Purificação
A purificação é um tema central na Bíblia. Deus nos chama a sermos limpos — não apenas externamente, mas no coração, na mente e em toda a conduta de vida.
Purificados pelo sangue de Cristo
O sangue de Jesus nos purifica de todo pecado. Sua morte na cruz é o sacrifício perfeito que nos torna limpos diante de Deus.
Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du’atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree!
Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe’e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba’atti midda Waaqa hunnaamessaa tee’eera.
Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.
Purificação interior
Deus cria em nós um coração puro. A purificação começa no interior — nos pensamentos, intenções e motivações do coração.
Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;
ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.
Daadimata Araara Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawiti sooressa faarfattootaatiif. Daawiti Baat-Sheebaa gaarayyeeffateen duuba yennaa raagichi Naataan gara isaa dhufe ta inni faarfate.
Ee Waaqa,
sababa jaalala keeti ka bara baraatiif,
na marari.
Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo’ootiif,
yakkaa tiyya haxowii balleessi.
Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi;
cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi.
Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.
Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu’uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa’a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa’a goona.
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
Lavados pela Palavra
A Palavra de Deus e o batismo nos purificam. Jesus disse: 'Vós já estais limpos pela palavra que vos tenho falado.'
Jecha ani isinitti dubbadheen isin ammumaayyuu qulqulloontaneertan.
Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha’a. Inni wolde’a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe.
Amma maan eedda ree? Ol ka’iitii, maqaa isaa waamaa cuuphamiitii, cubbuu teeti dhiqadhu› anaan jedhe.
Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te’in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du’aa fi ka’a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.
Dhiqadha’aatii ifi qulqulleessa’a; hujii teessan hantuu, ila tiyya duraa kaasa’a; hantuu hujiisa lakkisa’a.
Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa. Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu, gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru’uu fi gowwu’u. Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.