Palavras de conforto
Deus é o Deus de todo conforto. Ele consola os que choram, restaura os quebrantados e promete que a dor presente dará lugar à alegria eterna.
O Deus de toda consolação
Bendito seja o Deus e Pai de nosso Senhor Jesus Cristo, Pai das misericórdias e Deus de toda consolação, que nos consola em todas as tribulações.
Phawuloos Waaqa Galateeffate
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti’iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te’u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.
Phawuloos Waaqa Galateeffate
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti’iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te’u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa. Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna. Nuuti yennaa rakkannu isin jajjabeennaa fi fayyinna dhaggattan; yennaa jajjabaannulle rakkoo akka nuuti fudhannee, isinille ossaan fudhattanee hin jajjabaattan. Isin rakkoo teenna akkuma qoodantanu, akkasuma jajjabeenna nuuti fudhannu akka qoodantanu waan beennuuf, addiin nuuti isin irratti qannu ijjumaa hin tachootu.
Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna.
Inni nama rakkate hin tuffanne;
inni fuula ifiille isa irraa hin deebifanne;
ammoo yennaa inni gara isaa iyye isaaf dhage’e.
Mootiin Waan Maraa
worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;
inni worra addii kutateeru hin baasa.
Promessas de restauração
Deus sarará o quebrantado de coração e atará as suas feridas. Quem semeia em lágrimas, colherá com júbilo.
Inni worra gaddaan
gadhaan isaanii madaye hin fayyisa;
madaa isaaniille hin hidha.
Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;
tolli isaa ammoo bara jiru’uu mara.
Halkan bowaa yoo bulane,
ganama ammoo ililleessi hin te’a.
Waaqi Nu Woliin Jira
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane.
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.
Ba’aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;
inni si utuba;
inni worra balchoolee
ijjumaa akka raafamanu hin godhu.
Ati daaqiisa kiyya laakkotteerta;
imimmaan tiyya qodaa keetitti kuucheerta;
wonni kun dhugumaan
kitaaba keessatti barreeffamaneeranii motii?
Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,
addee itti baqatanu;
yennaa rakko’oo dalleya jaba’a.
Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,
waan itti golladhu;
ka na baasulle’e.
Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu;
inni wontee tiyya;
ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu;
inni waan ani itti golladhu.
Paz e descanso
Jesus disse: 'Vinde a mim, todos os cansados e sobrecarregados, e eu vos aliviarei.' A paz de Deus que excede todo entendimento guarda o coração.
«Isin worri ba’aa ulfaattuu ba’atee dadhabe marti, gara kiyya kowa’a, ani isin foorfachiisa.
«Isin worri ba’aa ulfaattuu ba’atee dadhabe marti, gara kiyya kowa’a, ani isin foorfachiisa. Waanjoo kiyya fuudha’aatii ba’adha’a, ana irralle’ee baradha’a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan.
Worri gadde gammaduu;
Waaqi isaan hin jajjabeessa!
«Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille’e.
Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi’ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu.
Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a.
Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha’aa fi qalbii teessan hin eega.
Esperança eterna
Deus enxugará toda lágrima. A dor presente é momentânea, mas a glória futura é eterna. O Senhor transforma luto em dança.
Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage’e; isiin barcumaa mootumma’aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba’aa jira; kolbaa wolille’een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te’an. Waaqinuu isaan woliin le’a; Waaqa isaaniille te’a. Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
Ka barcumaa mootumma’aa irra tee’eeru sunille, «Kunoo, ani waan mara haareya godha!» jedhe; itti dabaleelle, «Jechi kun addatama’aa fi dhugaa waan te’eef barreessi» naan jedhe.
Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.
Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani Waaqa keeti waan te’eef hin rifatin!
Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;
harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
Oduu Gammadaa Ta Fayyinnaa
Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira;
akka ani oduu gammadaa
worra cunqurfameef lallabu,
na muudeera.
Worra gadhaan isaanii madaye
akka ani fayyisuuf,
worra booji’ame akka ani bilisa baasuuf,
worra hidhame akka ani hiikuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi
guyyaa Waaqi keenna haluu bawu,
akka ani lassuuf,
worra bowu mara
akka ani jajjabeessuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru,
mata’atti addee daadhaa firfirfatanu
marata dansaa akka ani itti maru
addee bowanu,
zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu,
addee ayyaana gaddaa,
woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf,
na ergeera.
Isaan, «Qilxaa balchumma’aa,
ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.
Akkuma haati ijoollee ifii jajjabeessitu, anille isin hin jajjabeessa; isinille Yerusaalem keessatti hin jajjabaattan.
Nunca sozinhos
Deus nunca nos abandona. Ele está ao nosso lado em cada vale, segura nossa mão e promete que o choro não durará para sempre.
Mootiin Waan Maraa ifiifuu si’iin dura hin deema; si wolille’een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
Jaalala beese’ee irraa if qusadha’a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera.
Waaqi dansa’a;
yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu.
Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;
hunni isaa injifannoo sii kenniti;
inni guddoo sitti hin gammada;
jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;
inni faaru’uun si’itti hin gammada» hin jedhan.
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.
Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.
Maarre worri akka fedha Waaqaatitti rakkatu, ifi Abbaa dadaa addatama’atti magannee kennatee, waan dansaa ittuma hujuu ti.
Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba’a. Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata’a.
Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;
isiille dhaggatuu barbaada:
bara jiruu tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa akka le’u,
dansummaa isaa akka dhaggu,
Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti
akka isa barbaadadhu.
Inni guyyaa rakkinnaa
mana ifii keessatti na hin eega;
Dunkaanii Woyyittii ifii keessatti na hin dhossa;
rassaa irratti ol na hin baasa.
Waadaan keeti
jiruu waan naa kenneef,
rakkinna kiyya keessatti
jajjabeenni kiyya kana.
Worra gad qabame
addee ulfinnaa hin keya;
worra gadde addee nageyaatitti ol hin fuudha.
Yesuus deebisee, «Dhugumaan isinitti hima; eennulle mana yookiin obboleeyyan yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin fichaa anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee ka lakkise, lafuma tanatti manoota, obboleeyyan, obboleettota, haadhotii, ijoolle’ee fi fichoota harka dhibbaan caalaa miidhaa woliin hin fudhata; lafa dhuttulle’etti jiruu bara baraa hin qabaata.
Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna. Inni Ayyaana dhuga’aa ti. Biyyi lafaa waan isa hin dhaggineef yookiin isa hin beenneef, isa hin fudhattu. Isin ammoo waan inni isin keessaa fi isin woliin jiraatuuf, isa hin beettan.
«Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi’ee gara keessan hin dhufa.