Redentor
Deus é o nosso Redentor. Ele nos resgatou da escravidão do pecado, nos libertou das cadeias e nos comprou com preço altíssimo — o sangue de seu Filho.
Liberdade em Cristo
Cristo nos libertou para a liberdade. Aquele a quem o Filho liberta é verdadeiramente livre. O Redentor quebra toda cadeia.
Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan.
Bilisummaa Kiristoosiin Dhaggantu
Bilisumma’aan akka leenuuf Kiristoos bilisa nu baase. Tanaaf jabaadha’aa dhaabbadha’a! Deebitaneelle waanjoo garboomaatiin hin hidhamina’a!
Oduu Gammadaa Ta Fayyinnaa
Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira;
akka ani oduu gammadaa
worra cunqurfameef lallabu,
na muudeera.
Worra gadhaan isaanii madaye
akka ani fayyisuuf,
worra booji’ame akka ani bilisa baasuuf,
worra hidhame akka ani hiikuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
Ayyaana Waaqaatiin Jiraachuu
Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le’u, amma muraa yakka’aa jala hin jiru. Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu’uutii fi du’aa jalaa na baaseera.
Redenção e salvação
Deus nos redimiu por amor. Ele apagou nossas transgressões e nos salvou não por mérito nosso, mas por sua misericórdia.
Ani yakkaa teeti akka duumensaa,
cubbuu teetille akka hurrii ganamaa haxowee balleesseera;
ani waan si wodeef, gara kiyya deebi’i» jedha.
Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.
Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.
Amma ammoo cubbuu jalaa baatanee garboota Waaqaa waan teetaneef woyyummaa hin dhaggatan; muummeen woyyumma’aalle jiruu bara baraa ti.
Refúgio e proteção
O Redentor é nosso refúgio e fortaleza. Ele livra os que clamam, sara os quebrantados e se alegra por nós com cântico.
Faaruu Injifanno’oo
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu garbichi Mootii Waan Maraa Daawiti yennaa Mootiin Waan Maraa harka Saa’oliitii fi diinota isaa mara jalaa isa baase Mootii Waan Maraatiif faarfate.
Ee Mootii Waan Maraa, ati jabeenna kiyya;
ani si jaaladha.
Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,
waan itti golladhu;
ka na baasulle’e.
Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu;
inni wontee tiyya;
ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu;
inni waan ani itti golladhu.
Daadimata Waaqatti Adddatiisaa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
Ee Mootii Waan Maraa,
ani sitti baqadheera;
ani ijjumaa hin fokkifatin;
balchummaa teetiin na baasi.
Ani yennaa mara harka keeti keessa jira;
harka diinota kiyyaatii fi
worra na ari’u jalaa na baasi.
Yennaa balchooleen gara isaa iyyitu,
Mootiin Waan Maraa isaaniif hin dhage’a;
inni rakkinna isaanii mara keessaa
isaan hin baasa.
Mootiin Waan Maraa
worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;
inni worra addii kutateeru hin baasa.
Rakkoon balcha’aa baca’a;
Mootiin Waan Maraa ammoo
waan mara keessaa isa hin baasa.
Ee Waaqa fayyisaa keenna,
ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu qarqaar;
maqaa keetiif jedhii nu baasi;
cubbuu teennalle nuu araarami.
Yennaa ani faaruu leellisaa si’iif faarsu,
afaan kiyya, lubbuun tiyya ta ati wodattelle
si’iif hin ilillisan.
Worri Mootii Waan Maraa jaalatu,
waan hantuu jibbuu ti;
inni lubbuu worra addatama’aa waan eeguuf,
harka worra hamaaleyyi’ii jalaa isaan hin baasa.
Ee Mootii Waan Maraa,
worra dhara dubbatuu fi
soba dubbatu jalaa na baasi.
Vestidos de salvação
O Redentor nos veste com roupas de salvação e manto de justiça. Ele se alegra por nós e nos cobre com seu amor.
Ani Mootii Waan Maraatiin guddoo gammada;
lubbuun tiyyalle Waaqa kiyyaan firinxiixxi.
Akkuma waajibichi akka hayyu’uu marata mata’atti maratu,
akkuma waajibittiin dooqaan ifi seefattu,
inni woyaa fayyinnaa
natti uffiseera;
bullukkoo balchumma’aalle itti dabalee natti uffiseera.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;
hunni isaa injifannoo sii kenniti;
inni guddoo sitti hin gammada;
jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;
inni faaru’uun si’itti hin gammada» hin jedhan.