Pai da mentira
A Bíblia revela que o diabo é o pai da mentira. Ele engana, acusa e tenta destruir. Mas Cristo veio para desfazer as obras do maligno e nos dar vitória.
O caráter do diabo
Jesus disse que o diabo é mentiroso e homicida desde o princípio. Não há verdade nele — a mentira é sua natureza.
Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin jiru. Inni dharaamessaa fi abbaa dharaa waan te’eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata.
Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera.
Jawween guddoon gad qolaanfante; isiin Diyaabiloosii yookiin Seexana biyya lafaa duudii wollaalchise jedhamu, dhudhuufaa bara durii ti. Isiin gad gara lafaa qolaanfante; ergantooti isi’iille isii woliin qolaanfante. Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage’e; isiilleen,
«Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi
baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti.
Himattooti obboleeyyan teennaa,
ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti
isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti.
Kunille waan nama baaseffachiisuu moti; Seexanninuu ergantoota ifaa fakkaatiisaaf ifi jijjiira.
Bulchaa biyya lafa tanaa ka te’e Seexanni qalbii worra hin dhugeeffannee jaamseera; inni Oduu Gammadaa ta ulfinna Kiristoosii isaanii issitu, ta bifa Waaqaatiin mudhatte akka isaan hin dhaggine godheera.
As obras do inimigo
O diabo rouba a Palavra semeada, cega o entendimento dos incrédulos e anda em derredor como leão rugidor buscando a quem devorar.
Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage’ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata.
fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti.
Gumeeffadha’a; dammaqa’a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama.
Jallaamessi sun hunna Seexanaatiin bilbaasota, beessisaa fi baasota dharaa duudii hujaa dhufa.
Ka biyya lafaa tana bulchu Seexanni waan dhufiisatti jiruuf, kanatti dabalee yoona guddoo isin woliin hin dubbadhu. Inni na irratti hunna hin qabu;
Vitória em Cristo
Cristo apareceu para destruir as obras do diabo. Quem está em Deus é protegido, e o maligno não o toca.
Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.
Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf hamaalessi isaan miidhu’uuf hin dande’u. Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna.
Ati ila isaanii bantee, dukkana irraa gara ifaa, hunna Seexanaa jalaa gara Waaqaa isaan hin deebitta; isaanille natti dhugeeffatiisaan, cubbuu ifiitiif araara dhaggatanee, kolbaa Waaqaaf woyyoonte oddu’utti dhaala fudhatan› jedhe.
Seexanni isaan dokonkorselle, addee bineensii fi raagichi dharaamessi jiranu, abbaayaa ibiddaa fi dhakaa bobe’uutitti qolaanfame. Isaaniille halkanii fi guyyaa, bara baraa haga bara baraa farran.
Maarre Waaqaaf ajajama’a; Seexana ammoo morma’a, innille isin baqata.
Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga’aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba’aa hin dhufu.