A Palavra de Deus
A Palavra de Deus é viva, eficaz e eterna. Desde 'No princípio era o Verbo' até 'O céu e a terra passarão, mas as minhas palavras não hão de passar', ela é a revelação suprema do Criador.
No princípio era o Verbo
A Palavra é Deus encarnado. No princípio era o Verbo, o Verbo estava com Deus, e o Verbo era Deus. Todas as coisas foram feitas por Ele.
Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu.
Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu.
Jechi nama te’ee, badhaadhaa fi dhuga’aan guutamee, odduu teenna le’e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba’aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
Jechi nama te’ee, badhaadhaa fi dhuga’aan guutamee, odduu teenna le’e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba’aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
Achiin duuba Waaqi, «Ifi te’uu ti» jedhe. Ifille te’e.
Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe’e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba’atti midda Waaqa hunnaamessaa tee’eera.
Ol-gubba’aa fi biyyi lafaa jecha Waaqaatiin akka dadamane dhugeeffanna’aan hin hubanna; waan kanaaf wonni ilaan dhaggamu maraa waan ilaan hin dhaggine irraa akka hujame hin beenna.
Ol-gubbaan jecha Mootii Waan Maraatiin,
aduun, ji’aa fi urjooti ajaja isaatiin dadamane.
A Palavra é viva e eficaz
A Palavra de Deus é mais cortante que espada de dois gumes. Ela julga pensamentos e intenções do coração, transforma e liberta.
Jechi Waaqaa jiraata’aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.
Jechi Waaqaa jiraata’aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.
Jechi kiyya akka ibiddaatii motii ree? Akka burrisa rassaa butuchuutii motii ree?
Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha’a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka shallaaga’aa qabadha’a.
Toda Escritura é inspirada
Toda a Escritura é inspirada por Deus e útil para ensino, correção e instrução na justiça. Ela é perfeita e imutável.
Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa.
Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.
Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.
Luz para o caminho
A Palavra é lâmpada para os pés e luz para nosso caminho. Ela ilumina, orienta e protege o que nela medita dia e noite.
Jechi keeti miila kiyyaaf issa’a;
daandii tiyyaafille ifa.
Jechi keeti miila kiyyaaf issa’a;
daandii tiyyaafille ifa.
Hiiki jecha keetii ifa kenna;
worra wollaala’aaf hubantii kenna.
Ee Mootii Waan Maraa,
jechi keeti haga bara baraa,
ol-gubbaa keessatti jabaatee jiraata.
Dargaggooti attamiin karaa ifii
qulqullumma’aan eegatiisa dande’an?
Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.
Akka si hin yakkineef,
jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.
Jechi keeti martinuu dhuga’a.
Seerri keeti balchichi martinuu
ka haga bara baraa ti.
Obedecer a Palavra
Seja praticante da Palavra e não apenas ouvinte. Jesus disse que quem ouve e pratica é como o homem sábio que edificou sobre a rocha.
Worra jecha hujii irra oolchu te’aa malee, worra dhage’u qofa teetanee ifi hin sobina’a.
Worra jecha hujii irra oolchu te’aa malee, worra dhage’u qofa teetanee ifi hin sobina’a.
Worra jecha hujii irra oolchu te’aa malee, worra dhage’u qofa teetanee ifi hin sobina’a. Nami jecha dhage’ee hujii irra hin oolchine ammoo, akka nama fuula ifii daaw’iti’iin ilaaluu ti; inni ifi ilaalee deemeen duuba, yoosuma maan akka fakkaatu hin dedha.
Tanaaf battumma’aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa’a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma’aan fudhadha’a.
Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage’ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.
Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, ‹Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla’aan hin le’u› jedha» jedhee deebise.
Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, ‹Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla’aan hin le’u› jedha» jedhee deebise.
Inni ammoo deebisee, «Worri jecha Waaqaa dhage’ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!» jedhe.
Yesuus deebisee, «Barreeffam woyyichi, ‹Nami sagalee calla’aan hin le’u› jedha» jedhe.
Kolbaan martinuu baaseffatee, «Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli’ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman» wol woliin jette.
A Palavra que permanece
Céus e terra passarão, mas as palavras de Jesus jamais passarão. A Palavra do Senhor permanece para sempre — eterna e infalível.
Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe.
Ol-gubba’aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru.
Marri hin qoora;
daraaraalle hin harca’a;
jechi Waaqa keennaa ammoo,
haga bara baraa jabaatee le’a» jette.
Jechi Mootii Waan Maraa dhuga’a;
Mootiin Waan Maraa hujii ifii maraan addatama’a.
Jechi Mootii Waan Maraa dhuga’a;
Mootiin Waan Maraa hujii ifii maraan addatama’a.
«Jechi Waaqaa marti dhuga’a;
inni worra gara isaa baqate maraaf wonte’e.
Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,
beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.
Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,
beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.
O poder da Palavra
A Palavra transforma, sara e liberta. Quem permanece na Palavra de Jesus conhece a verdade, e a verdade o liberta.
Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, «Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya;
Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, «Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya; isin dhugaa hin beettan; dhugaalle bilisa isin hin baatti» jedhe.
Ani dhugumaan isinitti hima; nami jecha kiyya eegatu marti ijjumaa hin du’u» jedhe.
«Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage’u ka na ergelle’etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du’a irraa gara jiru’uu tareera; isatti hin murantu.
Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena.
Jecha ani isinitti dubbadheen isin ammumaayyuu qulqulloontaneertan.
Jechi keeti dhuga’a; dhuga’aan isaan woyyoonsi.
Maarre inni du’aa ka’een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreeffama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane.
Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane;
Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‹Ka natti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru’uu isa keessaa burqa› » jedhe.
Meditar na Palavra
A meditação na Palavra traz prosperidade e bom sucesso. Ela é fonte de sabedoria, consolo e orientação para toda a vida.
Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.
Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Waan Mara Dandeettu,
ani maqaa keetiin waan waamameef,
jechi keeti yennaa gara kiyya dhufe,
ani nyaadhee, gammadee burraaqe.
Yesuus Goottaa akka te’e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du’a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita. Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya.
Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha;
ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu;
nami foonii maan na godhuu dande’a?
Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu;
jechi Mootii Waan Maraa dhuga’a;
worra isatti baqatuuf, inni wonte’e.
Wontee teeti ta fayyinnaa naa kennitee,
harki keeti middichi na qarqaare;
qarqaarsi keeti guddaa na godhe.
Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhitte;
miilli kiyya hin mucucaanne.
Ka jiruu jaalatu,
waan dansaa dhaggiisaafille
bara hedduu ka halchu eennu?
Arraba keeti waan hantuu irraa,
hidhii teeti soba dubbatiisa irraa eegadhu.
Inni nami jecha afaan Mootii Waan Maraa keessaa bawuun malee, sagalee qofaan le’uu akka hin dandeenne si barsiisiisaaf, inni si beelessee gad si qabe; achiin duuba mannaa abbootiin teetii fi atille hin beenne si nyaachise.
Akkuma daa’immaan reef dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin dharra’a’a.
Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille’een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille’een tokkummaa yoo qabaattane, mararti’ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane, yaada tokko te’iisaan, jaalala tokko qabaatiisaan, ayyaanaa fi kaayo’oon tokko te’iisaan gammadi kiyya guutuu akka te’u tolcha’a. Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa’aatii ilaala’a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina’a! Nami martinuu bu’aa worra dhibi’iille ilaaluutii malee, bu’aa ifii callaa hin ilaalin! Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha’a:
Inni yennaa maraa adaba waaqumma’aa adoo qabuu,
ulfinna waaqumma’aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu
lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne.
Ammoo ulfinna ifii lakkisee
akka garbaa te’ee mudhate;
akka namaa te’ee dhalate;
nama fakkaatee mudhate.
Ifi gad qabee,
haga du’aatitti,
haga fannifamee du’ulle’etti, ka ajajamu te’e.
Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee,
maqaa maqaa mara caalulle kenneef.
Tanaaf worri ol-gubbaa jiru,
worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu,
ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan.
Arrabi martinuu,
ulfinna Waaqa Abba’aatiif,
Yesuus Kiristoos Goottaa akka te’e,
dhugaa baasee hin dubbata.
Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te’in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama’a! Soda’aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja’a; sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa.
Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha’a! Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama’aa fi hamaa kana keessatti akka urji’ii hin issitan. Jecha jiru’uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke’ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura’aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha.
Ciinca’aa fi kennaa isin dhugeeffanna’aan Waaqaaf kennitanu irratti, dhiigi kiyyalle akka dhibaayyu’uu adoo dhibaafamelle’ee ani hin gammada, isinille gammada kiyya na woliin hin qoodantan. Akkasuma isinille gammaddanee, gammada keessan na woliin qoodamuu qaddan.
Marroo teessan dhage’ee gadhaan kiyya akka gammaduuf, dafee Ximootewoos gara keessan ergiisaaf Goottaa Yesuusitti addii godhadha. Nama nageya keessaniif gadha’aan isiniif yaadatu ani isa malee hin qabu. Worri kuun maraa Yesuus Kiristoosiif adoo hin te’in, bu’aa ifii barbaadatan. Ximootewoos ammoo nama addatam isaa mirkanaaye akka te’e, na wolille’een akka abba’aa fi ilmaa teenee, hujii Oduu Gammadaa hujaa akka turre isinuu hin beettan. Dubbiin tiyya maan akka teetu akkuma beekeen isa gara keessan akka ergu hin addadha. Aninuu gara keessan dafee akka dhufu Gootta’atti addii qaba.
Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa’ela hujii tiyyaa te’e, ka waan naaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee natti mudhatteerti. Inni isin maraa dhaggiisaaf dharra’eera; akka inni dhukkuffateeru waan dhageettanelle’eef yaadeera. Inni dhugumaan akka malee dhukkuffatee du’a geyeeraayyu. Waaqi ammoo isaaf marareera; isa calla’aaf adoo hin te’in, akka ani gadda irratti gadda hin dabalanneef analle’eef marareera. Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera. Maarre maqaa Gootta’aatiin gammada guutu’uun isa fudhadha’a; nama akka isaa jiru mara ulfeessa’a. Qarqaarsa isin naaf kennuu hin dande’in guutiisaaf jedhee, adoo jiruu ifiitiifille hin qorin, hujii Kiristoosiitiif du’a geyeeraayyu.
Palavras de vida
As palavras de Deus são espírito e vida. Quem fala deve falar como oráculos de Deus, com verdade, sabedoria e edificação.
Dubbiin gar-maleen
akka shallaaga’aa nama woraanti;
arrabi nama qaro’oo ammoo nama fayyisa.
Mami gadhaa namaa keessa yoo jiraate
gad nama qaba;
jechi dansaan ammoo nama gammachiisa.
Afaan nama balcha’aa madda jiru’uu ti;
worri hunnaan nama irratti ka’u ammoo
dubbii dansa’aan
hunnaan nama irratti ka’iisa ifii gollatan.
Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti;
jechi jabaan aarii kakkaasa.
Nami bu’aa waan afaan isaa keessaa bayuun quufa;
dubbii arrabi isaa dubbattelle’een dharraa baya.
Arrabi hunna du’aa fi jiru’uu qaba;
worri isa jaalatu bu’aa isaa hin nyaata.
Wonni afaan namaatii bawu ammoo gadhaa irraa dhufa, wonni nama batteessulle kana. Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya.
Ani isinitti hima, guyyaa mura’aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan; Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti» jedhe.
Isin ilmaan buuti’ii! Isin hamoolee adoo teetanuu, attamiin waan dansaa dubbatiisa dandeettan? Waan gadhaa guute afaan dubbata.
Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toowatuu dande’u, nama miju’u.
Fardi akka nu’uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina. Me hoboloo guddittii ilaala’a! Hoboloon guddoon adoo guddo’ootuu, qilleensa jabaalle’een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa. Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te’eeruu, waan gugurdo’oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha’a! Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu’utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le’ii teennaa duudii hin guba; ifille’eef ibidda qile’eetiin gubata.
Nami bineensota adda addaa, sinbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande’a; leenjiseeralle’e. Nami arraba leenjisuu dande’u ammoo hin jiru; inni hadhaa du’aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne.
Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage’iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.
Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage’aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi,
«Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage’ante;
dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde» jedha.