Reino
O Reino de Deus é o tema central da pregação de Jesus. Desde o início de seu ministério, Ele proclamou: 'Arrependei-vos, porque é chegado o Reino dos céus.'
O anúncio do Reino
Jesus inaugurou seu ministério proclamando a chegada do Reino. Ele convida todos ao arrependimento e à fé nessa nova realidade.
Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi’a’a!» jedhee lallabiisa jalqabe.
Inni, «Barri muummaweera, mootummaan waaqaa dhikaatteerti, cubbuu irraa deebi’aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha’a!» jedhe.
qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa’a; kolbaa achi jirtulle’een, ‹Mootummaan Waaqaa isinitti dhikaateerti› jedha’a.
Miilli ergamaa gaara irra dhaabbatee
oduu gammadaa fidu,
ka nageya lassuu,
ka waan dansaa fidu,
ka fayyinna lallabu,
ka Xiyooniin, «Waaqi keeti mootii te’a» jedhu,
attam attam tola!
A natureza do Reino
O Reino de Deus é governo soberano do Senhor sobre todas as coisas. Ele é o Rei eterno, imortal e invisível.
Amma mootii bara baraa, ka hin duunee fi ka ilatti hin mudhanne, Waaqa tokkochuma saniif, baruma baraan guddinnii fi ulfinni isaaf te’u! Ameen.
Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda’a; hunnaamessalle’e. Ulfinni, baalli’ii fi arnyi keeti. Wonni ol-gubba’aa fi lafa irra jirtu marti teeti; ati mooticha waan maraan olii ti.
Mootiin ulfinnaa kun eennu inni?
Inni Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,
mootii ulfinnaa ti.
Mootiin Waan Maraa abbaa mura’aa keenna; Mootiin Waan Maraa seera nu’uuf kenna; Mootiin Waan Maraa mootii keenna; ka nu fayyiselle isa.
Yennaa san Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duudii irratti mootii hin te’a; gaafas nami duudiin Mootiin Waan Maraa isa qofa akka te’e hin dhugeeffatan; maqaa isaa qofa waammatan.
Entrar no Reino
Para entrar no Reino é preciso nascer de novo, tornar-se como criança e buscar primeiro a justiça de Deus acima de tudo.
Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande’u» jedhee deebise.
Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande’u.
Dursa’aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada’a; tun martinuu isiniif hin kennanti.
Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe.
Worri balchumma’aaf miidhamu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
Ani furtuu mootummaa ol-gubba’aa si’iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle’etti ka hidhame te’a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle’etti ka hiikame te’a» jedhe.
Cidadãos do Reino
Os cristãos são concidadãos dos santos e membros da família de Deus, chamados a viver dignamente do Reino que receberam.
Tanaaf, isin worri Yihudoota hin te’in haganaa achi orma yookiin alaga’aa moti; isin amma miseensota maatii Waaqaatii fi kolbaa Waaqaatiin woliin nama biyya tokkoo ti. Isinille hundee ergantootii fi raagoti hundeessan irratti ijaarantaneertan; dhakaan roga qaccee ijaarsaalle Kiristoos Yesuus.
Durummaa Ol-gubba’aa
«Gumii diqqo’o, Abbaan keessan mootummaa ifii isinii kenniisaaf waan jaalateeruuf, hin sodaatina’a.
Worri du’aa ka’a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu’u. Duuti lammeesso’oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te’an; isa wolille’een woggaa kuma tokkoof mowan.
Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina’a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu, yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.