Pular para o conteúdo
Publicidade

Pão

Por Bíblia Online

O pão é símbolo central na Bíblia: do maná no deserto ao pão da vida — Jesus. A Escritura usa o pão para ensinar sobre provisão divina, comunhão e dependência espiritual.

O maná do céu

Deus alimentou Israel no deserto com pão do céu. O maná era diário, fiel e suficiente — retrato da provisão constante de Deus.

Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Ani gungunsuu Israa’elootaa dhage’eera. Ati isaaniin galgala adhaa dimimmisa foon hin nyaattan; ganama daabboo hin quuttan; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te’e hin beettanjedhiin» jedhe.

Galgala san barbadi-kille dhuttee addee quttumaa guutte; ganama fixeensi adaala addee quttumaa san jiraayyu. Yennaa fixeensi bu’e, solloqqeen hephelleen dhakaa roobaa fakkaattu, diida lafa goomole’ee irratti mudhatte. Israa’elooti yennaa waan san dhaggite, maan akka te’e waan hin beenneef, «Wonni kun maan inni?» jedhanee wol gaafatane.

Muuseen isaaniin, «Wonni kun akka isin nyaattanuuf, daabboo Mootiin Waan Maraa isiniif kenne.

Kolbaa Israa’elii waan nyaatanu saniin «Mannaa» jette. Wonni sun adii akka midhaan dinbilaalaa, mi’aan isaalle akka daabboo dammaan hujantee ti.

Te’uu malee, inni duumensa gubba’aa ajajee,

balbala ol-gubbaaa bane;

akka isaan nyaatanuuf

mannaa gad isaaniif roobisiisee,

midhaan ol-gubbaaa isaaniif kenne.

Maarre isaan

sagalee ergantoota Waaqaa nyaatane;

Waaqi sagalee isaan quussitu isaaniif erge.

Marri hori’iif akka latu,

namaafille sagalee waan te’uuf,

lafa irraa midhaan akka latu goota.

Woyniin gadhaa namaa akka gammachiittu,

zayitiin fuula namaa akka cululussitu,

sagaleen akka nama jabeessitu goota.

O pão da vida

Jesus declarou: 'Eu sou o pão da vida.' Quem vem a Ele nunca terá fome, e quem nele crê jamais terá sede. Ele é o sustento eterno.

Yesuus, «Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse’ee moti; ka sagalee dhuga’aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya. Sagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu» jedheen.

Isaan, «Gootta’a, sagalee tana yennaa mara nu’uuf kenni» jedhaneen.

Yesuus isaaniin, «Sagaleen jiru’uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka natti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu.

Sagaleen jiru’uu ana. Abbootiin teessan lafa goomole’ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te’uu male duute. Sagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana. Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe.

Inni nami jecha afaan Mootii Waan Maraa keessaa bawuun malee, sagalee qofaan le’uu akka hin dandeenne si barsiisiisaaf, inni si beelessee gad si qabe; achiin duuba mannaa abbootiin teetii fi atille hin beenne si nyaachise.

Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla’aan hin le’ujedha» jedhee deebise.

Partilha e comunhão

O partir do pão une o corpo de Cristo. Na Ceia, na generosidade e na partilha, expressamos a comunhão com Deus e uns com os outros.

Xaltaa daabbo’oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha’a!» jedhaa isaanitti kenne.

Isin yennaa xaltaa daabbo’oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi’ee dhufutti du’a isaa lalladdan.

Muduunuu yennaa Irbaata Gootta’aa fudhannu itti fayyadannu, ta Waaqalle galateeffannuuf keessaa yennaa unnu eebba dhiiga Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboo caccaffannulle yennaa nyaannu eebba foon Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboon takkaan waan jirtuuf, nuuti hedduu teenulle, duudiin keenna daabboo takkaa irraa waan qoodannuuf nuuti nafa tokkocha.

«Tanaaf, yennaa daadimattanu,

«Abbaa keenna ka ol-gubbaa jirtu,

Maqaan keeti woyyoomu;

mootummaan teeti dhuttu;

fedhiin teeti akkuma ol-gubbaatti teete,

lafalle’etti teetu.

Sagalee guyyuma guyya’aan nuu barbaachittu adha nuu kenni.

Sagalee ifii hiyyeeyyii woliin waan qoodamuuf,

nami arjaan hin eebbifama.

Yesuus deebisee, «Isin waan nyaatanu isaaniif kenna’a!» jedhe. Isaan ammoo, «Dhandhee mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun daabboo binnee isaanii kenninaa ree?» jedhanee gaafatane.

Jennaan inni, «Daabboo meeqa qaddan? Dhaqa’aatii ilaala’a!» isaaniin jedhe. Isaan meeqa akka teete beekaneen duuba, «Daabboo xaltaa lama» jedhaneen. Yesuus akka isaan namoota maraa cinna cinnaan marra bisilee irra teessisanu barattoota ifiititti hime. Isaanille cinna dhibba dhibbaan, shantama shantamaan tee’ane.

Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara ol-gubbaaa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo’oo san caccassee, kolba’aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute. Nami maraayyuu nyaatee quufe. Barattooti isaa hambaa daabbo’ootii fi qurxummi’ii kollonjoo kudhanii lama mijuu fuudhane.

Provisão divina

O justo não é desamparado e seus descendentes não mendigam pão. Deus provê com fidelidade o alimento de cada dia.

Ani dur dargageessa; amma dulloomeera;

ani Mootiin Waan Maraa nama balchaa gateeruun,

yookiin ijoolleen isaa sagalee kadhattuun

ijjumaa dhaggee hin beeku.

Uukoo Fariisaayotaatii Fi Saduqootaa

Barattooti yennaa abbaaya’aan gamatti bu’ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran. Yesuus, «Ilaalladha’a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha’a» isaaniin jedhe. Isaan wol woliin, «Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha» jedhane. Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan? Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? Marroo daabbo’oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha’a!» isaaniin jedhe. Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo’oo irraa adoo hin te’in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachiise hubatane.

Waan Nami Qaroon Godhu

Guyyaa heddu’uun duuba deebitee waan dhaggattuuf, midhaan keeti bisaan irra ergi. Balaa hamaa lafa irratti dhufu ati waan hin beenneef, karra teeti addee torbatti yookiin saddeetitti qoodii maffadhu.

Seja o primeiro