Publicidade

Salvação

Por Bíblia Online

A salvação é a obra suprema de Deus. Pela graça, mediante a fé, somos salvos — não por obras, para que ninguém se glorie. É o presente mais precioso que a humanidade pode receber.

A salvação pela graça

A salvação é dom de Deus, não resultado de esforço humano. Somos justificados pela fé em Cristo Jesus e reconciliados com Deus pelo seu amor.

Isin badhaadha Waaqaatiin karaa dhugeeffanna’aatiin fayyitane malee, hujii teessaniinii moti; isiin tun kennaa Waaqaa ti. Akka nami tokkolle ittiin ifi hin jajne, huji’iinii moti.

hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te’in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso’ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise.

Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te’in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu’uun dura karaa Kiristoosiitiin nu’uuf kenname.

Hunna Oduu Gammadaa

Ani Oduu Gammadaatitti hin fokkifadhu; Oduun Gammadaa worra dhugeeffatu mara: duraan dursitee Yihudoota, akkasuma worra Yihudoota hin te’in mara fayyisiisaaf hunna Waaqaa ti.

Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera.

Nama addee nama balcha’a du’u dhaggatiis guddoo rakkisa’a; te’ulle nami addee nama dansa’a du’iisaaf fedhu dhaggamuu fa dande’a. Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.

Gatiin cubbu’uu du’a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.

O caminho da salvação

Quem confessa Jesus como Senhor e crê em sua ressurreição será salvo. A fé em Cristo é o único caminho para a salvação.

Yesuus Goottaa akka te’e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du’a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita. Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya.

Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya.

Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane.

Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane.

Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi’iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe.

Nami maqaa Gootta’aa waamu duudiin hin fayyajedhe.

Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga’aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba’aa hin dhufu.

Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.

Te’uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te’anuuf midda kenne.

Nova vida em Cristo

Quem está em Cristo é nova criação. A salvação não é apenas perdão, mas transformação completa — de dentro para fora, para a glória de Deus.

Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.

Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande’u» jedhee deebise.

«Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa’immaanii hin te’in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubbaaatitti hin galtanu.

Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.

Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi’uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.

Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage’ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata.

Segurança eterna

O crente tem a certeza da salvação. Ninguém pode arrebatar da mão de Deus aqueles que Ele chamou, justificou e glorificou.

Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande’u.

Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu» jedhe.

Isin isa dhagguu dhaddanulle isa hin jaalattan; isin amma isa dhagguu dhaddanulle, isatti dhugeeffattanee gammada gudda’aa fi ulfinna hagana jedhamee hin himanneen gammaddan. Sababille fayyinna lubbuu teessanii, ka dhugeeffanna’aan eeggattanu fudhattan.

Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama.

A salvação presente e futura

A salvação é passada (justificação), presente (santificação) e futura (glorificação). Deus nos salva, nos guarda e nos conduz à vida eterna.

Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. Badhaadhi kun cubbu’uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa.

Dhugumaan akka Seera Muuse’eetitti waan diqqoo malee, wonni maraa dhiigaan qulleeffama; adoo dhiigi hin dhangala’in araarri cubbu’uu hin jiru.

Kiristoos cubbuu nama heddu’uu ba’atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba’atiisaaf adoo hin te’in, worra dharra’aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.

Nuuti diinota Waaqaa ti; inni ammoo karaa du’a Ilma ifiitiin jaalota ifii nu godhe. Amma eega jaalota Waaqaa teene, karaa jiruu Kiristoosiitiin irra caalaa hin fayyina.

Nami marti akkuma Addaamiin du’u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata.

Nada é impossível para Deus

Aos homens é impossível, mas para Deus tudo é possível. Ele deseja que todos sejam salvos e cheguem ao conhecimento da verdade.

Yesuus gara isaanii ilaalee, «Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande’antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande’anti» jedhe.

Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande’ane Waaqaaf hin dande’anti» jedhe.

Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera» jedhe.

Goottaan,

«Haga qaccee lafaa duudii fayyinna akka fiddu,

Ani worra Yihudoota hin te’iniif ifa si godheerajedhee

nu ajajeera» jedhane.

Karra Dhiphoo

«Karra dhipho’oon seena’a! Karaan gara badi’ii geessu badha’a; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu’u. Karaan gara jiru’uu geessu ammoo qadha’aa; karrille dhiphoo waan teeteef, worri karaa jiru’uu san dhaggatu diqqa’a» jedhe.

Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina’a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu, yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.

Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe.

Waaqa Qofatti Addatuu
Faaruu Daawitii sooressa faarfattootaa Yedutu’uuf.

Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf,

lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti.

Wontee teeti ta fayyinnaa naa kennitee,

harki keeti middichi na qarqaare;

qarqaarsi keeti guddaa na godhe.

Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhitte;

miilli kiyya hin mucucaanne.

Muki harru’uu midhaan buusuu dhabulle,

muki woyni’ii midhaan buusuu dhabulle,

muki ejersaalle midhaan kennuu dhabulle,

fichaan midhaan baasuu dhabulle,

hooleen gooree keessaa dhabantulle duwwaa hattulle

loon moonaa keessaa dhabamanulle,

tun marti teetulle

ani Mootii Waan Maraatitti hin gammada;

Waaqa fayyisaa kiyyatti gammadee firinxiixa.

Ati na duratti gatii guddo’oo fi

ulfinna waan qadduuf,

ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa,

addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-