Perdão e misericórdia
O perdão é o coração do evangelho. Deus nos perdoou em Cristo e nos chama a perdoar uns aos outros, assim como fomos perdoados — sem limites e sem condições.
O perdão de Deus
Deus é rico em misericórdia. Ele apaga nossas transgressões e não se lembra mais dos nossos pecados. Quem confessa, alcança perdão.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
Ka ifumaaf jedhee,
yakkaa teeti si irraa balleessu anuma;
ani cubbuu teeti
deebi’ee si irratti hin laakkowu.
Ka ifumaaf jedhee,
yakkaa teeti si irraa balleessu anuma;
ani cubbuu teeti
deebi’ee si irratti hin laakkowu.
Akkuma garri aduun baatu
gara aduun seentu irraa fagaatu,
inni cubbuu teenna nu irraa fageessa.
Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa’a;
namaafille hin araaranta;
worra si waammatuuf,
jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.
Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa’a;
namaafille hin araaranta;
worra si waammatuuf,
jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.
Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa’a;
namaafille hin araaranta;
worra si waammatuuf,
jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.
Yakkaa isaaniille isaaniif hin araarama,
cubbuu isaaniille haganaa achi hin qaabadhu› jedheera» jedhe.
Perdoar como fomos perdoados
Jesus ensinou que devemos perdoar setenta vezes sete. Se não perdoarmos aos outros, o Pai celestial também não nos perdoará.
Woliif Araaramuu
Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, «Gootta’a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?» jedheen. Yesuus deebisee, «Ani haga yennaa torbaatamii torbaa ti malee, haga yennaa torbaati si’iin hin jedhu.
Woliif Araaramuu
Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, «Gootta’a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?» jedheen. Yesuus deebisee, «Ani haga yennaa torbaatamii torbaa ti malee, haga yennaa torbaati si’iin hin jedhu.
Woliif Araaramuu
Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, «Gootta’a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?» jedheen. Yesuus deebisee, «Ani haga yennaa torbaatamii torbaa ti malee, haga yennaa torbaati si’iin hin jedhu.
«Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha» jedhe.
«Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama. Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa teessan isiniif hin araaramu» jedhe.
«Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama. Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa teessan isiniif hin araaramu» jedhe.
«Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama.
Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu,
yakkaa teenna nuu araarami.
Worri namaaf mararfatu gammaduu;
Waaqi isaaniif hin mararfata!
A prática do perdão
Perdoar é um ato de obediência e liberdade. A Escritura nos exorta a suportar uns aos outros e perdoar de coração, se alguém tiver algo contra outro.
Wol dande’a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama’a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama’a.
Wol dande’a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama’a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama’a.
Wol dande’a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama’a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama’a.
Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.
Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.
Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.
Akkuma durummaa badhaadha Waaqaatitti, dhiiga Kiristoosiitiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhaggane.
Akkuma durummaa badhaadha Waaqaatitti, dhiiga Kiristoosiitiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhaggane.
Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera. Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra.
Misericórdia e graça
Deus é compassivo e tardio em irar-se. A misericórdia triunfa sobre o juízo, e quem se humilha diante de Deus encontra graça abundante.
Gadda keessan mudhisiisaaf,
woyaa teessan tarsaasiis hin gewu;
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arjaa, mararaa,
mufi’iif ka hin ariifanne, ka jaalala bara baraa guddaa qabu,
adabiisaafille ka hin ariifanne, waan te’eef,
gara isaa deebi’a’a!
Kolbaa ifii worra lubbu’uun hafeef, ka cubbuu isaanii lakkisee, yakkaa isaanii araaramuuf, Waaqi akka keetii eennu? Ati marartii mudhisiisatti gammadda malee aari’iin haga bara baraa hin turtu.
Ammalle ati
Waaqa marartii guddoo qabu waan teeteef,
isaan hin ganne yookiin
hin balleessine.
Ati Waaqa marara’a;
arjaalle’e.
Ee, Mootii Waan Maraa,
ati worra addatama’aaf, ka addatante;
worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne.
kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage’a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa.
Hisqiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilifate
Hisqiyaas kolbaa Israa’eliitii fi Yihuda’aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase’eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii akka jilifatanuuf waame. Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji’a lammeesso’oo keessa jilifatiisaaf wolii galane. Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te’iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna’atti jilifatiisaaf hin dandeenne. Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane. Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa’elii mara keessaa, Bersheeba’aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii akka jilifatanu murteeffatane. Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa’eliitii fi Yihuda’aa mara keessa deemane.
Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa’elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa’elii deebi’a’a; innille gara keessan gara worra lubbu’uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi’a. Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te’ina’a; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe. Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama’a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina’a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa’a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila’a! Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja’aa fi mararaa waan te’eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji’e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi’anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha.
Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase’ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi’ii fi murgo’oon itti kollane. Te’uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase’eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane. Biyya Yihuda’aa keessalle’etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare.
Jilti Irra Dabaramaa Jilifante
Ji’a lammeesso’ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante. Isaan addee ciinca’aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane. Isaan ji’a lammeesso’oo guyyaa kudhanii arfeesso’ootitti buruusota hoole’ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane. Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe. Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti qulqulluu waan hin te’iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole’ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane. Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase’ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram! Akka aadaa dhugeeffanna’aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe. Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage’e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne. Lewwootii fi hayyooti meya faaru’uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya’aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda’aan faarfataa, kolbaan Israa’elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane. Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma’aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte. Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane. Mootiin Yihuda’aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole’ee fi re’ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole’ee fi re’e’ee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti ifi woyyoonsane. Gumiin Yihuda’aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa’el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa’el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane. Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa’elii duudii irratti mootii te’ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te’e. Hayyootii fi Lewwooti ka’anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubba’aa irraa daadimata isaanii dhage’e.
Arrependimento e perdão
O arrependimento genuíno abre as portas do perdão. Deus convida todos ao arrependimento e promete perdoar completamente quem volta a Ele.
Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama’a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan.
Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi’aatii, gara Waaqaa dacha’a’a.
Tanaaf obboleeyyan tiyya, araarri cubbu’uu karaa Yesuusiitiin akka isinii lallabame beeka’a. Nami isatti dhugeeffatu duudiin, cubbuu seerri karaa Muuse’eetiin kenname bilisa baasiisaaf hin dandeenne duudii jalaa bilisa baya.
Bara durii waan kolbaan wollaalchaan goote, Waaqi itti hin laakkonne; amma ammoo kolbaan addee mara jirtu duudiin, akka cubbuu irraa deebitu ajaja.
Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;
yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.
Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;
atille cubbuu tiyya naaf araarante.
Nami cubbuu ifii dhoffatu,
hin milkowu;
nami cubbuu ifii faaci’atuu fi ka isii lakkisu ammoo
marartii hin dhaggata.
Nami hamaan karaa ifii,
nami yakkaamessi yaada ifii lakkisee,
gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa deebi’uu ti;
inni isaaf hin marara;
araarri isaalle baca’a.
Nami hamaan karaa ifii,
nami yakkaamessi yaada ifii lakkisee,
gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa deebi’uu ti;
inni isaaf hin marara;
araarri isaalle baca’a.
Perdão nos relacionamentos
Se teu irmão pecar contra ti, repreende-o; se se arrepender, perdoa-lhe. Não guarde ressentimento — liberte-se pelo perdão.
Maarre isin ifi eeggadha’a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi; yoo inni yakkaa ifii irraa deebi’e isaaf araaram. Guyya’atti yennaa torba si yakkee, guyya’atti yennaa torba deebi’ee gara keeti dhufee, ‹Ani yakkaa irraa deebi’eera› yoo si’iin jedhe isaaf araaram» jedhe.
Namatti Muriisa
«Namatti hin murina’a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina’a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama’a, Waaqille isiniif hin araarama.
Namatti Muriisa
«Namatti hin murina’a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina’a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama’a, Waaqille isiniif hin araarama.
Namatti Muriisa
«Namatti hin murina’a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina’a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama’a, Waaqille isiniif hin araarama.
Yesuus ammoo, «Abba’a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane.
«Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama’a. [
«Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama’a. [
«Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama’a. [ Ammoo yoo isin namaa araaramuu diddane, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan isinii hin araaramu]» jedhe.
Ani Mootii Waan Maraa ti; ati akka ifi jaalattu nama jaaladhu malee, haluu hin bayin, quuqaalle itti hin qabatin.
Mararti’ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin;
morma keetitti hidhadhu;
gadhaa keeti keessatti qabadhu.
Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti
fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.
Nami yakkaa namaaf araaramu,
jaala qabaata.
Nami dubbii dabartetti deddeebi’u ammoo
jaalota gargar baasa.
Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha’a.
Nama Yakkeef Araaramuu
Nami nama gaddisiise yoo jiraate inni ka gaddisiise anaa moti; yakkaa itti o’isiisa hin te’in malee, gara tokkoon inni isin duudii gaddisiise. Nama akkasii kana, adabbiin isin hedduun adaddane hin geetti. Namichi kun guddoo gaddiisa irraa ka ka’e addii akka hin kutanne, isaaf araarantanee jajjabeessuu qaddan. Maarre isa jaalatuu keessan akka mirkaneessitanu isin kadhadha.
Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi’iif malee, cubbuu teenna calla’aaf moti.
Isiin deebittee, «Gootta’a, nami tokkolle hin jiru» jette. Yesuus, «Anille si’itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin» jedhe.]
Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde’a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta’aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti. Daadimannaan dhugeeffanna’aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf.
Addatamummaa Dhaba Israa’elii
Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko niitii ifii yoo lakkise, isiille isa lakkittee nama dhibii yoo heerumte, deebi’ee isii galfatiisa dande’aa ree? Latti ijjumaa hin battoottuu ree? Ati worra si jaalatu woliin sagaagalteerta; amma ammoo gara kiyya deebi’uu barbaaddaa ree? Qaccee koobota goddu’uu ol ilaali! Addeen ati irratti hin sagaagalle jirtii? Akkuma worri Arabaa lafa goomole’ee keessatti nama saamiisaaf eegatu, akkasuma atille karaa keessa teettee worra si jaalatu eegatte. Sagaagalumma’aa fi hammeenna keetiin lafa batteessite. Tanaaf tiifuun dhabantee, bokkeenni hageyyaalle bade. Ati ammalle amala sagaagalumma’aa waan qadduuf, qaanii dhaddeerta.
«Ammalle ati na waamaa, ‹Abbaa kiyya, bara ijoollummaa tiyyaatiin jalqaddee jaala ka naa teete, ati yennaa mara aartaa? Aariin teeti haga bara baraatii?› jedhaa, ammoo hammeenna hujuu dandeettu mara hujja» jedhe.
Israa’elii Fi Yihudaan Cubbuu Irraa Akka Deebi’anu Waamamane
Bara Yosiyaas mootii te’eeru Mootiin Waan Maraa anaan, «Israa’eliin addatamummaa hin qanne waan hujje dhaggitee? Isiin kooba dheertuu gubba’aa fi muka banqaaqaa mara jalatti sagaagalteerti. Tana mara gooteen duuba gara kiyya hin deebiti seyeeyyu; isiin ammoo hin deebine; obboleettiin isi’ii Yihudaan ta hin addatannelle tana dhaggiteerti. Ani Israa’elii dhugeeffannaa hin qanneef, sababa gaarayyeeffata isi’ii maraaf woraqata lakkeessaa kenneefii ari’e; te’uu malee obboleettiin isi’ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne, tana dhaggitee akka hin sodaanne ani dhagge; isiille baatee sagaagalte. Isiin sagaagalummaa ifiitiin lafa batteessitee, dhaka’aa fi muka waaqonfatte. Tun marti teetee, obboleettiin isi’ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne soddee gara kiyya waan deebite fakkaatte malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin deebine» jedhe.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Yihudaa addatamummaa hin qanne caalaa Israa’elii dhugeeffannaa hin qannetti balcha’a. Dhaqiitii ergaa tana worra gara kaabaatitti lallabiitii, ‹Ee Israa’elii addatamummaa hin qanne gara kiyya deebi’i; ani mararaa waan te’eef haganaa achi ila aari’iitiin si hin ilaalu; haga bara baraa sitti hin aaru. Ati ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti finqiltee, naaf ajajamiisa dhabiisaan muka banqaaqaa mara jalatti, ulfinna keeti waaqota ormaatiif waan kenniteef, yakkuma teeti callaa beeki› jedhi.
«Ee kolbaa addatamummaa hin qanne, ani abbaa manaa keessan waan te’eef, gara kiyya deebia’a’a! Ani isin keessaa qachaa tokko tokko keessaa nama tokko tokko, fira tokko tokko keessaa nama lama lama filee, gara Xiyoonii hin fida. Ani tissitoota worra akka gadhaa kiyyaa isiniif hin kenna; isaanille beekkumsaa fi hubanti’iin isin hin sooressan. Bara san yennaa laakkossi keessan lafa irratti bacatu, namooti, ‹Saanduqa Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa› jedhanee hin waamanu yookiin hin qalbeeffatanu yookiin hin qaabatanu; Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ka dhibiille hin hujanu. Yennaa san isaan Yerusaalemiin, ‹Barcumaa mootummaa Mootii Waan Maraa› hin jedhan; gosi biyya adda addaa marti ulfinna naa kenniisaaf Yerusaalem keessatti wolitti hin qabanti. Achiin duuba isaan mataa jabinnaan fedhii hantuu gadhaa ifii hin hordofanu. Bara san sanyiin Yihuda’aatii fi sanyiin Israa’elii lafa kaabaa ta itti booji’amane irraa wolitti deebi’anee, gara lafa ani abbootii isaaniitiif kennee hin dhufan.
Kolbaan Waaqaa Waaqa Dharaa Waaqonfatte
«Ani Mootiin Waan Maraa lafa gammachiittu, lafa kolbaa biyya dhibi’ii mara caalaa dansa’aa, si’iif kenniisaaf,
akka ilmaan tiyyaatitti attam attam sitti gammada.
Ati, ‹Abbaa kiyya› jettee na hin waanta;
‹Na hordofiisa irralle’ee hin deebitu› jedhee yaadadheeraayyu.
Ee sanyii Israa’elii, isin ammoo
akka niitii dhirsa ifiitiif hin addatannee,
isinille naaf hin addatanne» jedhe.
Kolbaan Israa’elii,
Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deetee,
karaa cubbu’uu waan hordotteef,
iyyi bowiisaatii fi daadimata isaanii
qaccee koobota goddu’uu irraa hin dhage’anti.
Isin kolbaan addatamummaa hin qanne,
addatamumma’aan gara isaa deebi’a’a!
Inni adde’etti isin deebisee,
worra addatamaa isin hin godha.
Isinille, «Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan te’eef, gara isaa hin deebina. Koobotaa fi gaarota irratti waaqota dharaa waaqonfatiis gowwumma’a; dhugumaan Israa’el Mootii Waan Maraa Waaqa keennaan fayyiti. Bara ijoollummaa teennaatii jalqabanee waaqoti salphiyyeen sun eloo abbootii teennaa, hoolee isaanii, horii isaanii, ilmaan isaaniitii fi durra isaanii mara nyaatane. Nuutii fi abbootiin teenna ijoollummaa teennaa jalqannee, haga adhaatitti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuu hunyee, isaafille waan hin ajajaminiif, qaani’iin gad jinnee, salphinna akka woya’aa uffannuu ti» jettaneertan.
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.