Descansar no Senhor
Descansar no Senhor é um ato de fé. Em um mundo agitado, Deus nos convida a entregar nossas ansiedades, aquietar o coração e confiar plenamente em sua provisão e cuidado.
O convite ao descanso
Jesus convida os cansados e sobrecarregados a irem a Ele e encontrar descanso para as suas almas. O jugo dele é leve.
«Isin worri ba’aa ulfaattuu ba’atee dadhabe marti, gara kiyya kowa’a, ani isin foorfachiisa. Waanjoo kiyya fuudha’aatii ba’adha’a, ana irralle’ee baradha’a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. Waanjoon kiyya kaso’o, ba’aan tiyya sallo’o» jedhe.
Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii,
ossaan isa eeggadhu;
worra hamaaleyyii
yaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin.
Inni, «Cadhisa’aa, ani Waaqa akka te’e beeka’a;
ani gosa biyya adda addaa oddu’utti,
biyya lafaa irralle’etti hin saadama» jedha.
Ee kolba’a, yennaa mara Waaqatti addadha’a;
Waaqi ka itti baqannu waan te’eef,
yaada gadhaa keessanii mara itti himadha’a.
Confiança e paz
Quem confia no Senhor encontra paz perfeita. A ansiedade perde o poder quando entregamos tudo nas mãos do Deus soberano.
Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu,
waan inni sitti addateef,
ati nageya guutu’uun isa hin eedda.
Goottaan, Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa’elii, «Isin yoo cubbuu teessan faaci’attanee foorfattane hin fayyitan; cadhittanee naaf yoo addatantane hin jabaatta; isin ammoo diddanee,
Hujiin balchumma’aa nageya fiddi; bu’aan balchumma’aalle sarmiisaa fi bidhaa malee le’iisa.
Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,
hunna ifii hin haareffatan.
Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;
hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.
Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha’aa fi qalbii teessan hin eega.
Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata’a.
Esperar no Senhor
Esperar no Senhor renova as forças. A Bíblia nos ensina que aquietar-se diante de Deus e confiar em seu tempo é marca da maturidade espiritual.
Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.
Ani ossaan Mootii Waan Maraa eegadhe;
innille gara kiyya deebi’ee iyya tiyya dhage’e.
Ba’aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;
inni si utuba;
inni worra balchoolee
ijjumaa akka raafamanu hin godhu.
Isin yennaa aartanulle cubbuu hin hujina’a;
isin yennaa taqee teessan irra jirtanu,
cadhisa’aatii qalbii teessan keessatti itti yaadadha’a.
Waaqi worra addi’iin isa eegatuuf,
worra isa barbaaduuf dansa’a.
Tanaaf nami cadhisee
fayyisiisa Waaqaa eegatiis dansa’a.
A fidelidade de Deus
Deus é fiel. Seus planos são de paz e esperança. Podemos descansar sabendo que Ele guarda e sustenta quem nele confia.
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti. Isinille gara kiyya dhuttanee maqaa kiyya waammattaa gara kiyya hin daadimattan; anille isiniif hin dhage’a. Isin na hin barbaaddan; gadhaa tokkochaan yoo na barbaaddane na hin dhaggitan.
Ammoo nami Mootii Waan Maraa addatu,
ka Mootii Waan Maraa addii godhatu ka eebbifame.
Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee,
ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te’a.
Muki sun o’i yennaa dhufu hin sodaatu;
baalli isaa yennaa mara bisile’e.
Bara oola’aa hin yaadu;
midhaan buusiisa hin lakkisu.
Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Anumatti si woliin ideema; fooralle si’iif hin kenna» jedhe.
Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne’een natti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande’u addadheera.
Inni namoota Yihuda’aatiin, «Biyyi tun harka keenna jala waan jirtuuf, kowa’a, qachoota kana ijaarree, dalleya xelleephoo qabu itti naannessinee, karra itti baafannee, danqaraa itti goona. Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan barbaanneef, inni karaa maraan foora nuu kenneera» jedhe. Maarre isaan ijaarane; isaaniif milkootte.
Isaan gara qacha’aa gad bu’iisatti adoo jiranuu, Saamu’el Saa’oliin, «Tajaajilaan kun nu’uun dura dabaree akka deemu itti himi; yennaa inni dabaree deeme, ani waan Waaqi jedhe waan sitti himuuf, ati diqqoo asuma turi» jedhe.