Publicidade

Proximidade

Por Bíblia Online

Deus é próximo dos que o buscam. Ele não é um Deus distante, mas presente, íntimo e acessível a todo o que o invoca com sinceridade de coração.

Buscar a presença de Deus

A Bíblia nos exorta a buscar a face do Senhor continuamente. Quem se aproxima dele encontra plenitude de alegria e delícias perpétuas.

Mootii Waan Maraatii fi jabeenna isaa barbaada’a;

yennaa mara fuula isaa barbaada’a.

Mootii Waan Maraatii fi

hunna isaa barbaada’a;

Yennaa mara fuula isaa barbaadadha’a!

Yennaa Mootiin Waan Maraa dhaggamu barbaadadha’a;

adoo dhikoo jiruulle isa waammadha’a.

Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;

isiille dhaggatuu barbaada:

bara jiruu tiyyaa mara

mana Mootii Waan Maraa keessa akka le’u,

dansummaa isaa akka dhaggu,

Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti

akka isa barbaadadhu.

Addee dhibii

guyyaa kuma tokko ooliisaa mannaa,

badhinna Galma woyyicha keetii keessa

guyyaa tokko ooluu woyya;

Dunkaanii worra hamaaleyyi’ii

keessa tee’iisaa mannaa,

eedduu balbala mana Waaqa kiyyaa

te’u naa woyya.

Ati daandii jiru’uu natti hin mudhitta;

gammadi guutuun fuula keeti dura,

wonni haga bara baraa nama gammachiisu

harka keeti middicha keessa jira.

Deus está perto

O Senhor está perto dos que o invocam, dos quebrantados de coração e dos que clamam por socorro. Sua presença nos sustenta.

Yennaa balchooleen gara isaa iyyitu,

Mootiin Waan Maraa isaaniif hin dhage’a;

inni rakkinna isaanii mara keessaa

isaan hin baasa.

Mootiin Waan Maraa

worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;

inni worra addii kutateeru hin baasa.

Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera.

Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu’uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan.

Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara,

dansummaan teetii fi

marartiin teeti na gula deeman;

bara le’ii tiyyaa mara

mana Mootii Waan Maraa keessa hin le’a.

A presença que nunca abandona

Deus promete nunca nos deixar. Ele permanece fiel, está conosco em todo tempo e envia o Espírito para habitar em nossos corações.

«Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi’ee gara keessan hin dhufa.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna abbootii teenna ta durii woliin akkuma jiraate, nu wolille’een jiraatuu ti; inni nu hin lakkisin; nu hin gatinille’e.

Ammalle ati

Waaqa marartii guddoo qabu waan teeteef,

isaan hin ganne yookiin

hin balleessine.

Ati Waaqa marara’a;

arjaalle’e.

Nageya Muumme’ee

Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Goottaan isin mara woliin jiraatu.

Nageya Muumme’ee

Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee’a’a; leetoo teessan sirreeffadha’a; gorsa kiyya dhage’a’a; wolii gala’a; nageyaan le’a’a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.

Inni Ayyaana ifii irraa waan nu’uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna.

Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba’aa jirutti isa mudhise.

Muuseen midhaan adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Mootii Waan Maraa woliin achi ture. Inni jechoota Gondooro’oo, ajajoota kudhan dhakaa baxxicha irratti barreesse.

qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa’a; kolbaa achi jirtulle’een, ‹Mootummaan Waaqaa isinitti dhikaateerti› jedha’a.

Haareffama Aasaan Godhe

Ayyaanni Waaqaa ilma Odeedii Azaariyaa irratti dhufe. Azaariyaan gara Aasaa mootichaa dhaqee, «Aasaa, isinille namooti Yihuda’aatii fi namooti Beniyaaminii marti na dhage’a’a! Yoo isin Mootii Waan Maraa woliin jiraattane, innille isin woliin hin jiraata. Yoo isa barbaaddane, innille isiniif hin dhaggama; yoo isa lakkittane ammoo, innille isin hin lakkisa. Israa’elooti bara hedduu Waaqa dhuga’aa malee, hayyuu isaan barsiisu malee, seera malee le’ane. Isaan yennaa rakkatane gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii deebi’anee, isa barbaadane; innille isaaniif dhaggame. Bara san worri biyya lafaa irra le’u marti raafama guddaa keessa waan jiruuf, nami nageyaan bayee, nageyaan galulle hin jiruuyyu. Waaqi badii gara garaatiin waan isaan rakkiseef, gosi biyya takkaa gosa biyya taanii balleessitee, qachaan tokko qachaa kaan balleesse. Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha’a, hin dadhabina’a» jedhe.

Aasaan raaga ilmi Odeedii Azaariyaan raage akkuma dhage’een jajjabaate; inni waaqota dharaa diqachiisaa lafa Yihuda’aa maraa fi lafa Beniyaaminii mara keessaa, qachoota biyya koobitti’ii ta Efreem qabate keessaalle’ee balleesse; addee ciinca’aa ta soroo Galma Mootii Waan Maraa dura jirtulle haaresse.

Mootiin Waan Maraa Waaqi Aasaa woliin akka jiru dhageettee, kolbaan bindillaan lafa Israa’elii mara keessaa gara isaa waan hiixxeef, inni namoota Yihuda’aa, namoota biyya Beniyaaminii, ka biyya Efreemiitii fi biyya Minaase’ee, ka kutaa biyya Shimi’oon keessaa dhufane mara wolitti qabe. Isaan, Aasaan mootii te’ee woggaa kudhanii shaneesso’ootitti, woggaa san ji’a sadeesso’oo keessa Yerusaalemitti wolitti qabamane. Boojuu guyyaa san fidane keessaa loon dhibba torba, hoolee kuma torba Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane. Isaan gadhaa tokkochaa fi qalbii takkatti’iin, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii barbaadatiisaaf Gondooroo godhanee, isaan keessaa nami diqqaan yookiin guddaan, dhiirti yookiin dubartiin ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii hin waaqonfanne akka ijjeefamu godhane. Isaan tultulla’aa fi tultullaa gaafa hoole’ee afuufanee, qoonqoo ifii ol qabatanee ililleetti’iin Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatane. Namooti biyya Yihuda’aa marti gadhaa tokkochaan waan kakataneef, marroo kakuu saniitiif gammadaan firinxiixane. Isaan qalbii takkatti’iin Waaqa waan barbaadaneef, inni dhaggameef; karaa maralle’een isaan foorfachiise.

Aasaan mootichi akkoon isaa Ma’akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedrooniititti gube. Aasaan addee waaqonfanna’aa ta Israa’el keessaa duudi’iiyyuu diiguu dhabulle, bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif ifi kenne. Inni meya adda addaa, meeti’ii fi worqii ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf adda baasane fidee, Galma Waaqaa keessa keye. Aasaan mootii te’ee haga woggaa soddomii shaneesso’ootitti lolli dhibiin hin kaane.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-