Pular para o conteúdo
Publicidade

Sacrifício

Por Bíblia Online

O sacrifício é o coração do evangelho. Jesus entregou tudo por nós na cruz, e somos chamados a oferecer nossas vidas como sacrifício vivo, agradável a Deus.

O sacrifício supremo de Cristo

Jesus deu a própria vida como resgate por muitos. Seu sacrifício na cruz é o ato supremo de amor de toda a história — o Justo morrendo pelos injustos.

Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.

Ilmi Namaalle tajaajiliisaa fi kolbaa heddu’uuf jiruu ifii wodoo godhee kenniisaaf dhufe malee, akka isa tajaajilanuuf hin dhunne» jedhe.

«Kunoo, nuuti gara Yerusaalemii ol bayiisatti jirra, Ilmi Namaa sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraatitti dabarfamee hin kennama; isaanille yakkaa du’aa isatti muran. Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te’initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso’ootitti du’aa hin ka’a» isaaniin jedhe.

Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee, dameelee qore’eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, «Mootii Yihudootaa, jiraadhu!» jedhaa itti taphatane.

Yesuus qoonqoo guddo’oon, «Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!» jedhe. Inni kana jedhee du’e.

Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.

Adoo nuuti dadhaboole’eetuu, yennaan Waaqi murteesse geennaan Kiristoos cubbaaleyyi’iif du’e.

O cordeiro sem defeito

Cristo nos resgatou com seu sangue precioso, como cordeiro sem defeito. Ele se ofereceu uma vez por todas para tirar os pecados do mundo.

Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woy hin baane, waan badu ka akka meeti’iin yookiin worqi’iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan. Isin dhiiga Kiristoosii, ka gatii guddo’oo, ka akka dhiiga korbeessa komi’ii fi dhidhuu hin qanneetiin wodantaneertan.

Kiristoos cubbuu nama heddu’uu ba’atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba’atiisaaf adoo hin te’in, worra dharra’aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.

dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du’atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree!

Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.

Ani waan ifiif fudhadhe ka waan duudii caalu isinii dabarseera; wonni ani isinii dabarselle: akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreenfante Kiristoos cubbuu teennaaf du’ee, awwaalamee, akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffantetti, guyyaa sadiin duuba du’aa ka’eera ta jettu.

Akkuma Kiristoos nu jaalatee, akka kennansa uddowa’aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu’uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha’a.

Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.

Nosso sacrifício em resposta

Movidos pelo amor de Cristo, somos chamados a oferecer nossas vidas, nossos bens e nosso serviço como sacrifício vivo. Deus se agrada da entrega generosa.

Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu’uu gootanee cubbu’uuf hin dhikeessina’a; ammoo akka worra du’a keessaa bayee gara jiru’uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa’a; nafa keessan duudii meya balchumma’aa godha’aatii Waaqaaf dhikeessa’a.

Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin balleessa, ammoo yoo naaf jedhee jiruu ifii balleesse jiruu ifii hin fayyifata.

Qabeenna keetiin,

midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan,

Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni.

Balchumma’aa fi haqa hujuun,

ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti

fudhatama qaba.

Dhaqa’aatii Barreeffama, Ani marartii barbaada malee ciinca’aa motijedhu hiikkaan maan akka te’e qorqora’aatii hubadha’a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe.

Ani ammoo faaruu leellisaatiin;

ciincaa si’iif hin dhikeessa.

Waan waadaa si’iif galelle hin godha.

Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.

Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree?

Yesuus haga diqqoo irraa hiiqee lafatti jigee, yoo dande’ame yennaan rakkinnaa sun akka isa irra dabartu, «Abbaa kiyya wonni mara si’iif hin dande’ama; muduunuu rakkinnaa kana na irraa dabarsi! Ammoo akka fedha keetii teetuu malee, akka fedha kiyyaa hin te’in» jedhee daadimate.

Te’uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.

Seja o primeiro