Poder de decisão
Deus nos deu o poder de escolher. A Bíblia mostra que nossas decisões têm consequências eternas e nos chama a escolher sabiamente — a vida, a fé e o caminho de Deus.
A responsabilidade de escolher
Escolhei hoje a quem servireis. Cada decisão molda nosso destino, e Deus nos convida a escolher o caminho da vida e da obediência.
Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le’aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha’a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
Iyaasuun isaaniin, «Isin Mootii Waan Maraa waaqonfatiisa waan filattaneef isinuu ifiif dhugaa baatota» jedhe.
Isaan, «Eeti’i! Nuuti dhugaa baatota» jedhane.
«Tanaaf, ‹Ee kolbaa Israa’elii! Ani akka hujii teessaniititti tokko tokkoo keessanitti hin mura; cubbuu teessan irraa deebi’a’aatii, cubbuun teessan akka isin hin balleessine, cubbuu teessan mara lakkisa’a. Cubbuu hujjane mara lakkisa’aatii, qalbii haareyaa fi Ayyaana haareya qabaadha’a; ee kolbaa Israa’elii! Isin maaf duutan ree? Ani du’a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi’a’aatii jiru’uun jiraadha’a› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
Ani hujii teeti hin beeka; ati o’aa yookiin qabbanowa’aa moti. O’aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaaladhaayyu. Ati ammoo bulluqowa’a malee, o’aa yookiin qabbanowaa waan hin te’iniif, afaan kiyya keessaa si tufaara.
Decisões e consequências
Deus retribuirá a cada um segundo as suas obras. As Escrituras nos alertam que a mornidão espiritual e a resistência ao Espírito têm consequências sérias.
Waaqi nama tokko tokkoofuu akkuma hujii isaatitti hin kenna. Inni worra ossee waan dansaa hujaa ulfinna, guddinnaa fi jiruu hin banne Waaqa biraa dhaggatiisaaf barbaaduuf, jiruu bara baraa hin kenna. Worri dhibiin mataa ifii jaalatee waan dokonkora te’e hordofiisaaf dhugaa didane; Waaqi mufi’ii fi muraa ifii isaanitti hin fida.
«Isin worra mataa jabaatu! Gadhaan keessan akka gadhaa worra Waaqa hin dhugeeffannee, gurri keessan akka gurra worra Waaqa hin dhageennee ti. Isin akkuma abbootii teessanii yennaa mara Ayyaana Woyyicha mormitan.
Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina’a! Fedhii Waaqaa muummessitanee, waan Waaqi isiniif waadaa gale fudhatiisaaf ossataan eeggatiisa barbaachisa. Sababille Barreeffam Woyyichi,
«Yennaa diqqo’oon duuba,
ka dhufu’uu male hin dhufa,
hin turu;
Nami balchaan kiyya ammoo,
dhugeeffanna’aan jiruu dhaggata.
Yoo duubatti sissiqe ammoo ani itti hin gammaddu» hin jedha.
Nuuti worra dhugeeffatee fayyu malee, worra gara duubaatitti sissiqee baduu moti.
Decisão e fé
Decida com fé, entregue seus planos ao Senhor e aja com determinação. Deus guia os passos de quem se achega a Ele de coração.
Murtee godhatiisaaf kolbaan hixaa buufatti;
waan mara ka murteessu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
Gadhaa namaa keessa Yaada heddu’utti jira;
ka te’u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa.
Waan gootu mara
Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu;
wonni ati yaaddu marti si’iif hin milkootti.
Goottaan Mootiin Waan Maraa
waan na qarqaaruuf ani hin qaanowu.
Tanaaf, ani fuula kiyya akka dhakaa qara qabuu hin godha;
ani akka hin qaanonnelle hin beeka.
Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka.
Isaan kolbaa tiyya hin te’an; anille Waaqa isaaniif hin te’a. Isaan yennaa mara akka na sodaatanu, isaaniif, sanyii isaaniitiifille wonni dansaan akka teetu, ani gadhaa tokkochaa fi yaada tokkocha isaaniif hin kenna.
Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama’a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan.
Maarre Waaqaaf ajajama’a; Seexana ammoo morma’a, innille isin baqata. Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.