Pais
Deus é nosso Pai celestial — amoroso, provedor, disciplinador e fiel. As Escrituras também honram os pais terrenos e os chamam a criar os filhos na instrução do Senhor.
O Pai celestial
Deus é Pai de misericórdias. Ele nos adotou como filhos, nos ama incondicionalmente e cuida de cada detalhe da nossa vida.
Ijoollee Waaqaa
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
Ijoollee Waaqaa
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba’a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda’aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne. Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya.
Te’uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te’anuuf midda kenne.
Waaqi Abbaan keenna, Goottaan keenna Yesuus Kiristoosille badhaadhaa fi nageya isiniif kennu!
Akkuma abbaan ijoollee ifiitiif gadhaa laafu,
maarre Mootiin Waan Maraalle
worra isa sodaatuuf gadhaa laafa.
Akkuma abbaan ijoollee ifiitiif gadhaa laafu,
maarre Mootiin Waan Maraalle
worra isa sodaatuuf gadhaa laafa.
Inni attam akka nuuti dadanne waan beekuuf,
biyyee akka teene hin qaabata.
Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;
ijoollee abbaa hin qanneef abba’a;
haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura’aa ti.
Te’uu malee, ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; nuuti faara; ati faara irraa nu hujje. Nuuti marti hujii harka keetii ti.
Ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; Abrahaam nu beekuu dhabulle yookiin Israa’el nu qaabbii dhaddulle, ati ammoo abbaa keenna. Maqaan keeti duruuyyuu wodoo teenna.
Annuun nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;
maqaan isaa, «Gorsaa maade’ee,
Waaqa hunnaamessa,
abbaa bara baraa,
qondaala nageyaa» hin jedhama.
Annuun nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;
maqaan isaa, «Gorsaa maade’ee,
Waaqa hunnaamessa,
abbaa bara baraa,
qondaala nageyaa» hin jedhama.
O cuidado paterno de Deus
O Pai celestial sabe do que precisamos antes de pedirmos. Ele dá boas dádivas aos filhos que pedem e cuida até dos passarinhos.
Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?
Sinbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee sinbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu. Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera. Maarre hin sodaatina’a; isin sinbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan» jedhe.
Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa’aan huju dhaggu, gatii teeti si’iif hin kenna.
Ati ammoo yennaa laantu, fuula keeti dhiqadhu, mataa keetille iffadhu! Tanaaf laamiisa keeti, Abbaa keeti ka addee dhokatte jiru qofatti beeka malee, worri dhibiin beekuu hin dande’u. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa’aan hujju dhaggu, gatii teeti si’iif hin kenna» jedhe.
Isin keessaa abbaa ka te’e, ilmi isaa [daabboo yoo gaafate dhakaa ka kennuuf eennu?] Qurxummii yoo gaafate dhudhuufaa ka kennuuf eennu? Yookiin yoo inni quuphaa gaafate qaajjibbuu hin kennaafii? Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
Durummaa Ol-gubba’aa
«Gumii diqqo’o, Abbaan keessan mootummaa ifii isinii kenniisaaf waan jaalateeruuf, hin sodaatina’a.
Arjummaa dansa’aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba’aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.
Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree?
Conhecer o Pai
Jesus é o caminho para o Pai. Ninguém conhece o Pai senão o Filho e aquele a quem o Filho quiser revelar.
Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga’aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba’aa hin dhufu.
Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto’oo heddu’utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu.
Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha.
«Nami na jaalatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaalatu hin jaalata; anille isa hin jaaladha, ifille isatti hin mudhisa» jedhe.
Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena.
Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba’aa jirutti isa mudhise.
Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande’u. Abbaan kiyya, ka isaan naaf kenne waan mara caala, eennulle dande’ee harka Abba’aatii isaan hin butu. Abba’aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
«Abba’a! Ati isaan naaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaalatteef, ulfinna ati naaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada.
Abbaan kiyya waan mara dabarse natti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru» jedhe.
Abbaan keessan ka ol-gubba’aa mijuu akka te’e, isinille mijuu te’a’a» jedhe.
Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‹Barsiisa’a› jedhantanee hin waamamina’a. Isin Abbaa tokkocha ol-gubba’atti waan qaddanuuf, biyya lafaa irratti eennulle’een ‹Abbaa› jettanee hin waamina’a.
Ani Abbaa kiyya yoo gaafadhe, Inni yoosuma ergantoota duula kudhanii lama caalu naa erguu hin dande’u sitti fakkaataa?
Abbaan keessan ka ol-gubba’aa ka namaaf mararu akka te’e, isinille namaaf marara’a.
Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te’u! Ameen.
Disciplina e amor paterno
O Pai disciplina os filhos que ama. A correção divina produz fruto de justiça e paz para aqueles que foram exercitados por ela.
Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi’ii ossadha’a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni? Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baana malee ijoolle’ee moti. Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru’uun leenuuf irra caalaa Abbaa keenna ka ayyaanaatiif ajajamu’uu mallee motii ree? Abbootiin teenna yennaa diqqo’oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu’aa teennaaf nu adaba.
Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin;
xixicha isaalle hin jibbin.
Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu,
Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.
Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin;
xixicha isaalle hin jibbin.
Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu,
Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.
Pais terrenos
A Bíblia honra os pais que criam os filhos nos caminhos de Deus. Honrar pai e mãe é mandamento com promessa de vida longa.
Ijoolle’ee Fi Worra Isaanii
Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
Barsiisi isaanii,
mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti;
morma keetiifille,
akka meya seesaaf diramee ti.
Abbaan nama balcha’aa gammada guddaa qaba;
ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada.
Gowwaan gorsa abbaa ifii tuffata;
nami xixicha dhage’u ammoo qarummaa mudhisa.
Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
Nami abba’aa fi haadha ifii abaaru,
akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te’a.
Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te’eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama’aatii, waan isaan jedhanu mara godha’a.
Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina’a.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ilmaan dargaggumma’aan uumatanu,
akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.
Nami ilmaan akka daayaa mana guutate
gammaduu ti;
diinota ifii woliin
karra qacha’aa keessatti yennaa wol falme,
inni hin qaanowu.
Akkuma ani si leellifadhu,
worri jiru’uun jiru si leellifatan;
addatamummaa teeti
abbootiin ijoollee ifiititti hin himan.
Nami tokko tokkooyyuu yakkaa ifiitiif ijjeefamuu ti malee, worri yakkaa ijoollee ifiitiif hin ijjeefamin; ijoolleen yakkaa worra ifiitiif hin ijjeefamin.
Dadi duudiin mudhachuu ijoollee Waaqaa dharraa gudda’aan eegiisatti jirti.
Abbooti’i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneertanuuf isiniif barreessa. Dargaggoota! Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti’i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
Biyya Lafaa Hin Jaalatina’a
Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaalatina’a; nama biyya lafaa jaalatu, jaalaltiin Waaqa Abba’aa isa keessa hin jirtu.