Ressurreição
A ressurreição é o pilar da fé cristã. Se Cristo não ressuscitou, é vã a nossa fé. Mas Ele venceu a morte, e essa é a garantia da nossa própria ressurreição.
Cristo ressuscitou
O túmulo está vazio! Os anjos declararam: 'Ele não está aqui; ressuscitou!' A ressurreição de Cristo é o fato mais transformador da história.
Ergamaan Gootta’aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina’a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka. Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du’aa ka’eera. Addee reeffi isaa keyame kowa’aa ilaala’a.
Inni ammoo, «Hin rifatina’a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka’eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala’a!
Inni as hin jiru, ka’eera. Galiilaa adoo jiruu waan inni isinitti hime qaabadha’a! ‹Ilmi namaa harka cubbaalleyyi’iititti kennamee, fannifamee, guyyaa sadeesso’ootitti du’aa ka’uu male› jedhe» jedhaneen.
Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate. Isaan Barreeffama Woyyicha, «Inni du’aa ka’uu qaba» jedhu haga ammaa hin hubanne.
Ani waan ifiif fudhadhe ka waan duudii caalu isinii dabarseera; wonni ani isinii dabarselle: akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreenfante Kiristoos cubbuu teennaaf du’ee, awwaalamee, akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffantetti, guyyaa sadiin duuba du’aa ka’eera ta jettu.
Ressurreição e vida eterna
Jesus disse: 'Eu sou a ressurreição e a vida.' Quem crê nele viverá, mesmo que morra. A morte foi derrotada na cruz e no túmulo vazio.
Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a; Ka jiru’uun le’uu fi natti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.
Duuti karaa nama tokkootiin akkuma dhutte, du’aa ka’iis worra du’eelle karaa nama tokkootiin dhutte.
Yesuus du’ee, du’a keessaa akka ka’e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du’e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna.
Kiristoos nama duudi’iif akka du’ee fi nami duudiin du’a isaa ka qoodamu akka te’e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqansiisa. Worri jiru’uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du’ee du’aa ka’eef akka le’anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du’e.
Du’a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du’aa ka’iisa isaatille’een isa woliin tokko hin teena. Le’iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu’uu te’iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna.
Nossa esperança futura
A ressurreição de Cristo garante nossa esperança viva. O Deus de paz trouxe dos mortos o grande Pastor das ovelhas para nossa salvação.
Addii Jiraattuu
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te’u! Inni marartii ifii guddo’oon du’a keessaa ka’iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera.
Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te’in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du’aa fi ka’a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.
Daadimata Muumme’ee
Waaqi Abbaan nageyaa, ka dhiiga gondooroo bara baraatiin, tissee hoole’ee guddicha, Goottaa keenna Yesuus du’aa kaase, fedhii isaa akka muummessitanuuf waan dansaa maraan isin hidhachiisu; waan isa gammachiisulle, karaa Yesuus Kiristoosiitiin nu keessatti hujuu ti. Ulfinni haga bara baraa Yesuus Kiristoosiif te’u! Ameen.
Ani Kiristoosii fi hunna du’aa ka’a isaa beekuu, rakkinna isaa qoodamu’uu fi du’alle’een isa fakkaatuu barbaada.
Worri du’aa ka’a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu’u. Duuti lammeesso’oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te’an; isa wolille’een woggaa kuma tokkoof mowan.
Worri du’e diqqa’aa fi guddaan, barcumaa mootumma’aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru’uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du’etti akkuma hujii isaaniititti murame. Abbaayaan guddoolle worra du’e ka isii keessa jiru kennite; du’aa fi addeen worri du’e jiru worra du’ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame.
Haga guyyaa adhaatitti Waaqi na qarqaaree, anille as dhaabbadhee, diqqa’aa fi guddaa duudi’iif dhugaa bayiisatti jira. Ani waanuma raagotii fi Muuseen hin te’a jedhane malee, waan tokkolle hin dubbanne. Isaan, ‹Masiihiin rakkatuu qaba; du’aa ka’iisaan ka jalqabaa te’ee, ifa fayyinnaa kolbaa Israa’eliitii fi worra Yihudoota hin te’iniif hin mudhisa› jedhane, jedhee dhugaa isaaniif baye» jedhe.
«Kunoo, nuuti gara Yerusaalemii ol bayiisatti jirra, Ilmi Namaa sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraatitti dabarfamee hin kennama; isaanille yakkaa du’aa isatti muran. Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te’initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso’ootitti du’aa hin ka’a» isaaniin jedhe.