inni, Na waammadhu! Anille si’iif hin deebisa; waan guddoo ati hin beenne ta ati qorqortee bira hin geenne sitti hin himajedha.

Yennaa isin gara middaa yookiin gara bita’aa deebitanu, qoonqoo isin duubaan, «Karaan kana, isa irra ideema’a» jettu gurri keessan hin dhage’a.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna ulfinnaa fi guddinna ifii nutti mudhisee, ibidda keessaa qoonqoo isaa dhageenneerra. Waaqi yoo isatti dubbatelle, nami le’uu akka dande’u nuuti adha dhaggineerra.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa

abbaayaa guddittii irraa dhage’anti;

Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraa

abbaayaa irraa mandi’a.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti’i;

qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti’i.

Qoonqoon Mootii Waan Maraa

hindheensa caccassiti;

Mootiin Waan Maraa

hindheensa Libaanoniituu hin caccassa.

Ani qoonqoo ol qabadhee

gara Mootii Waan Maraa hin iyya;

innille gaara woyyicha ifii irraa naa hin dhage’a.

Seja o primeiro