Promessas
As promessas de Deus são firmes e verdadeiras. Nenhuma delas jamais falhou. A Bíblia é um livro de promessas — de amor, proteção, provisão e vida eterna para os que creem.
A fidelidade de Deus
De todas as boas promessas que o Senhor fez, nenhuma falhou. Ele é fiel para cumprir tudo o que prometeu desde a eternidade.
«Amma yennaan ani du’u geetteerti; isin keessaa tokko tokkonuu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa gale mara tokkolle adoo hin hafin akka isiniif kenne, gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti’iin hin beeka.
Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa akka te’e beeki; inni Waaqa addatama’a; worra isa jaalatuu fi ajaja isaa eegatanuuf haga dhaloota kumaatitti gondooro’oo fi jaalala ifii ka bara baraa hin eega.
Ka isin waame addatamaa waan te’eef, inninuu tana hin godha.
Waaqi waadaa nu’uuf gale addatamaa waan te’eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, kowa’a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna.
Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda’aatii fi ka gatii gudda’aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu’uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma’aa worra qoodamu teetaneertan.
Promessas de cuidado e proteção
Deus prometeu estar conosco nas águas e no fogo, fortalecer-nos e nos segurar com a destra da sua justiça. Nada nos separará do seu amor.
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani Waaqa keeti waan te’eef hin rifatin!
Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;
harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
Yennaa ati bisaan keessa dabartu
ani si woliin hin jiraadha;
yennaa ati laga gamatti buutu
bisaan si hin fudhatu;
ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;
bobeenni ibiddaalle si hin gubu.
Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,
hunna ifii hin haareffatan.
Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;
hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.
Promessas de salvação e vida eterna
A promessa suprema de Deus é a vida eterna em Cristo. Quem crê no Filho tem a vida eterna e a certeza da ressurreição.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a; Ka jiru’uun le’uu fi natti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.
Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage’ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata.
Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru’uu keessaa hin haqu.
Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te’ee du’e.
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
Aliança inabalável
Desde a aliança com Noé até a nova aliança em Cristo, Deus sempre cumpre sua Palavra. Ele nos restaura e nos aperfeiçoa pela graça.
Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi’iitiin lafa irraa deebi’ee akka hin balleessineef, bisaan badi’ii ijjumaa deebi’ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora.
ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu’utti te’e hin teeti.
Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te’e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala’a.
Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi’ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa.
Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi’uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu’uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa’a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa’a goona.
Waadaan galame, ta Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan dhaggantu, worra dhugeeffatuuf akka kennantuuf, Barreeffam Woyyichi biyyi lafaa duudiin cubbu’uuf bitamiisaan hidhantee akka jirtu dubbata.
Gaafadha’a, Barbaada’a, Dhodhowa’a
Yesuus itti dabalee, «Gaafadha’a, isiniif hin kennanti; barbaada’a, hin dhaggattanille’e; balbala dhodhowa’a isiniif hin bananti.
Nafa jajjabeessu’uuf ifi leenjisuun bu’aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le’iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le’ii ammaatii fi ta dhuttulle’eef addii waan qabuuf karaa maraan bu’aa qaba.