Raiva
A raiva é uma emoção humana que a Bíblia trata com seriedade. Irar-se não é pecado em si, mas a ira descontrolada destrói relacionamentos e abre porta para o mal.
Controlar a ira
A Bíblia nos exorta a ser tardios para irar-se. A resposta branda desvia o furor, e o que se controla é mais forte que um guerreiro.
Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage'iisaaf ka ariifate, dubbatiisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te'uu ti;
Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti;
jechi jabaan aarii kakkaasa.
Nami ossatu hubantii guddoo qaba;
nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.
Nami gowwaan yaada aarii ifii mara dubbata;
nami qaroon ammoo ossaan ifi qabataa dubbata.
Aariin nama gowwa'aa yoosuma beekkanti;
nami qalbeeffataan ammoo
arraba tuffatee lakkisa.
Irar-se sem pecar
Paulo ensina: irai-vos, mas não pequeis. Não deixe o sol se pôr sobre a vossa ira, para não dar lugar ao diabo.
Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. Seexanaafille karaa hin kennina'a.
Wol dhaba irraa fagaatiis ulfinna namaaf kenna;
gowwaan yennaa mara lola kaasa.
Ifi jajiis lola qofa kaasa;
qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.
Amor e perdão acima da raiva
O amor cobre multidão de pecados. A Bíblia nos chama a não alimentar rancor, mas a perdoar e amar, vencendo a raiva com compaixão.
Jibbi lola kaasa;
jaalalli ammoo yakkaa mara golla.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja'a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu'aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu.
« ‹Ati gadhaa keeti keessatti obboleessa keeti hin jibbin; Yakkaa isaatiif gorsa isaaf kenni malee, sababa isaatiif yakkaamessa hin te'in. Ani Mootii Waan Maraa ti; ati akka ifi jaalattu nama jaaladhu malee, haluu hin bayin, quuqaalle itti hin qabatin.
Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa. Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu, gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru'uu fi gowwu'u. Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.
Obboleeyyan tiyya, isin keessaa eennulle gadhaa hama'aa fi hin dhugeeffanne, ka Waaqa jiraataa irraa garagalu akka hin qabaanne ifi eeggadha'a!
Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko niitii ifii yoo lakkise, isiille isa lakkittee nama dhibii yoo heerumte, deebi'ee isii galfatiisa dande'aa ree? Latti ijjumaa hin battoottuu ree? Ati worra si jaalatu woliin sagaagalteerta; amma ammoo gara kiyya deebi'uu barbaaddaa ree? Qaccee koobota goddu'uu ol ilaali! Addeen ati irratti hin sagaagalle jirtii? Akkuma worri Arabaa lafa goomole'ee keessatti nama saamiisaaf eegatu, akkasuma atille karaa keessa teettee worra si jaalatu eegatte. Sagaagalumma'aa fi hammeenna keetiin lafa batteessite. Tanaaf tiifuun dhabantee, bokkeenni hageyyaalle bade. Ati ammalle amala sagaagalumma'aa waan qadduuf, qaanii dhaddeerta.
«Ammalle ati na waamaa, ‹Abbaa kiyya, bara ijoollummaa tiyyaatiin jalqaddee jaala ka naa teete, ati yennaa mara aartaa? Aariin teeti haga bara baraatii?› jedhaa, ammoo hammeenna hujuu dandeettu mara hujja» jedhe.
Bara Yosiyaas mootii te'eeru Mootiin Waan Maraa anaan, «Israa'eliin addatamummaa hin qanne waan hujje dhaggitee? Isiin kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa mara jalatti sagaagalteerti. Tana mara gooteen duuba gara kiyya hin deebiti seyeeyyu; isiin ammoo hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihudaan ta hin addatannelle tana dhaggiteerti. Ani Israa'elii dhugeeffannaa hin qanneef, sababa gaarayyeeffata isi'ii maraaf woraqata lakkeessaa kenneefii ari'e; te'uu malee obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne, tana dhaggitee akka hin sodaanne ani dhagge; isiille baatee sagaagalte. Isiin sagaagalummaa ifiitiin lafa batteessitee, dhaka'aa fi muka waaqonfatte. Tun marti teetee, obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne soddee gara kiyya waan deebite fakkaatte malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin deebine» jedhe.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Yihudaa addatamummaa hin qanne caalaa Israa'elii dhugeeffannaa hin qannetti balcha'a. Dhaqiitii ergaa tana worra gara kaabaatitti lallabiitii, ‹Ee Israa'elii addatamummaa hin qanne gara kiyya deebi'i; ani mararaa waan te'eef haganaa achi ila aari'iitiin si hin ilaalu; haga bara baraa sitti hin aaru. Ati ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti finqiltee, naaf ajajamiisa dhabiisaan muka banqaaqaa mara jalatti, ulfinna keeti waaqota ormaatiif waan kenniteef, yakkuma teeti callaa beeki› jedhi.
«Ee kolbaa addatamummaa hin qanne, ani abbaa manaa keessan waan te'eef, gara kiyya deebia'a'a! Ani isin keessaa qachaa tokko tokko keessaa nama tokko tokko, fira tokko tokko keessaa nama lama lama filee, gara Xiyoonii hin fida. Ani tissitoota worra akka gadhaa kiyyaa isiniif hin kenna; isaanille beekkumsaa fi hubanti'iin isin hin sooressan. Bara san yennaa laakkossi keessan lafa irratti bacatu, namooti, ‹Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa› jedhanee hin waamanu yookiin hin qalbeeffatanu yookiin hin qaabatanu; Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ka dhibiille hin hujanu. Yennaa san isaan Yerusaalemiin, ‹Barcumaa mootummaa Mootii Waan Maraa› hin jedhan; gosi biyya adda addaa marti ulfinna naa kenniisaaf Yerusaalem keessatti wolitti hin qabanti. Achiin duuba isaan mataa jabinnaan fedhii hantuu gadhaa ifii hin hordofanu. Bara san sanyiin Yihuda'aatii fi sanyiin Israa'elii lafa kaabaa ta itti booji'amane irraa wolitti deebi'anee, gara lafa ani abbootii isaaniitiif kennee hin dhufan.
«Ani Mootiin Waan Maraa lafa gammachiittu, lafa kolbaa biyya dhibi'ii mara caalaa dansa'aa, si'iif kenniisaaf,
akka ilmaan tiyyaatitti attam attam sitti gammada.
Ati, ‹Abbaa kiyya› jettee na hin waanta;
‹Na hordofiisa irralle'ee hin deebitu› jedhee yaadadheeraayyu.
Ee sanyii Israa'elii, isin ammoo
akka niitii dhirsa ifiitiif hin addatannee,
isinille naaf hin addatanne» jedhe.
Kolbaan Israa'elii,
Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deetee,
karaa cubbu'uu waan hordotteef,
iyyi bowiisaatii fi daadimata isaanii
qaccee koobota goddu'uu irraa hin dhage'anti.
Isin kolbaan addatamummaa hin qanne,
addatamumma'aan gara isaa deebi'a'a!
Inni adde'etti isin deebisee,
worra addatamaa isin hin godha.
Isinille, «Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan te'eef, gara isaa hin deebina. Koobotaa fi gaarota irratti waaqota dharaa waaqonfatiis gowwumma'a; dhugumaan Israa'el Mootii Waan Maraa Waaqa keennaan fayyiti. Bara ijoollummaa teennaatii jalqabanee waaqoti salphiyyeen sun eloo abbootii teennaa, hoolee isaanii, horii isaanii, ilmaan isaaniitii fi durra isaanii mara nyaatane. Nuutii fi abbootiin teenna ijoollummaa teennaa jalqannee, haga adhaatitti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuu hunyee, isaafille waan hin ajajaminiif, qaani'iin gad jinnee, salphinna akka woya'aa uffannuu ti» jettaneertan.