Santa ceia
A Santa Ceia é uma das ordenanças mais sagradas da igreja cristã. Instituída por Jesus na última noite antes da crucificação, ela celebra seu sacrifício e proclama sua morte até que Ele volte.
A instituição por Jesus
Na noite em que foi traído, Jesus tomou o pão e o cálice, deu graças e os compartilhou com os discípulos, dizendo: 'Fazei isto em memória de mim.'
Isaan adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo’oo fuudhee, Waaqaaf galata galchee, barattootaaf kennee, «Fudhadha’aa, nyaadha’a; kun foon kiyya» jedhe. Inni muduunuulle fuudhee, Waaqaaf galata galcheen duuba, isaaniif kennee, «Isin martinuu, itti una’a; kun dhiiga kiyya, ka Gondooroo haareyaa, ka araara cubbuu kolbaa heddu’uutiif dhangala’e.
Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo’oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, «Fudhadha’a; kun foon kiyya!» jedhe.
Achiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane. Yesuus «Kun dhiiga kiyya, ka kolbaa heddu’uuf dhangala’e, ka Waaqi ittiin gondoore. Ani dhugumaan isinitti hima; mootummaa Waaqaa keessaatitti haga guyyaa daadhii Woyni’ii haareya unutti ijjumaa deebi’ee daadhii Woyni’ii hin unu» isaaniin jedhe.
Xaltaa daabbo’oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha’a!» jedhaa isaanitti kenne. Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala’een, gondooroo haareya.
O significado espiritual
A Ceia é participação no corpo e no sangue de Cristo. Jesus ensinou que quem come de sua carne e bebe de seu sangue tem a vida eterna.
Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe.
Yesuus isaaniin, «Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu. Nami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme’ee du’a keessaa isa hin kaasa. Foon kiyya sagalee dhuga’aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga’aa ti. Ka foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha. Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba’aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata. Sagaleen ol-gubba’aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata» jedhe.
Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif te’u; kana qaabbii tiyyaaf godhadha’a» jedhe. Akkasuma Irbaataan duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun gondooroo haareya dhiiga kiyyaan teetu; yennaa isii untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha’a» jedhe.
Isin yennaa xaltaa daabbo’oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi’ee dhufutti du’a isaa lalladdan. Tanaaf eennulle akka hin malleen, daabboo Gootta’aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta’aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta’aa waan salphiseef itti gaafatama. Maarre, eennulle daabboo tana adoo hin nyaatin, muduunuu tanalle adoo hin unin ifi qorqoruu qaba.
Isin yennaa xaltaa daabbo’oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi’ee dhufutti du’a isaa lalladdan.
A prática da Igreja
Desde os primeiros cristãos, a Ceia do Senhor é parte fundamental da vida comunitária da Igreja, celebrada com reverência e exame de consciência.
Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma’aan le’aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.
Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka’aa kolba’atti dubbate.
Isaan woliin qori’itti hiiqee yennaa tee’e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne.
Tanaaf eennulle akka hin malleen, daabboo Gootta’aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta’aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta’aa waan salphiseef itti gaafatama. Maarre, eennulle daabboo tana adoo hin nyaatin, muduunuu tanalle adoo hin unin ifi qorqoruu qaba. Eennulle foon Gootta’aa maan akka te’e adoo hin hubatin, foon Gootta’aa yoo nyaate, muduunuu Gootta’aalle yoo une yakkaamessa ifi godha.