Reino dos céus
O Reino dos Céus é comparado por Jesus a tesouros, sementes e redes. Através de parábolas, Ele revelou os mistérios de um Reino que já está entre nós, mas que se consumará na eternidade.
O valor incomparável do Reino
O Reino dos Céus é como um tesouro escondido ou uma pérola de grande valor. Quem o encontra, vende tudo para possuí-lo.
Mammaassa Karra Dhokatteertuu
Yesuus, «Mootummaan ol-gubba’aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate.
«Ammalle, mootummaan ol-gubba’aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti; daldaltichi dooqa gatii gudda’aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate.
Mammaassa Midhaan Sanaafici’ii
Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa midhaan sanaafici’ii ka nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti facaase fakkaatti; midhaan isi’ii midhaan mara caalaa diqqaata, yennaa guddatte ammoo waan ficha’atti facaafame mara caaltee muka teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi’ii keessatti mana ifii ijaarratti» jedhe.
Mammaassa Uuko’oo
Yesuus ammalle mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa uukoo dubartiin takka fuutee bullaa safartuu sadiin wolitti mattee, bullaa san mara bukeessitu fakkaatti» jedhe.
Parábolas do Reino
Jesus ensinou sobre o Reino mediante parábolas que revelam seu crescimento, seu juízo e a separação final entre justos e injustos.
Mammaassa Jigida’aa
Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan ol-gubba’aa nama fichaa ifii keessatti sanyii dansaa facaase tokkoon wol fakkaatti. Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi’iititti jigidaa facaasee deeme. Yennaa qamadiin lattee midhaan buutte, jigidaalle mudhate. Tajaajiltooti abbaa ficha’aalle dhufanee, ‹Gootta’a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?› jedhaneen. Inni deebisee, ‹Kana ka godhe diina› jedhe. Tajaajiltooti deebisanee, ‹Nuuti dhandhee akka bubuqqinnu barbaaddaa ree?› jedhaneen. Inni ammoo deebisee, ‹Waawwo’o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan. Haga yennaa haamma’aatitti jigida’aa fi qamadiille wolumaan guddatanuu ti; yennaa haamma’aa, ani worra haamuun, akka gubamuuf dursa’aatii jigidaa buqqisa’aa laddee ladde’een hidha’a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha’a› jedhaan» jedhe.
Yesuus Mammaassa Marroo Jigida’aa Hiike
Achiin duuba Yesuus gumii lakkisee mana seene. Barattooti isaalle gara isaa dhikaatanee, «Mammaassa jigidaa fichaa qamadi’ii keessaa nuu hiiki» jedhaneen.
Yesuus deebisee, «Ka sanyii dansaa facaasu Ilma Namaa ti; fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti. Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle’etti akkasuma hin teeti. Ilmi Namaa ergantoota ifii hin erga; isaanille worra sababa cubbu’uu te’ee fi worra hantuu huju mara mootummaa isaa keessaa wolitti qabanee, addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti isaan gatan. Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu’uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage’uu ti!» jedheen.
«Ammalle, mootummaan ol-gubba’aa caccoo qurxummi’ii ta abbaaya’atti afanee qurxummii adda addaa duudii qadde fakkaatti; caccoon yennaa guutte, isaan gara cina’aa harkisanee, gad tee’anee, qurxummii dadansaa saaxaraa keessa keyatanee, babadduu ammoo gatane. Yennaa muummee biyya lafaalle akkasuma hin teeti. Ergantooti Waaqaa dhuttee worra hamoota worra balchoota irraa gargar baattee, addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti hin qolaansan» jedhe.
Quem herda o Reino
Os humildes, os pobres de espírito e as crianças são herdeiros do Reino. Mas é difícil para os ricos entrarem nele.
Gammada Dhuga’aa
«Worri le’ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te’ane itti dhage’antu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
Worri gadde gammaduu;
Waaqi isaan hin jajjabeessa!
Worri ifi gad qabu gammaduu;
isaan lafa hin dhaalan!
Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu;
Waaqi isaan hin quussa.
Worri namaaf mararfatu gammaduu;
Waaqi isaaniif hin mararfata!
Worri gadhaa qullu’uu gammaduu;
isaan Waaqa hin dhaggan!
Worri nageya buusu gammaduu;
isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman!
Worri balchumma’aaf miidhamu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
«Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada’a. Isaan raagota worra isiniin duraatuu akkasuma miidhane. Gatiin teessan ol-gubba’atti guddoo waan teeteef, gammada’aatii ilillisa’a» isaaniin jedhe.
Ka Caalu Eennu
Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?» jedhaneen. Inni daa’ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa’immaanii hin te’in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba’aatitti hin galtanu. Eennulle ka akka daa’ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba’aa keessatti mara ka caalu te’a.
Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe.
Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba’aatitti galiisi guddoo rakkisa’a. Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa limmo’oo keessa hulluuqiisatti irra kaso’o» jedhe.
Barattooti isaa yennaa tana dhage’ane, guddoo maalalanee, «Eentu fayyuu dande’a ree?» jedhane.
Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande’antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande’anti» jedhe.
Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, dhage’aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna’aan dureeyyii te’anuu fi mootummaa inni worra isa jaalatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te’ane filateeraa motii?
Woyyooti Waaqa Ol-Aana’aa ammoo, mootummaa san fudhattee haga bara baraatitti hin qabatti, ee, haga bara baraa hin qabatti› jedhe.
Buscar o Reino acima de tudo
Jesus ensinou que devemos buscar primeiro o Reino e sua justiça. Nem todo que diz 'Senhor, Senhor' entrará — só quem faz a vontade do Pai.
Ani Ijjumaa Isin Hin Beeku
Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu ka hujutti mootummaa ol-gubba’aatitti gala malee, ka, ‹Gootta’a, Gootta’a› jedhee na waamu marti hin galu.
Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa’aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama. Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu» isaaniin jedhe.
«Tanaaf, yennaa daadimattanu,
«‹Abbaa keenna ka ol-gubbaa jirtu,
Maqaan keeti woyyoomu;
mootummaan teeti dhuttu;
fedhiin teeti akkuma ol-gubba’atti teete,
lafalle’etti teetu.
Lallaba Yohaannisii Cuupha’aa
Bara san Yohaannisiin cuuphaan goomolee biyya Yihuda’aa keessa lallabaa dhufee, «Mootummaan ol-gubba’aa waan dhikaatteef cubbuu irraa deebi’a’a!» jedhe.
Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi’a’a!» jedhee lallabiisa jalqabe.
Akkuma dhaxxaneen, ‹Mootummaan Waaqaa dhikaatteerti› jedhaa lallaba’a.
Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaq woliin hin nyaatan;
«Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba’aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala. Bara Yohaannisiin cuuphaan barsiisuu jalqabe irraa ka’ee haga ammaa mootummaan ol-gubba’aa hunnaan dhiibatiisatti jirti; worri itti galiisaaf dhiibatu hin fudhatan.
A herança eterna
O Reino dos Céus é inabalável e eterno. Deus nos chama a fazer firme a nossa vocação e eleição para entrar nesse Reino.
Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa’a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda’aan kowa’a isa Waaqonfanna. Sababille Waaqi keenna ibidda gubee balleessu.
Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii,
marroo hunna teetii hin dubbatan.
Akka kanaan namooti marti
hujii teeti ta baasaatii fi
mootummaa teeti
arnya qabeettii ulfinnaa hin beekan.
Mootummaan teeti
mootummaa bara baraa ti;
ati haga bara baraa hin bulchita.
Tanaaf obboleeyyan tiyya! Waamamiisaa fi filamiisa keessan mirkaneessiisaaf, worra caalchittanee dharraatanu te’a’a; tana yoo gootane dhugeeffannaa teessan irraa ijjumaa hin jiddanu. Akka kanaan, gara mootummaa Goottaa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta bara baraatitti akka galtanu middi guutuun isiniif hin kennama.
Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba’aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te’u! Ameen.
Durummaa Ol-gubba’aa
«Gumii diqqo’o, Abbaan keessan mootummaa ifii isinii kenniisaaf waan jaalateeruuf, hin sodaatina’a.
Sagaagaltichi, yookiin battichi, yookiin joljoltichi jechuun ka waaqa dharaa waaqonfatu mootummaa Kiristoosiitii fi Waaqaa keessatti qooda akka hin fudhanne beeka’a.