Pais e filhos
A relação entre pais e filhos é uma das mais preciosas na Bíblia. Deus estabeleceu a família como escola de fé, amor e formação de caráter.
Honrar pai e mãe
Honrar os pais é o primeiro mandamento com promessa. Os filhos são chamados a obedecer, respeitar e cuidar de seus pais.
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
Ijoolle’ee Fi Worra Isaanii
Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te’eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama’aatii, waan isaan jedhanu mara godha’a.
Kudhanii Jayeessoo
Abbaa keeti ka si uume dhage’i;
haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin.
Ka abbaa ifii saamu,
haadha ifiille ka manaa ari’u,
ilma fokko’oo fi salphinna fidu.
Nami abba’aa fi haadha ifii abaaru,
akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te’a.
Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba’aaf, akko’oo fi akaakoo ifiitille’eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji’iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti.
Instruir os filhos
Os pais devem instruir os filhos no caminho certo. A educação começa cedo, com disciplina amorosa e ensino constante da Palavra.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
Barsiisi isaanii,
mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti;
morma keetiifille,
akka meya seesaaf diramee ti.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina’a.
Ijoollee xixanee adabuun qarummaa kennitiif;
ijoolleen gad lakkifante ammoo haadha ifii qaanessiti.
Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;
ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.
Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi’ii ossadha’a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni?
Filhos como bênção
Os filhos são herança do Senhor. A coroa dos velhos são os filhos dos filhos, e a glória dos filhos são seus pais.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ilmaan dargaggumma’aan uumatanu,
akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.
Nami ilmaan akka daayaa mana guutate
gammaduu ti;
diinota ifii woliin
karra qacha’aa keessatti yennaa wol falme,
inni hin qaanowu.
Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
Abbaan nama balcha’aa gammada guddaa qaba;
ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada.
Fakkeenna Solomoonii
Fakkeenni Solomoonii
ka asii gad jiru:
ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;
ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa.
Isin keessaa abbaa ka te’e, ilmi isaa [daabboo yoo gaafate dhakaa ka kennuuf eennu?] Qurxummii yoo gaafate dhudhuufaa ka kennuuf eennu? Yookiin yoo inni quuphaa gaafate qaajjibbuu hin kennaafii? Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama’a.
Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le’aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha’a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Nami tokko tokkooyyuu yakkaa ifiitiif ijjeefamuu ti malee, worri yakkaa ijoollee ifiitiif hin ijjeefamin; ijoolleen yakkaa worra ifiitiif hin ijjeefamin.