As 10 parábolas mais importantes de Jesus
Jesus ensinou lições profundas por meio de parábolas, histórias curtas e simbólicas que comunicam verdades espirituais. Cada parábola tem um significado especial e atemporal, revelando o caráter de Deus e ensinando como viver como cristãos. Aqui estão 10 das parábolas mais marcantes e suas lições:
1. Parábola do Semeador (Mateus 13:3-9)
Inni mammaassaan waan hedduu isaanitti himiisaaf ka’ee, «Caqasa’a! Nami tokko sanyii facaasiisaaf baye. Inni adoo facaasuu, sanyiin gariin karaa keessa harcaate, sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. Sanyiin dhibiin lafa dhakittii, addee biyyee guddoo hin qanne irra buute; biyyee gad fago’oo waan hin qanneef ariifattee muute. Yennaa aduun itti baate ammoo qoorte; hidda gad fagaate waan hin qanneef godde. Sanyiin gariin qoree keessa buute, qoreelle guddattee isii huute. Sanyiin dhibiin biyyee dansaa irra buute, gariin midhaan dhibba, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan soddoma buutte. Nami gurra qabu dhage’uu ti!» jedhe.
A parábola do semeador fala sobre a receptividade das pessoas à Palavra de Deus. Cada tipo de solo representa diferentes maneiras de receber e aplicar o Evangelho em nossas vidas. Somente um coração fértil e comprometido pode dar frutos espirituais abundantes.
2. O Bom Samaritano (Lucas 10:25-37)
Mammaassa Namicha Samaariya’aa
Beekaan seera Muuse’ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka’ee, «Barsiisa’a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?» jedhe. Yesuus deebisee, «Seera Muuse’ee keessatti maanti barreeffameera? Attamitti dubbittee hiitta?» jedhe. Namichille, «Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, hunna teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin jaaladhu; akkuma ifi jaalattu ollaa keetille jaaladhu» jedhe.
Yesuus, «Sirri’itti deebiteerta; yoo tana goote jiruu bara baraa hin dhaggatta» jedhe.
Beekkichi Seera Muuse’ee ammoo akka waan nama balchaa te’ee ifi mudhisiisa barbaadee, «Ollaan kiyya kam inni?» jedhee gaafate.
Yesuus deebisee, «Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko’oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme. Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare. Nami gosa Lewwi’ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare. Nami Samaariya’aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef. Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti’ii fi daadhii woyni’ii naqee hidheef; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare. Guyyaa itti aanu dinaara lama fuudhee namicha mana keessumma’aa eegutti kennee, ‹Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi’u, kana caalaalle yoo baatteef, si’iif hin kenna› jedheen» jedhe. Achiin duuba Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu’e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?» jedheen. Beekaan Seera Muuse’ee, «Ka marareef» jedhee deebise.
Yesuus isaan, «Atille dhaqii, akkasuma tolchi» jedhe.
Essa parábola nos ensina sobre o amor ao próximo, independentemente de raça ou religião. O samaritano ajudou um desconhecido, mostrando que a verdadeira fé se revela no amor ao próximo.
3. A Ovelha Perdida (Lucas 15:4-7)
«Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu? Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee, gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‹Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada’a!› hin jedha. Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi’iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi’e ol gubba’atti gammadi guddaan hin te’a» jedhe.
Deus é como o pastor que busca incessantemente uma ovelha perdida. Essa parábola revela o amor incansável de Deus pelos pecadores, celebrando a alegria no céu quando alguém se arrepende.
4. O Filho Pródigo (Lucas 15:11-32)
Mammaassa Ilma Badee
Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. Maandhich abba’aan ‹Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu naaf kenni!› jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. Guyyoota diqqa’aan duuba ilmi maandhich karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago’oo deeme; achitti le’ii badduu le’iisaan karra ifii mara bittinneesse. Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate. Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge. Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine.
«Duuba inni gara yaada ifii deebi’ee, ‹Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du’aara. Ka’ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan: Ani Waaqaa fi si yakkeera; haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu jedhaan› jedhe.
«Maarre inni ka’ee gara abbaa ifii deebi’e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.
«Ilmi isaa ammoo, ‹Abbaa kiyya, ani Waaqaa fi si yakkeera. Haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle› jedheen.
«Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha’aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida’aatii itti uffisa’a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya’a! Achiin duuba dardara coomaa fida’aatii qala’a, nyaataa jilifanna. Ilmi kiyya kun du’eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera› jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.
«Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi’ee manatti dhikaate weeddu’uu fi sirba dhage’e. Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, ‹Maanti maan te’e?› jedhee gaafate. Tajaajilaan deebisee, ‹Obboleessa keetittuu deebi’ee gale; waan inni nageyaa fi fayya’aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiise› jedheen. Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate. Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‹Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si’iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re’e’eelle ijjumaa naaf kennitee hin beettu! Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi’ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!› jedhe. Abbaan deebisee, ‹Ilma kiyya, ati yennaa mara na woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti. Obboleessi keeti kun ammoo du’eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qanna› jedheen» jedhe.
A parábola do filho pródigo fala sobre o perdão e o amor incondicional de Deus por Seus filhos, mesmo quando se desviam.
5. A Pérola de Grande Valor (Mateus 13:45-46)
«Ammalle, mootummaan ol-gubba’aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti; daldaltichi dooqa gatii gudda’aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate.
Jesus ensina que o Reino de Deus é o bem mais precioso e devemos estar dispostos a renunciar tudo para possuí-lo.
6. O Fariseu e o Publicano (Lucas 18:9-14)
Mammaassa Fariisaayichaatii Fi Namicha Qaraxa Guuruu
Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee: «Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Fariisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru. Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‹Waaqa, ani akka worra dhibi’ii: saantuu, jallaamessa, gaarayyeeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te’uu dhabeef si galateeffadha. Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle’ee kudhan keessaa tokko si’iif kenna› jedhee daadimate. Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba’aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‹Waaqa, na cubbicha marari!› jedhe. Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata» jedhe.
Essa parábola nos lembra que Deus valoriza um coração humilde e arrependido, em contraste com a arrogância espiritual. O publicano, ao reconhecer seus pecados, foi justificado diante de Deus.
7. Os Talentos (Mateus 25:14-30)
Mammaassa Worra Beeseen Worqi’ii Itti Kennantee
Yesuus itti dabalee, «Mootummaan ol-gubba’aa akka nama biyya fago’oo dhaqiisaaf ka’ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti; Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi’ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille’eef kuma tokko kennee gara biyya fago’oo deeme. Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi’ii kuma shan keessaa buufate. Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi’ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa baafate. Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta’aa san awwaale.
«Yennaa dheertu’uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate. Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, ‹Gootta’a, ati beesee saantimii worqi’ii kuma shan natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseera› jedhe. Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen. Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma lama fudhatelle dhufee, ‹Gootta’a› jedhee, ‹Ati beesee saantimii worqi’ii kuma lama natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseera› jedheen. Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen. Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi’ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‹Gootta’a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka; tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo ti› jedheen.
«Goottaan isaa ammoo, ‹Ati tajaajilaa hama’aa fi booseya! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii? Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira naaf kewu’uu malte; ani yennaa deebi’e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu. Maarre beesee san isa irraa fuudha’aatii, namicha beesee saantimii worqi’ii kuma kudhan qabuuf kenna’a. Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille’e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu irraa hin fudhatanti. Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata’a, achitti bowaa ilkaan qara› jedhe» isaaniin jedhe.
Nesta história, Jesus ensina sobre a responsabilidade de usar bem os dons e recursos que Deus nos confiou. A fidelidade nas pequenas coisas abre portas para bênçãos maiores.
8. O Rico e Lázaro (Lucas 16:19-31)
Namicha Dureessaa Fi Alaazar
«Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo’oo uffataa, guyyaa mara qananumma’aan le’u tokko jira. Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureessichaa dura irkateeraayyu. Inni waan qorii namicha dureessichaa irraa harca’e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti. Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureessichille du’ee awwaalame. Inni qilee keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago’otti Abrahaam dhagge; Alaazarille cinaa isaatitti dhagge. Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe’a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne’ee naa ergi› jedhee waammate.
«Abrahaam deebisee, ‹Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabadhu; Alaazar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta. Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira› jedheen. Namichi dureessichi ammoo, ‹Abrahaam, yoona akka Alaazar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha. Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eeggachiisuu ti› jedhe.
«Abrahaam deebisee, ‹Isaan Muuse’ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage’anuu ti› jedhe. Achiin duuba namichi dureessichi, ‹Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du’aa ka’ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi’an› jedhe. Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse’ee fi raagota dhage’uu yoo dhabane, yoo nami tokko du’aa ka’elle hin dhugeeffatanu› jedheen» jedhe.
A parábola alerta sobre as consequências de negligenciar os necessitados e viver para si mesmo. Também destaca a realidade do julgamento e da vida após a morte.
9. O Joio e o Trigo (Mateus 13:24-30)
Mammaassa Jigida’aa
Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan ol-gubba’aa nama fichaa ifii keessatti sanyii dansaa facaase tokkoon wol fakkaatti. Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi’iititti jigidaa facaasee deeme. Yennaa qamadiin lattee midhaan buutte, jigidaalle mudhate. Tajaajiltooti abbaa ficha’aalle dhufanee, ‹Gootta’a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?› jedhaneen. Inni deebisee, ‹Kana ka godhe diina› jedhe. Tajaajiltooti deebisanee, ‹Nuuti dhandhee akka bubuqqinnu barbaaddaa ree?› jedhaneen. Inni ammoo deebisee, ‹Waawwo’o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan. Haga yennaa haamma’aatitti jigida’aa fi qamadiille wolumaan guddatanuu ti; yennaa haamma’aa, ani worra haamuun, akka gubamuuf dursa’aatii jigidaa buqqisa’aa laddee ladde’een hidha’a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha’a› jedhaan» jedhe.
Essa história simboliza o bem e o mal coexistindo no mundo até o julgamento final, quando Deus fará a separação entre os justos e os ímpios.
10. As Dez Virgens (Mateus 25:1-13)
Mammaassa Durroota Kudhanii
Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubba’aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. Durroota san keessaa shanan gowwoole’e, shanan qaroole’e. Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa’atti naqatanu hin qabanne. Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote’etti qabatane. Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.
«Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo’oon, ‹Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya’a!› waamichi jedhu dhage’ame. Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimmidhaaffatte. Durri gowwooleen sun worra qaroole’een, ‹Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna’a› jedhaneen. Durri qarooleen deebisanee, ‹Waawwo’o! Nu’uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa’aatii bitadha’a› jedhaneen. Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophootteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.
«Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‹Gootta’a, Gootta’a! Nuu bani!› jedhaneen. Inni ammoo deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku› jedheen. Tanaaf, guyyaa san yookiin saatii waan hin beenneef dammaqa’aa eegadha’a!» jedhe.
Jesus enfatiza a necessidade de estarmos sempre preparados espiritualmente para Sua segunda vinda, pois ninguém sabe o momento exato.
As parábolas de Jesus continuam sendo fontes ricas de sabedoria e direção para a vida cristã. Ao aplicarmos esses ensinamentos, nos aproximamos mais de Deus e de Sua vontade.
Se este artigo te ajudou, faça sua parte e compartilhe a Palavra de Deus com aqueles que você ama.