O poder da oração
A oração é o canal mais poderoso de comunicação com Deus. Através dela, milagres acontecem, montanhas são movidas e o impossível se torna possível.
Pedidos com fé
Jesus ensinou: pedi e recebereis. Tudo o que pedirmos em seu nome, crendo, Ele fará. A fé transforma a oração em poder.
Yesuus itti dabalee, «Gaafadha’a, isiniif hin kennanti; barbaada’a, hin dhaggattanille’e; balbala dhodhowa’a isiniif hin bananti.
Dhugeeffanna’aan daadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan» isaaniin jedhe.
Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha’a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama.
Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha. Waan mara maqaa kiyyaan yoo na gaafattane, ani hin godha» jedhe.
Oração e milagres
A oração dos justos tem grande poder. Pedro orou e Dorcas ressuscitou. Jesus disse que certos demônios só se expulsam com jejum e oração.
Pheexroos isaan duudii kollo’oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, «Xaabiitaa, ka’i!» jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette.
Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu» isaaniin jedhe.
Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde’a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta’aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti. Daadimannaan dhugeeffanna’aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf. Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha’a, woliifille daadimadha’a! Daadimannaan nama balcha’aa hunnaametti’ii fi bu’aa qabeetti’i.
Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti
gara Mootii Waan Maraa iyyane;
innille rakkinna isaanii keessaa isaan baase.
Inni hobonbolattii sarmisiisee,
danbaliille cadhi godhe.
Isaan danbaliin waan cadhitteef gammadanee,
innille gara buufata hoboloo gudditti’ii
ta isaan bira geyiisaaf fedhanee isaan geesse.
Orar em todo tempo
A Bíblia nos exorta a orar sem cessar, com ações de graças e súplicas, revestidos da armadura espiritual. A oração traz paz sobrenatural.
Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a. Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha’aa fi qalbii teessan hin eega.
Yennaa daadimattanuu fi gaafattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha’a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa’aatii jabaadha’aa daadimadha’a.